ODUU:Itti aanaan mummicha ministraa Tamasgeen Xurunaa naannoolee Itoophiyaa bahaatti hujiwwan misoomaa gara garaa daawwatan.

Guyyaa 13 09 2018 Akka bar-lakkooftuu Itoophiyaatti.

Itti aanaan mummicha ministraa Rippaablikii Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Tamasgeen Xurunaa naannoolee Itoophiyaa bahaatti hujiwwan misoomaa gara garaa daawwatan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa naannoo Oromiyaa, godina Harargee bahaa,aanaa Gurawaatti argamuun hujii misooma suluulaa araddaa Mayra Guddinaatti hirmaannaa ummataatiin hojjatame daawwatanii jiru.

Hujiin hojjatame kuniis gara sadarkaa misoomaa isa olaanaatti cehaa jira jedhan. 

 

Haroon bara 1996tti gogee ture bifa kanaan deebi'uun isaa bu'aa hujii sagantaa ashaaraa magariisaatiin argame ta'uu obbo Tamasgeen Xurunaa ibsanii jiru.

Itti aanaan mummicha ministraa RDFI Tamasgeen Xurunaa aanaa Haramaayyaatti goruun Haroo Haramaayaa daawwatanii jiru. 

Obbo Tamasgeen Xurunaa hujii misooma koridarii baadiyyaa naannoo Hararii araddaa Soofitti hojjatame daawwatanii jiru.

Araddaa Soofitti manneen modeelii qonnaan bultootaaf ijaaraman daawwatan.

Manneen modeeliin kun qabeenya naannootti argamuun kan ijaaramanii dha. 

Dabalataan,Itti aanaan mummicha ministraa RDFI Tamasgeen Xurunaan naannoo Harariitti hujiiwwan gama "Leemaat tirrufaatiin" hojjataman daawwatanii jiru.

Hujiin kuniis carraaqqii nyaataan of danda'uuf taasifamu milkeessuuf kan gargaaru akka ta'e himanii jiru.

Itti aanaan mummicha ministraa RDFI Tamasgeen Xurunaan gama Dirree Dhawaa imaluudhaan hujiiwwan gama misooma industriitiin hojjatamaa jiran daawwatanii jiru.            

Hujiiwwan gama Kanaan Dirree Dhawaa keessatti hojjatamaa jiran agarsiistuu badhaadhinaa ta'uu isaaniti obbo Tamasgeen kan ibsan.

Post a Comment

Previous Post Next Post