Garaagarummaan keenya nuuf badhaasa.
Biyti teenya Itoophiyaan haadha ummatoota, sabootaa fi sab-lammoota 80 oliiti.
Biyti teenya Itoophiyaan biyya tokkummaa sab-daneessummaan ijaaramtee dha.
Tokkummaa sab-daneessummaa yammuu jedhamu,tokkummaa garaa garummaa keessummeessu jechuu dha.
Biyti teenya biyya ummatoonni,sabootaa fi sab-lammoonni 80m caalan walii wajjiin keessa jiraatan tahuu isiitiin,garaagarummaan sabummaa,afaan,aadaa,seenaa fi duudhaa gara garaatu keessaa mul’ata.
Garaagarummaan keenya kuniis madda ciminaati malee madda rakkooti miti.
Akka hayyoonni gara garaa jedhaniitti, garaagarummaa keessa miidhaginaatu jira.
Garaagarummaa keessa kennaa adda addaatu jira.
Garaagarummaa keessa duudhaalee babbareedaa bayyeetu jira.
Garaagarummaa keessa muuxannoo hedduutu jira.
Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko garaagarummaa sab-daneessummaa keessa jiru fi tokkummaan akka waan waliif faallaa ta’anii godhamee akkaataan itti ilaalamu ni jira.
Kun ammoo dogoggora guddaa dha.
Akkamitti yoo jedhame,hawaasa biyya tokkoo biratti garaagarummaan sabummaa,kan afaanii,aadaa,seenaa fi amantii ni jira jechuun hawaasni sun tokkoo miti nama hin jechisiisu.
Garaagarummaan adda addaa hawaasa tokko keessa ni jira jechuun,hawaasni sun wal quba hin qabu tokkoomuu hin danda’u jechuus miti.
Hawaasni biyya tokkoo garaagarummaa sabummaa,kan afaanii, aadaa,seenaa fi amantii qabaatuus,garuu biyya tokko waliin qaba.
Dhimmoonni siyaas-diinagdee hawaasa biyya tokkoo tokkoomsuu danda’aniis numa jiraatu.
Hawaasni tokko hangamillee garaagarummaa yoo qabaate,faayidaa fi dantaan waliitti isa firoomsu hin dhabamu.
Dhugaa kana mirkaneessuuf fagoo deemuun nurraa hin eeggamu.
Tokkummaa sab-daneessummaa Ummatoonni ,sabootaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa qaban ilaaluun gahaa dha.

Dhuguma! Ummatoonni ,sabootaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa sabummaa adda addaa himatan. Afaan adda addaa dubbatan.
Aadaa gara garaatiin of ibsan.Seenaan isaaniitiis akkasumatti garagara.
Haa tahu malee,ummatoonni,sabootaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa kun,garaagarummaa dila kana qabaataniis,isaan hundi biyya takkaan waamaman.
Isaan hundi Itoophiiyaanoota tahuu isaanii dubbatan.
Kana biraas dabree,Ummatoonni ,sabootaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa waa baayyeedhaan waliitti hidhamanii jiran.
Fakkeenyaaf: Amantiin ummatoota, sabootaa sab-lammoota biyya keenyaa hedduu isaanii waliitti hidheeti jira.
Fakkeenyaaf: Amantiin kiristsaanaa fi Islaamaa ummatoota,sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa baayyee isaanii waliitti hidhee akka jiru ni beekkama.
Aadaa fi seenaaniis baayyee isaanii waliitti hidheeti jira.
Sabaa fi sab-lammoonni biyya keenyaa kanneen aadaa fi duudhaa wal fakkaataa tahe qaban hedduutu jira.
Fakkeenyaaf: aadaa fuudhaaf heerumaa ummanni Oromoo fi Somaalee qaban ilaaluun ni danda’ama.
Ummatoonni lameen kun aadaan uffannaa isaaniitiis baayyee wal fakkeenya qaba.
Gama biraatiin ammoo,waliitti hidhaminsi diingdeetiis ni jira.
Fakkeenyaaf: Oromoon Harargee oomishaalee isaa baayyinaan kan dhiheessu ummata Somaalee ollaa isaatti argamuufi.
Gama kaaniin ammaas,waliitti hidhamiinsa gaa’eelaatu jira.
Dhalattoonni saba adda addaa kan wal fuudhanii ilmaan wal irraa horan miliyoonaan kan lakkaawamanii dha.
Kana qofattiis hin dhaabbatu.
Kaayyoon siyaasaa walooti fi dantaan biyyooleessaatiis ummatoota, sabootaa fi sab-lammoota biyya keenyaa hunda isaanii waliitti hidheeti jira.
Kana hunda tuttuquun keenya waa maleefi miti.
Itoophiyaanoonni haada jajjabaa gosa hedduun waliitti hidhamanii akka jiran hubachiisuu barbaanneeti.
Haa tahu malee,garaagarummaawwan kun sirnoota dabran keessatti akka rakkootti ilaalamaati kan turan.
Kana irraan kan ka’e, sirnoota amma duraa keessatti,ummata tokko,afaan tokko,aadaa tokko,seenaa tokko uumuu qabna yaada jedhu qabachuun cunqursaa fi gidiraan ummatoota,sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa irra gahaa ture tokkoo lamaa miti.
Cunqursaan ture suniis,ummatoonni,sabootaa fi sab-lammoonnii biyya keenyaa mirgi namummaa fi demokraasii isaanii akka mulqamu taasie.
Ijoolleen ummatoota,sabootaa fi sab-lammootaa qawwee fannifatanii qabsoo hidhanootti akka galaniif isaan dirqisiise.
Biyyattii keessatti nageenyi akka hin jiraanne taasise.
Kun ammoo,biyti teenya baroota hedduuf wal waraansa keessa akka turtu waan godheef misooma irraa boodatti isii hambise.
As irratti wonti sirriitti beekkamu qabu yoo jiraate,sabummaan dhaloota malee waan namni guyyaa keessaa of irratti murteessu miti.
“Ani saba ebalu jedhamu irraahiin dhalachuu qaba” jedhee murteessee namni dhalatee hin jiru.Kun hujii Waaqaati.
Afaan dhalootaatiin dubbachuu fi dhimma bahuuniis,seera uumamaati malee waan ilmi namaa ofii isaatiif karoorsee ittiin haasawuu jalqabu miti.
Dhugaan jiru kana tahee osoo jiruu,sirnoota duraanii biratti ammoo dhugaan kun wallaalamee, garaagarummaa sabummaa,afaan,aadaa fi amantii sirnaan keessummeessuu dadhabuutuu biyya teenya rakkoo keessa galchee ture.
Waggoota 30 asiitti ammoo,garaagarummaan keenya miidhagina keenya akka tahe hubatameeti jira.
Garaagarummaan jiraatuus tokkoomuu akka dandeenyu hubatameeti jira.
Heerri mootummaa RDFI bara 1987tti raggaasifame garaagarummaa sabummaa,kan afaanii,aadaa,seenaa fi amantiif beekkamtii kennuun isaa seenaa Itoophiyaa keessatti jijjiirama isa guddaa dha.
Sab-daneessummaan jechuun hawaasa tokko keessatti namoonni eenyummaa garaagaraa qaban waliin jiraachuu jechuudha.
Garaagarummaan kun garaagarummaa sabummaa, kan afaanii, aadaa, amantii, seenaa fi duudhaa tahuu mala.
Garuu sab-daneessummaa jechuun wal jibbu jechuu miti.Addaan ba’u jechuu miti. Wal loluu jechuus miti. Ummanni yookiin Sabni tokko isa kaan ni caala jechuus miti.
Sab-daneessummaan jechuun garaagarummaa keenya waliif beeknee, waliif kabajnee, waliin jiraachuu jechuu dha.
Fakkeenyaaf, gabatee nyaataa tokko irratti nyaanni adda addaa yoo wal biratti dhihaate,garaagarummaan isaa miidhagina goonfachiisa.Namni nyaata san sooratulleen itti gammada.
Biyya takka keessatti garaagarummaan sabummaa,kan afaanii,aadaa,seenaa fi amantii jiraachuuniis ummata biyya saniitiif miidhagina dabala malee waan fokkisu hin qabu.
Tokkummaa sab-daneessummaa cimaa tahe ijaaruuf wal kabajuun barbaachisaa dha.
Garaagarummaawwan jiraniif beekkamtii kennanii waliif kabajuun tokkummaa sab-danessummaa irratti hundaa’e ijaaruuf dhimma murteessaa dha.
Dabalataan,tokkummaa sab-daneessummaa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf wal qixxummaan jiraachuu qaba.
Fakkeenyaaf: Saba ebaluutu sabootaa fi sab-lammoota kan irra caala yaanni jedhu yoo jiraate tokkummaa sab-daneessummaa irratti bu’ureeffame cimaa ijaaruun hin danda’amu.
Afaan warra ebaluutu afaanoota kaan caala yaadni jedhu yoo jiraatees tokkummaa sab-daneessummaa irratti bu’ureeffame cimaa ijaaruun hin danda’amu.
Aadaan tokko lellifamee aadaan biroo ammoo yoo gad qabame, tokkummaa sab-daneessummaa irratti bu’uureeffame dhugoomsuun rakkisaa ta’a.
Amantiin tokko qoftiin mootummaa biratti fudhatama argatee amantiiwwan bioroo ammoo kan mooggatti dhiibaman yoo tahees, rakkoo uuma.
Kanaafuu, biyya tokkummaa sab-daneessummaa dhugoomsuu barbaaddu kamiyyuu keessatti sirni wal qixxummaa irratti hundaa’ee fi haqa qabeessa ta’e jiraachuu qaba jechuu dha.
Namoonni tokko tokko“tokkummaan jedhamu kun sabummaa,afaan,aadaa fi seenaa keenya liqimsa waan taheef hin barbaachisu…” jedhanii dubbatu.
“Tokkummaa cimaa qabaachuuf sabummaa yookiin eenyummaa tokko qofa qabaachuu qabnaa…afaan tokko dubbachuu qabnaa…aadaa fi seenaa wal fakkaatu qabaachuu qabnaa…” jedhanii kanneen dubbataniis numa jiru.
Ajaa’iba! Yaadoonni eeraman lameenuu madda rakkoo biyya keenyaati.
Biyya teenyatti rakkoowwan bara dheeraaf uumamaa turaniif ka’umsi guddaan yaadaoota lameen kana.
Yeroo ammaa akanattiis yoo tahe, maddi rakkoo finxaaleessummaa yaadoota eeraman kana jechuun ni danda’ama.
Yaadamni Ida’amuu biyyattiin ittiin hogganamaa jirtu ammoo,yaadoota lameen kana kan waliitti araarsuu dha.
Itoophiyaa keessatti tokkummaa sab daneessummaa irratti hundaa’e ijaaruuf eenyummaa sabummaa balleessuun sirrii miti.
Itoophiyaa keessatti tokkummaa sab daneessummaa irratti hundaa’e ijaaruuf garaagarummaa qabnu ballessuu osoo hin taane, garaagarummaa qabnu waliif kabajuun barbaachisaa dha.
Garaagarummaa keenya qabannee,waan qabnu waliif kabajaa Itoophiyummaa keenyaan ammoo waliitti hidhamnee hawaasa tokkummaa cimaa qabu tahuu ni dandeenya.
Maaliif yoo jedhame,garaagarummaa keenya qofa lellisna yoo ta’e tokkummaa biyyooleessaatu laaffachaa deema.
Garaagarummaa keenya mooggatti dhisnee Itoophiyummaa qofa lellisna yoo jennees, gama wal diddaa fi walitti bu’insaatti nu geessa.
Kanaafuu,wantoota lameen kana wal dandeessifnee deemuun barbaachisaa akka ta’e yaadamni Ida’amuu ni barsiisa.
Saboonni garaagaraa biyya tokko keessatti jiraatan garaagarummaa isaanii osoo hin dhiisin ummata biyya tokko waliin qabu ta’uu ni danda’u.
Kun ammoo ta’uu kan danda’u yoo walqixxummaan jiraate, yoo Mirgi namoota hundaa kabajame, Hirmaannaan siyaasaa haqa qabeessa tahe yoo jiraate, Wal tuffachuun yoo dhabame fi Mariin rakkoo furuun yoo danda’amee dha.
Biyya tokko waliin qabna jechuun lafa tokko qofa waliin qooddachuu jechuun miti.
Biyya tokko waliin qabna jechuun heera tokko jalatti wajji bulla jechuu dha.
Biyya tokko waliin qabna jechuun kaayyoo fi dantaa waloo qabna jechuu dha.
Biyya tokko waliin qabaachuu jechuun qabeenya biyti sun qabdu waliin fayyadamuu jechuu dha.
Gaafa rakkoon mudatuus waliin dura dhaabbachuu jechuu dha.
Akkanumatti ammaas,guddinaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuuf waliin hojjachuu jechuu dha.
Biyya tokko waliin qabaachuu jechuun dhimma biyya san ilaallatu irratti waliin murteessuu danda’uu jechuu dha.
Biyya tokko waliin qabaachuu jechuun waa hundaa oliitti dirqama waliinii qabaachuu jechuu dha.
Fakkeenyaaf, nageenyi yoo dhabame, rakkoon sun saba tokko qofa hin ilaallatu.
Diinagdeen yoo kufe, rakkoon sun kutaa hawaasa tokko qofa hin miidhu.
Balaan uumamaa yoo mudate, namoota afaan tokko qofa dubbatan irratti hin dhaabbatu.
Waan kana taheef, biyya takka wajji qabna yoo tahe,wonti gaarii fi hamaan akka biyyaatti nu mudatu hundi nu ilaallata jechuu dha.
Rakkoo mudatuuf waliin furmaata barbaaduu qabna jechuu dha.
Tokkummaan jecha qofaan hin ijaaramu.
Sirba tokkummaa jedhu sirbuu qofaanis dhugoomuu hin danda’u.
Tokkummaa dhugaa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf dhimmoonni xiyyeeffannaa barbaadan ni jiru.
Fakkeenyaaf: Tokkummaan wal kabajuu irraa jalqaba.
Garaagarummaa qaban waliif beekanii wal kabajuun murteessaa dha.
Akkanumattiis,haqaa fi wal qixxummaa mirkaneessuun ni barbaachisa.
Dabalataan,marii fi wal dhageeffachuun baratamuu qaba.
Waa hundaa oliitti ammoo seeneessa waloo ijaarrachuun dhimma murteessaa akka tahe ni amanama.
Biyya akka Itoophiyaa garaaagarummaa hedduu qabdu keessatti garaagarummaa jiru sirnaan bulchuun barbaachisaa dha.
Garaagarummaa qabnu sirnaan bulchuu yoo dandeenye nageenya waaraa mirkaneessuu ni dandeenya.
Garaagarummaa qabnu sirnaan bulchuu yoo dandeenye, tokkummaa cimaa ijaaruun humna guddaa horachuu ni dandeenya.
Garaagarummaa keenya sirnaan bulchuu yoo dandeenye horataalee aadaa,duudhaa fi seenaa gabbataa tahan qabaachuu ni dandeenya.
Akkasumas, aadaawwan garaagaraa jiraachuun turizimiif hawwata guddaa tahuu danda’a.
Kanaaf, sab-daneessummaan akka rakkootti osoo hin taane, akka qabeenya biyyaalessaatti ilaalamuu qaba.
kan qopheesse: Abdusalaam Mahammad.