Fulbana 02 bara 2019 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Saa’udi Arabiyaan ujummoo boba’aa ittiin daddabrsitu murteessaa ta’e cufte.
Saa’udi Arabiyaan ujummoo kan kan cufte ujummoo boba’aa daddabarsu kana irratti haleellaan Droonii erga raawwatame booda ta’uun beekkamee jira.
Haleellaan Diroonii kun kan raawwatame naannoo bulchiinsa Saa’udii Iraaniif dhihoo jiruutti akka ta’e Saa’udii Arabiyaan beeksiftee jirti.

Ujummoon boba’aa daddabrsu kan Saa’udii Arabiyaa jalaa haleelame kun dheerina kiloo meetira 1200 kan qabuu dha.
Ujummoon kun addunyaa irraa ujummoo daddabarsa boba’aa isa dheeraa akka ta’e gabaasni ‘BBC’n baase ni mul’isa.
Erga xurreen galaana Hormuuz cufame booda Saa;udi Arabiyaan ujummoo kanaan boba’aa isii gabaa addunyaatiif dhiheessaa turte.
Akka Roytars gabaaseetti,ujummoon daddabarsa boba’aa Saa’udii Arabiyaan jimmata kaleessaa irraa kaastee cufte kun, dhiheessi boba’aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 4 hanga 5 kan ga’u ittiin daddabarfamaa ture.