Fulbana 02 bara 2019 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Yaa'iin BRICS 18ffaan gaggeeffamaa jira.
Mummichi ministiraa RDFI Doktar Abiy Ahmad yaa’ii BRICS 18ffaa irratti hirmaachuuf Hindii, Niw Deelhii galanii jiru.
Mummichi ministiraa Doktar Abiy Ahmad jila isaanitiin wajji yaa’ii BRICS guyyoota lamaaf turu kana irratti ni hirmaatu.

Yaa’iin BRICS 18ffaan mata duree “Cichoomina, kalaqa,tumsaa fi hegeree ijaaruu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
BRICS kan hundeessan Hindii,Braazil,Chaayinaa fi Raashiyaa turan.
Gurmuun kun jalqaba yammuu hundaa’u BRIC jedhamee waamamaa ture.
Ergasii Afrikaan kibbaa gurmuu kanatti waan makamteef BRICS jedhamee moggaafame.
Gurmuun biyyoota kanneeniin hundeeffame kun,har’a biyyoota miseensaa 12 of jalaa qaba.
Itoophiyaa,Masrii,Iraan,Arjantiinaa,Afrikaa kibbaa, Hindii, Raashiyaa, Braazil,Gamtaa Imreetoota Arabaa,Saa'udi Arabiyaa, Indooneeshiyaa fi Chaayinaan miseensoota gurmuu kanaati.

Mummichi ministiraa RDFI Doktar Abiy Ahmad yaa’ii BRICS 18ffaa irratti hirmaachuuf Hindii, Niw Deelhii erga dhaqan booda mummicha ministira Hindii Naarendiraa Moodii waliin hariiroo gam-lamee Itoophiyaa fi Hindii jidduu jiru cimsuun haala danda’amu irratti marihatanii jiru.
Doktar Abiy Ahmad preezidaantii Iraan Mas’uud Peezeeshkiyaan waliiniis haala nageenya naannawaa irratti marihachuu isaanii beeksisanii jiru.

Yaa’iin BRICS 18ffaan dhimmoota bulchiinsa idil addunyaa cimsuu, dhagayamummaa biyyoota guddachaa jiranii guddisuu fi tumsa daldalaa fi invastimantii cimsuu irratti xiyyeeffata.
Dhimmoota nageenyaa, walitti hidhaminsa dhiheessii fi diinagdee dijitaalawaa babal’isuu faa irrattiis ni xiyyeeffata jedhameeti jira.