Ashaaraa magariisaa wabii hegeree keenyaa.
Bosonni qabeenya guddaa dha.Bosonni wabii jiruu fi jireenya dhala namaati.Bosonni bineensootaafiis wabii jiruu fi jireenya isaaniiti.
Akka waliigalaatti,waggoota 30 dura uwwisni qabeenya bosonaa Itoophiyaan qabaachaa turte,dhibbeentaa 30 irra akka ture ragaaleen ni mul’isu.
Haa tahu Male, sababii gara garaatiin qabeenyi bosona kun manca’uu isaatiin uwwisni qabeenya bosonaa dhibbeentaa 30 irra ture gara dhibbeentaa 3tti gad bu’ee akka ture bal’inaan ibsamaati kan ture.
Kana irraan kan ka’e,biyti teenya Itoophiyaan balaawwan uumamaa adda addaatiif saaxilamaati turte.
Fakkeenyaaf:faalkaan uumamaa jijjiiramaa deemuun,Robni qaqal'achuun,waqtiin roobaa wal faalleessuun,balaan hongee deddeebi'ee mudachuun,gammoojjummaan babal'achuuni fi Kkf'n eeramuu in danda'u.
Keessattuu,lafa qonnaa babal’ifachuuf jedhanii bosona mancaasuunii fi cilee oomishuuf jedhanii mukkeen gaaraa barbadeessuun sababoota manca’ina bosonaatiif eeraman keessaa isaan gurguddaa dha.
Qabeenyi bosonaa sababoota eeraman kanaa fi sababoota biraatiin mancaafamaa as gahe kun,rakkoon inni kallattii gara garaatiin dhaqqabsiisaa jiru tokko lamaa miti.
Fakkeenyaaf:akkuma idil-addunyaattuu,yeroo dhihoo as,waa’een jijjiirama haala qilleensaa yaaddoo guddaa ta’ee jira.
Balaan hongee yeroo yeroodhaan biyyoota addunyaa gara garaa gaaga’aa ooluus agarsiiftuu isa guddaa dha.
Dabalataan,owwi qilleensa baramaa naannoo dabalaa deemuun,dhiqaminsi biyyee hammaachuun, waqtiin roobaa wal faalleessaa deemuun,madden bishaanii fi laggeen qaqal’achuuni fi kkf’n rakkoolee manca’ina bosonaatiin wal qabatee bara baraan mudachaa jiranii dha.
Rakkooleen sababa manca’ina bosonaatiin uumamaa jiran kun ammoo, midhaan isaan jiruu fi jireenya uummatoota biyyoota addunyaa gara garaa irratti dhaqqabsiisaa jiran baayyee dha.
Fakkeenyaaf:biyyuma teenya Itoophiyaa fudhannee yoo ilaalle,sababii manca’ina bosonaatiin iddoo gara garaatti hanqinni roobaa yeroo adda addaatti mudachaa jira.
Naannoolee adda addaatti Lafti dur gabbataa ture akka hin taaneetti dhiqamee gabbina isaa dhabuuf dirqamee jira.
Oomishattummaan qonnaa akka xiqqaatu gochuu irrattiis manca’insi bosonaa gumaacha olaanaa godhee akka jiru yeroo kamiyyuu caalaa hubatamaa dhufeeti jira.
Madden bishaanii sababa manca’ina bosonaatiin goganii badaniis tokko lamaa miti.
Qabeenyi bishaan lafa irraafi lafa keessaa hir’achaa dhufeeti jira.
Bineensotni bosonaa baayyeeniis dahoo jireenyaa dhabanii akka godaanan taasisee jira.
Rakkoolee sababa manca’ina bosonaatiin dhufaa jiran kana hir’isuuf waggoota muraasaa as sadarkaa biyyaa fi naannootti waggaa waggaan duulli biqiltuu dhaabuu hirmaannaa uummataatiin geggeeffamuu jalqabee jira.
Kanaaf ammoo agarsiiftuun guddaan inni tokko,yaada mummichi ministraa keenya kabajamoo doktar Abiy Ahmad maddisiisaniin hujii irra ooluu kan jalqabe sagantaa Ashaaraa Magariisaati.
Sagantaan ashaaraa magariisaa biyya teenyatti hujii irra ooluu erga jalqabe waggoota 7 lakkoofsisuu isaati.
Sagantaan Ashasraa Magariisaa yeroo duraatiif Itoophiyatti hujii irra kan oole bara 2011tti.Gaafa san, akka biyyaatti guyyaa tokkootti Biqiltuu Miliyoona 200 dhaabuuf karoorfamee hirmaannaa uummataatiin hujii hojjatameen guyyaa tokkootti biqiltuu Miliyoona 300 fi Miliyoona 53 fi kuma 600 fi kuma 33 fi dhibba 6 fi 60 dhaabuun danda’amee jira.
Kanaaniis Itoophiyaan guyyaa tokkootti biqiltuu hedduu dhaabuudhaan addunyaa irratti rikkardii qabachuu akka dandeesse ni yaadatama.
Sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota 7n dabraniif biyya teenyatti hujii irra ooleen biqiltuuleen mukaa Biliyoona 48 caalan dhaabamanii jiru.
Biqiltuulee dhaabaman kana keessaa dhibbeentaa 84 kana caalu yookiin biqiltuuleen mukaa Biliyoona 40 caalan qabatanii marganii jiru.
Lafti hektaara miliyoona 10 caalu ammoo,dhiqama biyyee irraa baraaramee jira.
Uwwisni bosona biyya keenyaa sababii manca’ina bosonaatiin dhibbeentaa 3 tti gad bu’ee ture,amma gara dhibbeentaa 23.6 tti ol guddatee akka jiru ragaaleen ni mul’isu.
Faayidaan sagantaan ashaaraa magariisaa biyya keenyatti argamsiise kana qofaas miti.
Lammiilee miliyoona 1.2 gayaniif carraa hujii adda addaa uumeeti jira.

Bosona manca’e deebisanii misoomsuuf waggoota murasa dabraniif tattaaffii taasifaeen jijjiiramni gaariin mul’achaa akka jiru ragaaleen adda addaa ni mul’isu.
Hawaasni biyyaatiis ragaa bahaatuma jira.
Waggoota muraasa dabraniif sagantaa ashaaraa magariisaatii fi hujii gama misooma suluulaatiin hojjatameen,naannoolee gara garaatti lafti bosonni irraa manca’ee ture deebi’ee misoomuu jalqabee jira.
Dhiqamni biyyee hir’achaa gabbinni biyyeetiis dabalaa akka jiru qonaan bultootaa fi ogeeyyiin misooma qonnaa yeroo adda addaatti hoggaa ibsan dhagayaatuma jirra.
Kana irraa kan ka’ees, oomishni qonnaa fi Qabeenyi bishaanii lafa gubbaa fi garaa dachii keessa jiru gabbachaa akka dhufees ragaaleen agarsiisan ni jiru.
Maddeen bishaanii duraan goggoganii badan deebi'anii burquu jalqabaniiti jiran.
Aanaalee tokko tokkotti ammaas misooma jallisitiif haalli mijjaawaan uumamee jira.
Fkf: Godina Harargee lixaa Aanaa Qunnii keessatti kan arkamu gaara Sorooroo fakkeenya fudhachuun ni dandayama.
Gaarreen duraan mukni irraa dhumee addaataniis deebi'anii magariisa uffachuu jalqabaniiti jiran.
Kanaaniis dhiqaminsi biyyee fi balaan lolaa xiqqaachaati jira.
Rakkoon gama qoonqoo looniitiin hawasa mudachaa tureefis furmaata tahuu eegaleeti jira.
Dargaggoonni hedduuniis gaarreeni fi sululoota misooman kana irratti waldayaan ijaaramanii hujii adda addaa uummachuu dandayanoiti jiran.
Fkf:horsiisaa fi gabbisa loonii, Horsiisa kanniisaa fi oomisha daymaa kkf n irratti ijaaramanii fayyadamaa tahaa jiran hedduu dha.
Kanaafis fakkeenya eeruun yoo barbaachise,gaara Ciroo qallaa gubbatti dargaggoota gabbisa looniitii fi oomisha daymaa irratti bobbahan eeruun ni dandayama.
Jijjiiramni mul’achuu jalqabe kuniis,dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhameeti yaadama.

Duudhaalee babbareedaa sirni Gadaa Oromoo qabu keessaa inni tokko, qabeenya uumamaa kunuunsuu dha.
Oromoon ilma namaa dhiisaatii mukaa fi bineensa gaaraatifiillee jaalalaa fi kabajaa guddaa qaba.
Sirni Gadaa Oromoo seera mirga ilma namaa ittiin eeguun ni qaba.
Seera biqiltuun ittiin kunuunfamuuniis ni qaba.
Aadaa Oromoo keessatti muka ol guddatu muruun dhoorkaa dha.
Dargaggeessi ol guddatu tokko muka ol guddatu muruuniis dhoorkaadha.
Sirna Gadaa Oromoo keessatti muka kamtuu muramaa? Muka kamtuu hin muramne? Muka yoo muran akkamitti bakka buusan? Gaaffiileen jedhan deebii quubsaa ta’e qabu.
Oromooniis duudhaa sirna Gadaa isaa irraa dhaale kanaan gargaaramee mukkeen gosa gosaa kunuunsaa magarsaati kan as ga’e.
Osoo uummanni Oromoo akkas gochuu baatee, bosonni har’a Oromiyaa keessatti agarru kun qaata bada ture.
Kanaafuu, har’aas taanaan Oromoon duudhaa isaa isa ganamaa saniitti deebi’ee, biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu irratti bal’inaan xiyyeeffatee hojjachuutu irraa eggama.
Rakkoolee manca’ina bosonaatiin wal qabatee hawaasa idil-aadunyaa mudachaa jiran kana maqsuuf, duudhaa Oromoo isa ganamaa kanatti deebi’uu fi duudhaan Oromoo kun addunyaa irratti beekkamee hujii irra akka ooluuf barsiisuutu fala ta’a.
Kana irraa ka’uudhaan, dhaloonni ammaa Ashaaraa magariisaa kaawwatee akka dabru gochuuf sadarkaa biyyaatti duulli biqiltuu dhaabuu wagga waggaan gaggeeffamuu jalqabee jira.
Duula dhaabbii biqiltuu kana irrattiis lammiin biyyaa hundinuu hirmaannaa owwaa ni godha jedhamee eeggama.

Biqiltuu dhaabuun faayidaan inni qabu hedduu dha.
Fkf - Biqiltuu dhaabanii kunuunsuun dachee magariisaa gochuudhaan qilleensi jiruufi jireenya lubbu-qabeeyyiitiif mijjaa’aa ta’e akka uumamu taasisa.
Gammoojjummaan akka hin babal’anne taasisa.
Balaa Hongee hambisuu keessattiis gumaacha guddaa qaba.
Laggeeniifi haroowwan sababa manca’ina bosonaatiin goginsaaf saaxilamanii turan deebi’anii akka guutaman godha.
Roobni ga’aan hujii qonnaatiif mijjaa’aa ta’ees argamuu kan danda’u, yoo qabeenyi bosonaa sirriitti kunuunfamee misoome qofa.
Ilmi namaatii fi bineensoonni kamiyyuu sadoo fi qananiidhaan jiraachuu kan danda’an qabeenyi bosonaa fi qabeenyi uumamaa sirnaan kunuunfamee yoo misoome qofa.
Keessattuu bosonni sirriitti kunuunfamee yoo misoome, matuma isaatiinuu hawwata Turistii ta’uudhaan sharafa alaa nuuf argamsiisuullee ni danda’a.
Carraa hujii gosa baayyees nuuf uumuu ni danda’a.
Fkf – Bakka bosonaan uwwifameetti hujii horsiisa kanniisaa, gabbisa loonii, horsiisa beelladaa, turizmii fi kkf’n irratti bal’inaan bobba’uuf haalli mijjaawaan ni uumama.
Dabalataan, bakka bosonni gahaan jiruutti bishaan ni burqa waan ta’eef hujii misooma jallisii irratti bobba’uudhaan fayyadamaa ta’uuniis ni danda’ama.
Kanaafuu,bosona misoomsuu fi kunuunsuun dhaloota har’aatiif seenaa guddaadha.
Dhaloota boriitiif ammoo,faayidaa guddaadha.
Baranaas biqiltuulee mukaa Biliyoona 8 dhaabuuf karoorfamee jira.
Akkuma mummichi ministraa keenya kabajamoo Doktar Abiy Ahmad Alii jedhaniitti,har’a biqiltuu mukaa dhaabuun boriif hegeree bareedaa dhaabuu jechuu dha.
Waan kana taheef sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018 irratti lammiin hunduu tumsa gochuutu irraa eeggama.
Kan qopheesse:- Abdusalaam Mahaammadi.