XIINXALA: Ummanni Itoophiyaa murna ABUTf iddoo hin qabu.

Ummanni Itoophiyaa murna ABUTf iddoo hin qabu.

“Harki hanna bare dooluutuu munyuuqaa…” jedha ummanni Oromoo hoggaa makmaaku.

“Waraabeessi bakka takka itti nyaateetti sagal agabaa…” jedhanii hoggaa makmaakaniis numa dhageenya.

Makmaaksoota kanaan eegaluun keenya waa maleefi miti.

Garee nama nyaataa waggoota 30f ummata Itoophiyaa qoqoraa tureetu ammaas, lamada ummata Itoophiyaa nyaachuuf amommoochaa jira.

Duuba… “osoo maqaa fi abbaan wal fakkatanii waa bareedaa!” jedhe jaarsi.

Murni ABUT kan maqaa ummata Tigraayiin daldaluu bare ammoo, akkuma Waraabeessi jedhe saniitti“kan garaa malee, kan maqaa yoom nu dhibee!?” jedhee jiru fakkaata.

Murni ABUT jedhee of waamu kun,dhugumattuu, maqaan ummata Tigraay kan taaappeellaa godhatee deemuun, isa biratti hiikkoo hin qabu jechuun ni danda’ama.

Toora jalaqba Bara 1960taatti, murni kun sirna Dargii kuffisuuf gaafa qabsoo hidhannoo eegalu,kaayyoo fi akeeka siyaasaa isa dhugaa qabateeti miti. 

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay, maqaa ummata miskinticha Tigraay taappeellaa godhatee gaafa gaara seenu, kaayyoon isaa inni guddaan ummtata Tigraay bilisoomsuu osoo hin taane,Ertiraan Itoophiyaa irraa muramtee akka kophaa baatu gochuudha ture.

Kaayyoon Ertiraa Itoophiyaa irraa muruu kun ammoo, ergama Masriin Itoophiyaa dadhabsiisuuf,murna Shaabiyaatiif kennite dha.

 Assab, Afar Ethiopia 🇪🇹 Assab or Aseb , is a port city in the Southern  Red Sea Region of Ethiopia. It is situated on the west coast of the Red  Sea. Languages

Masriin, Ertiraan Itoophiyaa irraa akka muramtu gochuu wonti barbaadduuf, Itoophiyaan Ertiraa dirqisiiftee qaama ofii waan godhatteefi miti.

Masriin, Ertraan Itoophiyaa irraa muramtee akka kophaa baatu gochuu wontii barbaadduuf, qaroomni Itoophiyaan dur galmeessifte hundi, bishaanoota gurguddaa lama irratti akka hundaa’u waan beektuufi.

Bishaanoonni gurguddaan lameen kuniis Galaana Diimaa fi bishaan laga Abbaayi.

Waan kana taheef,Masriin sababni Ertiraan guyyaa keessaa Itoophiyaa irraa akka muramtu gochuuf shira gara garaa hojjachaa turteef,Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa yoo fagaatte, qaroomaa fi guddinni isiitiis achumaan qancaree hafa jettee waan yaadduufi.

Kana biraas dabartee sababni Masriin Ertiraan Itoophiyaa irraa akka muramtu gochuu barbaadduuf, Itoophiyaan Galaana Diimaa madda qarooma isii tahe irraa yoo fagaatte,misoomaa fi guddina ariifataa galmeessisuu hin dandeessu jettee waan tilmaamtuufi.

Yoo Itoophiyaan bifa kanaan sakaalamtee, guddinaa fi misooma irraa boodatti hafuu mudatte ammoo,tabaroo bishaan laga Abbaay itti hidhattuun hin qabaattu jettee waan tilmaamteefi.

Duuba,Masriin kana hunda tilaamama keessa galfachuun,karaa  imaammataan deeggarameen, Itoophiyaa dadhabsiisuuf hojjachaa waan turtef, Shaabiyaan isii biratti ulfaawee Kaayiroo walakatti dhalate.

Shaabiyaaniis deeggarsa Masriitiin gaafa humna isaa jabeeffateetti, gaara seenee,bolla haadhatee,killee buusuun cuucii isaa keessaa yaafachuu jalqabe.

Akkaataa kanaani Shaabiyaan, waahela qabsoo isaa godhachuuf murna ABUT jedhamu,killee keessaa yaasee, of jalatti guddise.

 Defeated TPLF is Retreating - ENA English

Duuba,gareen ABUT jedhee maqaa ummata Tigraayiin daldalu kun, akka waan ummata Tigraay bilisoomsuuf qabsaa’uu fakkaatee, daba hedduu ummata Tigraayi fi ummatoota Itoophiyaa irratti hojjachaati kan ture.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay“isiniin bilisoomsuuf qabsaawa” jedhee ummata Tigraay gowwoomsuun ilmaan Tigraay kumaatamaan lakkaawaman wareegama lubbuu kafalchiiseeti jira.

Gareen ABUT jedhee of waamu kun, galmi isaa inni dhumaa Tigraay bilisoomsuu kan jedhu akka tahe olola hafarsaati ture.

Shaabiyaa fi ilmaan sabootaa fi sab lammoota Itoophiyaa waliin tahuun Tigraay erga of harkatti galfate booda ammoo,battalumatti kaayyoo deemuuf san jijjiiree,saboota, sab lammootaa fi ummatoota Itoophiyaa hunda moggaa hanga moggaatti bilisoomsuun qaba yaada jedhu fidate.

Akka waan mirgaa fi bilisummaa sabaa fi sab lammootaatiif quuqamee fakkaatee,ijoollee sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa gara garaa burjaajeessuun,hidhachiisee wareegama hedduu kafalchiise.

Gareen ABUT jedhamu kun,galmi kiyya kan dhumaa Tigraay bilisoomsuu dha jedhee olola hafarsaa haa turu malee,kaayyoon isaa inni jalqabaa kan sagantaa siyaasaa isaa irratti barreeffatee deemuun ammoo, “Ertiraan biyya bilisoomte akka taatu gochuu” kan jedhu ture.

Yeroo saniitti ummanni Tigraay miskintichinii fi ummatootaa fi sabaa fi sab lammoonni Itoophiyaa, “daabboo mirgaa fi Bilisummaa”jedhu kan murni ABUT isaan dura qaqqabaa ooluun sobamanii waan burjaajeeffamaniif,shiraa fi daba Shaabiyaa fi murni Adda Bilisummaa ummata Tigraay harka lafa jalaatiin Masriin wajji tahanii qindeeffatan hin hubanne ture.

Duuba,akkuma mootummaan Dargii olola dharaati fi wareegama ilmaan sabootaa fi sab lammootaatiin kufee burkutaaweetti, osoo oolee hin buliin dafii dafiidhaan Shaabiyaan Ertiraa Itoophiyaa irraa muratee akka kophaa bahu taasifame.

Hoggantoonni olaanoon murna ABUT yis battalumatti Ertiraaf beekkamtii biyyummaa kennan.

Shira kana qindeessuu fi dafee akka galma gahu gochuu irratti ammoo,gahee Leencaa kan tapahatan,yeroo saniitti barreessaa mummicha dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan turan,lammicha Masrii Butroos Butroos Gaaliiti turan.

 Boutros Boutros-Ghali, Egypt, And The 1993 “UN Monitored” Eritrean  Referendum – HORN REVIEW

Duuba, Shaabiyaan, Ertiraa fi buufataalee doonii Itoophiyaan baroota kumaatamaaf abbummaan itti tajaajilamaa turte, Asabi fi Mitsiwwaa fudhatee hoggaa kophaa bahuu isaa labsatu, murni ABUT ifiin jedhu,hafuur tokko hin baafne.

Inumaa gammachuudhaan Ertiraa bira dhaabbate.

Mootummaan Hayila Sillaaseetiis, mootummaan Dargiitiis baroota hedduuf shira Masriin Ertiraa Itoophiyaa irraa muruuf qindeessaa turte kana fashaleessuuf jedhanii qabsoo hadhaawaa gaggeessati kan turan.

Ertiraan waggoota kumaatamaaf qaama Itoophiyaa turte, Itoophiyaa irraa haqa malee akka hin muramne gochuuf, dargaggoonni Itoophiyaa miliyoonaan lakkaawaman,cuuciwwan Masriin killee keessaa yaafte kan akka Shaabiyaa fi ABUT wajjiin osoo falmanuu wareegama lubbuu qaalii kafalanii akka jiran seenaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Gaafa Shaabiyaan Ertiraa Itoophiyaa irraa muratee kophaa of baasu san, wonti nama gaddisisu yoo jiraate,lammiilee Ertiraa qofaaf mirgi sagalee kennuu hayyamame.

Asuma Itoophiyaa keessattiilee osoo hin hafiin, lammiilee Ertiraa nu keessa jiraataniif, mana manatti irra deemamee,murtee ummataa yookiin rifrandamii Ertiraa bilisoomsuuf yaadamee, Masrii, Shaabiyaa fi Addi Bilisummaa ummata Tigraay qopheessan irratti akka sagalee isaanii kennatan taasifame.

 Secretary-General Boutros Boutros-Ghali meets with Ato Meles Zenawi,  President of the Transitional Government of Ethiopia. October 1993  #ETHIOPIA #Addisababa #ታሪካችን

Yeroo saniitti lammiilee Ertiraa Itoophiyaa keessa jiraataniif yaanni filannoof isaaniif dhihaate, yaada lama qofa.

Yaadni lameen filannoof dhihaate suniis, “Ertiraan Itoophiyaa irraa muramtee biyya birmadummaa mataa isii qabdu akka taatuuf niin deeggara…hin deeggaru” kan jedhu ture.

Yeroo saniitti ummanni Itoophiyaa guddaan kun, biyti isaa irraa muramtee garee maqaa ummata Ertiraatiin daldalu tokkoof akka kennaatti hoggaa kennamtu, “ati hoo fedhiin kee maali?” jedhee qamni gaaffii dhiheesseef tokkoolleenuu hin jiru.

Dhimmi fottoquu Ertiraadhaa,sadarkaa mana marii gandaattillee dhihaatee osoo irratti hin marihatamiin, fedhii fi wal tahiinsa Masrii, Shaabiyaa fi ABUTin  Ertiraan Itoophiyaa irraa muramtee, garee Masriif qaxaramee maqaa Ertiraatiin qawwee fannifate tokkoof, dabarfamtee kennamte.

Guyyaa san, Itoophiyaa irraa mataan muramee….Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti dallaynii jibbinsaa ijaarame.

Guyyaa san irraa jalqabeeti hulaan Galaana Diimaa Itoophiyatti cufame.

Guyyaa san irraa jalqabeetii sirni mooto qorkee ummata Ertiraa irratti fi’ame.

 TPLF Faction Prepares to Drag the People of Tigray Back into War – Welcome  to Fana Media Corporation S.C

Gareen ABUT jedhee of waamu kun, Itoophiyaan buufata doonii Asab akka dhabdu gochuuf shira siyaasaa hojjachuu kan jalqabe bara 1967 irraa jalqabeeti.

Gareen ABUT ganaa osoo qabsoo hidhanoof gaara hinseeniniin duraahuu,Suudaan,Masrii fi Liibiyaan deeggaramaa akka ture ragaaleen ni mul’isan.

Hoggantoonni ABUT gara biyyoota kanneenii deemaa deeggarsa maallaqaa fi  meeshaalee waraanaa fudhachaa akka turan kanneen himaniis hedduu dha.

Sababni biyyoonni kun deeggrsa kana taasisaa turaniif ammoo, kaayyoon isaanii inni guddaan Itoophiyaa dadhabsiisuu waan taheefi.

Kaayyoon biyyoota  kanneenii Itoophiyaa Galaana Diimaa irraa gargar baasuun biyya dadhabduu taasisuu dha.

Kana biraas dabranii,Masrii fi Suudaan bishaan laga Abbaay olaantummaan kan ofii godhanii bulfachuu waan barbaadaniifi.

Waan kana taheef Itoophiyaa yoo dadhabsiifne Abbaay akka feeneetti bulfachuu fo to’achuu  ni dandeenya jedhanii waan yaadaniif Itoophiyaa irratti humnoota badii gara garaa ijaaranii bobbaasaa turan.

Hoggantoonni murna ABUT yeroo dheeraaf hulaa hoggantoota addunyaa irra deemuun, Asab kan Ertiraati malee kan Itoophiyaati miti…..Itoophiyaa fi Ertiraan biyyoota gara garaati malee biyya tokko mitii…. jechaa akka turan kanneen yaadataniis hedduu dha.

Asab ammoo qaama Itoophiyaati.Baroota kumaatamaaf qaama Itoophiyaa tahee tajaajilaa akka ture ragaaleen mirkaneessan hedduutu lafa jira.

                               Assab Port is the key for Real Peace between Ethiopia and Eritrea !!!!!!

Gareen ABUT gaafa mootummaa Dargii cabsee aangoo biyya bulchuu of harkatti galfatu, “Itoophiyaan diigamuuf dhihaatteeti turtee….anaatu diigamuu irraa isii baraare” jedheeti dubbachaa ture.

Itoophiyaanoonni ammoo yeroo saniitti tokkummaa cimaa qabaachaati kan turan.

Gareen ABUT gaafa Dargiin kufee biyya qabatu san, dafeetii maqaa sobaa ADWUI jedhu moggaafatee hawaasa idil addunyaa burjaajeessuutti ka’e.

Maqaa ADWUI jedhu moggaafachuun, “kunoo anaatuu faayidaa fi mirga sabootaa fi sab-lammootaatiif dhaabbate…” jedhee olola sobaatiinn biyyoota gurguddaa jedhaminillee osoo hin hambisiin sobuu itti fufe.

“Humni Itoophiyaan akka hin facaane gochuu danda’u ana malee hin jiruu…na gargaaraa….” jedhee waywaachuun biyyoota guddatan biraa deeggarsa argate.

Garuu murni ABUT Itoophiyaa to’atee battalumatti, Ertiraan akka Itoophiyaa irraa muramtee kophaa baatu taasise.

Ergasii booda kaayyoo Tigraay bilisoomsu jedhu kan duraan qabatee deemaanii ture lafa kaayeeti, Itoophiyaa saamuu dalagaa godhate.

Ummata Itoophiyaa kan duraan tokkummaa fi walooma cimaa qabaachaa turees sabummaa,afaanii fi amantiin gargagar qoqqooduu fi akka wal shakkan gochuu itti fufe.

Keessattuu saboota Itoophiyaa gurguddaa tahan irratti dabaa fi shirri gareen ABUT hojjachaa ture kan lakkaawamee dhumuu miti.

Sababni kana godhuuf ammoo, Itoophiyaanoonni ofumaaf wal afaan gara galanii ija diinaatiin akka wal ilaalanii fi waliitti bu’insi gara garaa isaan jidduutti akka uumamu gochuufi.

Gaafa Itoophiyaanoota jidduutti walitti bu’insaa fi wal diddaan gara garaa hammaachaa deemeetti ammoo,gareen ABUT jedhee of waamu kun qabeenya Itoophiyaanootaa akka barbaadeetti saamee duroomuun Tigraay guddittii dhugoomsuu fi akka Ertiraa saniitti bilisoomsuu nin danda’a jedhee waan yaaduufi.

 Can a People's Pact Heal a War of Elites? - Ethiopia Insight

Murni ABUT jedhee of waamu kun,waggoota 30f carraa biyya bulchuu argatee akka ture ni yaadatama.

Haa tahu malee,murni maqaa ummata Tigraayin daldaluu bare kun,ummata Tigraayifis, ummatoota Itoophiyaa kanneen hafaniifis bu’aan inni buuse hangas maraa miti.

Bu’aan murni kun buuse yoo jiraate,faayidaa biyyooleessa Itoophiyaa dabrsee kennuu dha.

Bu’aan murni kun buuse yoo jiraate,ummatoonni, sabootaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa sabummaa fi naannummaan akka wal qoqqoodanii ija shakkiitiin wal ilaalan gochuu dha.

Miirri jaalala biyyaa akka badu kan godhees murna ABUT kana akka tahe ni beekkama. Murna kana biratti shanyummaa fi sabummaatu Itoophiyummaa irra caala.

Murna ABUT biratti seeneessa qeenxee garaa garummaa bal’isuutu lellifama. Seeneessa isa tokko abbaa balleessaa godhee isa biraa ammoo midhamaa godhuutu seeneeffama.

Bara bulchiinsa murna ABUT keessatti, dallayni waloomaa fi tokkummaa diigamaa ture. Waliin jireenyi ummatootaa akka balaa irra bu’u taasifamaa ture. Kanaaf ammoo agarsiiftuun inni guddaan, yeroo barii jijjiiramaa san, shira hoggantoonni ABUT ummatoota Oromoo fi Somaalee waliitti diinoomsuuf hojjatanii dha. Ummatoota obbolaa lameen dugdaa fi garaa gochuuf bara Abdii Illeen naannoo Somaalee bulchaa tureetti,shirri murni ABUT raawwate yoomiyyuu kan yaadatamuu dha.

Murni ABUT bifa kanaan ummatoota nagayaan waliin jiraachaa turan waliitti buusuun bara aangoo isaa dheereeffachaa ture.

 Ethiopia's Tigray forces enter neighboring Afar region, Afar says | CNN

Murni hattootaa maqaa ummata Tigraay dahoo godhatee deemuu bare kun, faayidaa mataa isaa malee waan biraa hin beeku.

Murni bitamaan biyya gurguruu bare kun,“Anaatuu ummatoota, sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa abbaa mirgaa taasise….anaatu Itoophiyaanoota hunda bilisoomse….anaatu xombora demokraasii Itoophiyaa keessatti qabsiise…anaatu wal qixxummaa mirkaneesse…..anaatuu haqummaa mirkaneesse….anaatuu Itoophiyaa tokkummaa cimaa qabdu dhugoomse…..anaatuu akka of bartan isiin taasise…..anaatuu imaammata bareedaa bocee Itoophiyaa misoomse….” maal maal jechaa baayyee of dhaadheessaa akka turees ni yaadatama.

Dhugaan qabatamaan ture ammoo kana irraa adda. Fakkeenya eeruun yoo barbaachise, waa hedduu kaasuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf: bara murni ABUT ofiin jedhu kun biyyattii gaggeessaa tureetti, inni guddaan xiqqaatee inni xiqqaan ammoo guddaa tahee ture. Bara murni ABUT aangoo qabaachaa ture san, dhugaa fi haqni shiraan awwaalamanii turan.

Saboonni gurguddaan gaaffii mirgaa fi haqummaa akka hin kaasneef maqaan adda addaa isaaniitti moggaafamee dorsisamaa akka turan yaadannoo yeroo dhihooti.

Fakkeenyaaf:murni ABUT ummata Oromootiin “Dhiphaa”jedhee waama ture. Ummata Amaaraatiin ammoo “Of tuulaa” jedhee waama ture.

Gareen saamicha mi’eeffate kun, moggaasa kana dahatee ilmaan Oromoo fi Amaaraa qaroo sabaa tahan hedduu isaanii hidhee itti rorrisaa bahe. Kan akka hin taaneetti ajjeesee dhabama godhees tokkoo lamaa miti. Kanneen biyya irraa baasee jireenya godaantummatti isaan geessees hedduu dha.

Dhalataan Oromoo cimee yoo barate murni ABUT hin jaallatu ture. Maqaa wahii itti moggaasee dorsisa yookaan ni hidha. Yoo barbaadees ukkaamsee ajjeessa ture.

Dhalataan Oromoo yoo hojjatee dafqa isaatiin qabeenya horate, gareen ABUT “ebaluu gargaarta …ebaluuf buusii buusaa jirta…” maal maal jedhee, akka hin taaneetti hidhee dorsisa, qabeenya isaas irraa saamee fedhu ni ajjeesa, yoo barbaadees biyya irraa baasa ture.

Turtii waggoota 30maa kan murni ABUT olaantummaan biyya bulchaa ture san keessatti, beektootaa fi hayyoonni Oromoo hidhattoonni murna kanaa sababii gara garaatiin qabanii kolaasan,kan ajjeesan,kan achi buutee isaanii dhabamsiisan kumaatama.

Murni ABUT Ummata Amaaraa diina sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa hundaa godhee farrajaa akka turees ni yaadatama.

Oromoo fi Amaarri dugdaa fi garaa akka tahaniif shirri murni ABUT hin hojjatiin hin jiru.

Badii fi dogoggora seenaa dabre keessatti raawwatame hundaaf,abbaan balleessaa ummata Amaaraa qofa godhamee akka farrajamu kan taasise murna ABUT kana.

                 Ethiopia Archives - Page 25 of 33 - Radar Africa

Seeneessa dogoggoraa murni kun akka imaammata siyaasaatti itti fayyadamaa tureetu,hanga har’aatti Itoophiyaaf qormaata tahee jira.

Murni ABUT ofiin jedhu kun, qabeenya ummataa saamuun dorgomaa hin qabu. Wonti biraa hafee,buusii lammiileen Itoophiyaa bishaan Abbaay hidhachuuf buusanillee saamaati ture.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay yammuu Ertiraa Itoophiyaa irraa muree Shaabiyaaf gurguruus, murni Shaabiyaa qabeenya Itoophiyaa baayyee saammatee akka deemu taasisee jira.

Ololli murni ABUT ofiin jedhu kun afaaniin hafarsaa ture fi gochi inni qabatamaan raawwachaa ture wal hin simu ture.

Murni ummata Tigraay bakka hin buune kun, olaantummaa isaa mirkanessuuf shirri inni hin hojjatiin hin jiru.

Afaaniin demokraasii demokraasii jedhee lallabuus, gochaan ammoo moto qorkeen akka murna kanaa hin jiru ture.

Murni maqaa ummata Tigraay maxxanfatee deemu kun olaantummaa yaadaatti hin amanu. Qaama yaadaan isa dura dhaabbachuu kajeele fedhu ni hidha, yoo barbaade ni ajjeessa, yoo barbaadees biyya iraa ariha ture.

 War Monger TPLF Faction Declares Another Round of Conflict - ENA English

Murni ABUT har’aas olola sobaatiin ummata Tgraayi fi ummatoota Itoophiya burjaajeessuuf wixxifachuun isaa hin oolamne.

Murni saamicha bare kun, waliigaltee nageenyaa Pritoriyaa ofuma isaatiif cabsuun badii gurguddaa ummata Tigraay irratti raawwachaa jira.

Ummanni Tigraay nageenya waaraa akka hin arganne, misooma irraa fayyadamaa akka hin taane gochaa jira.

Murni ABUT ofiin jedhu, kan guutuun ummata Itoophiyaa haqqisee isa tufe kun, har’aas  ijoolleen Tigraay lola kaayyoon isaa hin beekkamneef hiriiranii lubbuu isaanii qaalii akka wareeganiif humnaan dirqisiisee loltummatti galchaa jira.

Har’aas akkuma kaleessa bare saniitti, “anaatuu isiniif beeka” jechuu hin dhiifne.

Akka waan mootummaan federaalaa ummata Tigraay lafa irraa balleessuu barbaaduu fakkeessee olola dharaa hafarsuu hojii godhatee jira.

Har’allee hoggantoonni murna ABUT qaanii tokko malee, “sababni nuti sadarkaa federaalaatti aangoo dhabneef birmadummaa Itoophiyaatiif waan quuqamnuufi…..tokkummaa ummataatiif waan dhaabbanneefi….” jedhanii kijibuu hin dhiifne.

Afaaniin akkana haa jedhan malee dhugaan jiru ammoo faallaa isa kanaati. Murnii ABUT jedhee of waamu kun, har’aas faayidaa biyyooleessa Itoophiyaa dabrsee kennuuf diinoota seenaa waliin qindoomina uumee jaarmaya “Tsimdoo” jedhamu hundeessee jira.

News: Over 700 Eritreans cross into #Tigray for holiday celebrations as  Federal Government accuses #Eritrea of meddling in #Ethiopia's internal  affairs More than 700 #Eritreans crossed into the town of Sheraro, in 

Har’allee, gareen saamicha bare kun, akkuma duraan bare saniitti Masrii fi Ertiraaf meeshaa tahee kaayyoo isaanii galmaan gahuuf hiriireeti jira.

Kun ammoo, salphina guddaa dha.

Murni ABUT jedhee of waamu kun har’aas  deebi’ee aangoo biyyattii bulchuu qabachuuf jabo bololaa jira.

Ummatootaa fi sabootaa fi  sab-lammoonni Itoophiyaa ammoo,malaan nyaattummaa fi hattummaa ABUT arganii erga haqqisanii isa tufan bar-kurnee tokko lakkoofsisanii jiru.

Murni ABUT ammoo, har’aas ummanni Tigraay naaf sobama jedhee yaaduun, maqaa ummata Tigraay qabatee, filannoo seeraan alaa gaggeessee akka ture ni yaadatama.

Dhiheenya kana ammoo, mootummaa naannoo Tigraay kan yeroof hundaa’e, humnaan hujii ala godhee, fedhii fi eyyama ummataatiin maleetti ofumaa of muudee jira.

Daa’imman Tigraay haadhaaf abbaa jalaa humnaan guuree leenjii loltummaa leenjisaa hidhachiisaa akka jiruus dhaabbiileen idil addunyaalleen osoo hin hafiin ragaa bahaa jiru.

Dhaabbiileen mirga dhala namaatiif falmanilleen osoo hin hafin  gocha farra namoomaa murni nama nyaataan ABUT jedhee of waamu kun raawwachaa jiru kana cimsanii balaaleeffachaa jiru.

Mootummaan Ameerikaa ammoo hoggantoota murna ABUT Viizaa dhoorkatee akka jiru beeksisuun isaa ni yaadatama.

Murni ummata Itoophiyaa qoqoraa ture kun,har’aas siyaasaa dulloomaa barri itti dabre qabatee, aangootti deebi’uun faayidaa biyyooleessa Itoophiyaa dabrsee kennuuf  wixxifachaa jira.

Ummatootaa fi sabaa fi sab-lammoonni Itoophiyaa ammoo, akka kaleessaa saniitti hin sobaman.

Murna nama nyaataa kana lammata gateettii isaanii irratti baadhachuuf abadan! Tole hin jedhan.

Waan kana ta’eef, guutuun ummata Itoophiyaa shira murni kun xaxaa jiru baree, gamtaan dura dhaabbachuutu furmaata taha.

Post a Comment

Previous Post Next Post