Daandii Itoophiyaa ol ka'insa duraaniitti deebisu.
Seenaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa kan tahe Mariin biyyooleessaa gaggeeffameeti jira.Marii biyyooleessaa kana irratti bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa kumni 4 guyyoota 40 f Finfinneetti wal gahanii rakkoolee akka biyyaatti qabnu irratti marihachuun yaadawwan furmaataa kaayanii jiru.
Cufinsa marii biyyooleessaa kana irratti keessummaa kabajaa tahanii kan argaman preezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu keeniyaattaan haasawa dinqisiisaa tahe dhageessisanii jiru.

“Itoophiyaan biyya qaroomaaf balbala saaqxe qofa osoo hin taane,biyya Afrikaanoota hunda boonsiftee dha.
Itoophiyaan fakkeenya bilisummaa fi kabaja Afrikaanootaati.
Itoophiyaan yoomiyyuu fakkeenya hiree ofii ofiin murteeffachuuti.
Injifannoon Itoophiyaan bara 1888titti lola Adwaa irratti gonfatte hiikkoon inni qabu guddaa dha.
Injifannoon Adwaa kun,injifannoo Itoophiyaanoonni dirree lolaa irratti ofii isaanii qofaaf gonfatan osoo hin taane,injifannoo hegeree ummata gurraacha Afrikaa kan murteesee dha.
Dabalataan injifannoon Adwaa kun,seeneessa warri Awurooppaa hin mo’aman jedhu bu’uura irraa kan diige akka tahe hubatamuu qaba.
Injifannoon Adwaa, injifannoo Itoophiyaanoonni waloomaan dhaabbatanii falmachuun gonfatanii dha.
Injifannoon kun Itoophiyaanoota qofa kan boonse osoo hin taane Afrikaanoota hunda kan boonsee dha.
Itoophiyaan dhaabbanni tokkummaa Afrikaa akka hundeeffamuuf gaheen taphatte kan akka salphaatti ilaalamuu miti.
Keessattuu,mootii Hayila Sillaaseen waltajjii dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti haqa barbaadaaf jedhanii haasaan dhageessisan seenaa keessatti yoomiyyuu hin dagatamu.
Taateewwan eeraman kun ammoo,Itoophiyaan Afrikaanoota hundaaf sagalee tahuu akka dandeessu waan mirkaneesseef biyya Afrikaanoonni hundi abdatan tahuu dandeessee jirti.
Fakkeenyaaf: biyyi koo Keeniyaan gaafa gita bittaa kolonii jala turteetti alaabaa mataa isii hin qabdu turte.
Toora bara 1923 gaafa Abbaan koo Jomoo Keeniyaattaan Landaniitti barumsa irra turan Keeniyaan alaabaa mataa isii hin qabdu turte.Abbaan koo yeroo sanatti dargaggeessa turan.
Yeroo san keessatti,abbaan kiyya faan iddoo itti baratan sanatti alaabaa Itoophiyaa halluu magariisa,keelloo fi diimaa qabu maxxanfatanii daawwachaa oolu.
Sababni kana godhaniif ammoo,alaabaan Itoophiyaa faajjii bilisummaa ummatoota Afrikaa hundaa akka tahe waan hubataniifi.
Alabaan Itoophiyaa abbaan kiyya faan akkasitti kutaa isaanii keessatti fannisan sun akkuma Itoophiyaa kanatti,Afrikaanoonni birootis biyya isaanii kolonii jalaa baasuun bilisoomuu ni danda’u jedhanii abdii akka horatan isaan taasise.

Itoophiyaan biyya aadaa gabbataa tahe qabdu,biyya afaanoonni baayyen itti dubbataman,biyya duudhaalee babbareedaa heddu qabdu,biyya miidhaginni isii nama hawwatuu dha.
Kana keessaa isa tokko luqqaafnee ni baasna yoo jenne akkuma uffata jibriin isaa hiikkameetti miidhagina isii dhabdi.
Yammuu eenyummaan inni tokko tuqamu eenyummaawwan hafaniis walumaan tuqamu.
Haa tahu malee, “ hanga Afrikaanoonni Itoophiyaa dinqisiifatanii kabajan yammuu argimuu fi dhageenyu,nutimmoo hangam biyya teenyaaf amanamnee jirra laata?” jennee of gaafachuun barbaachisaa dha.
Osoo Afrikaannoonni abdii nurra kaawwatanii jiranuu,nuti ammoo cimina keenya dagannee garaagarummaa nu keessa jiru bal’isaa,tokkummaa fi nageenya keenya dadhabsiisaa waan dhufneef, baroota hedduuf gidiraa fi miskinummaaf of saaxillee as geenye.
Badhaasa garaagarummaan keenya nuuf kenne wallaallee,wal diddaa siyaasaatiif karaa banneeti jirra.
Waloomaan dhaabbachuu dhiisnee,tokkoon keenya isa kaan harkisuu fi sakaaluu irratti waan xiyyeeffanneef of madeessineeti jirra.
Garaagarummaa siyaasaa keenyaa mariidhaan furuu osoo qabnuu gara waliitti bu’insaatti waan qajeelleef,nageenyi keenya balaa irra bu’uuf dirqameeti jira.
Sababii kana irraa kan ka’e,Itoophiyaan hawaasni addunyaa cimina isiitiin beeku sun,nagaa dhabdee rakkoodhaaf saaxilamtee,hanga ijoollee isii sooruu dadhabdu takka geessee turte.
Seenaan gaddisiisaan kun ammoo,caphinsa isa guddaa seenaa keenya keessatti nu mudate akka tahe hubatamuutu irra jiraata.
Caphiinsa guddaa kanaas har’uma wal’aanuu danda’uu qabna.
Yeroo ammaa,Itoophiyaan hirriiba irraa dammaqxee olka’insa duraan irra turteetti deebi’uuf daandii haaraa jalqabdeeti jirti.
Daandiin haaraan kuniis marii biyyooleessaa kana.
Wal diddaan yookiin waliitti bu’insi biyya kamuu keessatti mudachuu ni danda’a.
Haa tahu malee,wonti guddaan yoomiyyuu dagatamuu hin qabne yoo jiraate,biyya ofiiti.
Waan kana taheef,walitti bu’insa booda waliin gad taa’anii marihachuun waliitti bu’insa uumame saniif furmaata kennuun dhimma murteessaa dha.
Waltajjiin marii biyyooleessaa ijoolleen Itoophiyaa kallattii hunda irraa waliitti dhufanii dhimma biyyaa irratti waliin irratti marihatan kun,ol ka’insa biyyattiin duraan irra turteetti deebi’uuf bu’uura ka’umsaa isa guddaa dha.
Itoophiyaan imalli gama marii biyyooleessaatiin jalqabde kun,kabaja dur qabdu deeffachuuf akka murteeffattee kaate agarsiisa.
Taateen kun,Itoophiyaan qabeenya umamaa isii misoomsitee ifaa Afrikaanoota hundaa taatee akka itti fuftuuf boqonnaa seenaa haaraa kan saaqee dha.
Imala dheeraa fi amansiisaa tahe imaluuf waliin taanee deemuu qabna."

Haasawa Pirezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa kan gaanfa Afrikaa Oliseeguun Obosaanjoon taasisan:
“Mummichi ministraa fi komishiniin marii biyyooleessaa milkaa’ina argame kanaaf baga gammaddan.
Mariin biyyooleessaa kun kaayyoo isaa ijoo kan godhate nageenyaa fi tasgabbii irratti.
Nageenyaa fi tasgabbii irratti xiyyeeffachuun isaa guddinaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf dhimma murteessaa waan taheefi.
Lammiileen Itoophiyaa hundi nageenyi isaanii eeggamee gammadaa tahanii jiraachuu kan danda’an nageenyaa fi tasgabbiin yoo jiraatee dha.
Nageenyi wahaalleefuu barbaachisaa dha.
Sababni mariin biyyooleessaa kun baarbaachiseefis kanuma.
Yaa’iin mariii biyyooleessaa har’a xumuurame kun qophiin isaa waggaa 4 fudhachuun isaa waan nama ajaa’ibsiisu hin qabu.
Reefu itti aantuun komishinara olaanaa marii biyyooleessaa akka himaniitti, yaa’ii marii biyooleessaa amma xumuurame kana irratti bakka bu’oonni hawaasaa kuma 4 hirmaatanii jiru.
Mariin biyyooleessaa hirmaattoota dila kana hirmaachisuun gaggeeffame kun seena qabeessa.
Afrikaanoota hundaaf fakkeenya kan ta’uu dha.
Marii biyyooleessaa kanaan bu’uura guddummaa Itoophiyaa mirkaneessu kaa’uu keessaniif ammaas baga gammadan jechuun barbaada.
Yoomiyyuu nageenya mirkaneessuu kan qabnu mataa keenya qofaaf jenneeti miti.
Nageenyaa fi tasgabbii waloo mirkaneessuutu nurraa barbaadama.
Sababni kana goonuuf ammoo itti gaafatamummaa waloo waan qabnuufi.
Itti gaafatamummaa waloo kana bahachuun badhaadhina waloo sadarkaa biyyootaa,ardii fi idil addunyaatti mirkaneessuuf nu dandeessisa.
Ani muuxannoo kiyya irraa wontiniin hubadhe yoo jiraate,Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii waaraa yoo qabaatte, tokkummaa cimaa yoo qabaattee fi misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuu yoo dandeesse waggoota 7 keessatti ‘GDP’yookiin oomisha waliigalaa wagga waggaan oomishtu dachaadhaan ol gudiisuu ni dandeessi amantaa jedhuun qaba.
Itoophiyaan kana dhugoomsuu yoo dandeesse ardii Afrikaa keessaa biyya diinagdee guddaa ijaarrattu ni taati.
Kanaaniis,tarree biyyoota guddataniitti makamuu ni dandeessi jedheen yaada.
Hundi keenya waliitti bu’insoota,wal waraansa, wal diddaawwan, sarbama mirgaa, wal qoqqooduu fi mooggatii wal dhiibuu kanaan dura qormaata nutti tahanii turan haa irraanfannuun jedha.
Qormaatawwan kanatti of duuba deebi’uun nurra hin jiraatu.
Kana booda nuuf ga’a jechuu danda’uu qabna.
Mariin biyyooleessaa har’a xumuurame kun bulchiinsa gaarii siransiisuuf akkanumattiis hoggansa cimaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaayeera jedheen yaada.
Nuti isin bira dhaabbanna.
Hegeree bareedaa tahe isiniif hawwina.”