Dhaabbanni telekomunikeeshinii damee rijinii jiddu galeessa bahaa barattoota harka qalleeyyiif deeggarsa meeeshaalee barnootaa taasise.
Dhaabbatichi deeggarsa dabtara darzana 800 kan taasie manneen barnoota 13 naannoo Hararii kessatti argamaniifi.
Naannoo Hararii man barnoota moodeelii 2ffaatti argamuun Deeggarsa meeshaalee barnootaa kana kan taasisan hogganaa telekomunikeeshinii rijinii jiddu galeessa bahaa obbo Charuu girmaati.
Hogganaan biiroo barnoota naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawooniis sirna deeggarsaa kana irratti argamanii jiru.
hogganaan telekomunikeeshinii rijinii bahaa obbo Charuu girmaa akka dubbataniitiis, telekomunikeeshiniin Itoophiyaa bara baajataa 2018 qofatti sadarkaa biyyooleessaatti hujii tola oltummaa qarshii Miliyoona 400 fi miliyoona 92ti shalagamu raawwateeti jira.
Guyyaa har’aa kanattiis sadarkaa biyyooleessaatti dhaabbatichi deeggarsa qarshii miliyoona 100 fi miliyoona 13 caalu gochuu isaati kan dubbatan.
Akka rijinii jiddu galeessa bahaattiis, dhaabbatichi deeggarsa dabtara darzan 300 barattoota harka qalleeyyii godina Harargee bahaa fi magaalaa Maayyaatti argamaniif gochuu isaa obbo Charuun dubbataniiti jiran.
Hogganaan biirii barnoota naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawooniis deeggarsa telekomunikeeshiniin taasise kanaaf galatoomfataniiti jiran.
Telekomunikeeshiiniin rijinii jiddu galeessa bahaa warra meqedooniyaatiifis kaleessa deeggarsa birrii miliyoona 1 fi tuqaa 1tti shalagamu taasisuu isaa rippoortara keenya kan afaan Hararii Muniir Abdukarimiitu gabaase.