ODUU: Ayyaanni Mowlidaa obbolummaa ummatootaa cimsuun ijaarsa seeneessa waloof bu’uura kan kaa’uu ta’uun isaa ibsame.

Ayyaanni Mowlidaa obbolummaa ummatootaa cimsuun ijaarsa seeneessa waloof bu’uura kan kaa’uu ta’uun isaa ibsame.

Ayyaanni Mowlidaa waggaa 1501 ffaan Godina Harargee bahaa aanaa Dadar,ganda Abbaayeetti kan argamu majliisa Sheek Mahammad Abdulleetti bakka dhalattoonni ummatoota, sabootaa fi sab-lammoota gara garaa argamaniitti sirnoota miidhagaan kabajamee jira.

Ayyaanichi waloomaa fi obbolummaa Itoophiyaanootaa cimsuun ijaarsa seeneessa walootiif bu’uura kan kaa’u ta’uu, hirmaattoonni ayyaanichaa ibsaniiru.

 
Dhalataa aanaa Dadar, ganda Abbaayee kan ta’anii fi Awustiraaliyaa, Melborn irraa kan dhufan obbo Musxafaa Sheek Ahmad Zaakir akka jedhaniitti,ayyaanni Mowlidaa hawaasni Musliimaa harka wal qabatee misooma irratti hirmaannaa cimaa akka taasisu gochaati jira.

Naannoo Hararii irraa kan dhufan obbo Mahaammad Ahmad Mummee ammoo, yaada nuuf kennaniin,ayyaanni Mowlidaa Itoophiyaanoota sabummaa gara garaa qaban waliitti fiduun hariiroo isaanii akka cimsatan taasisa.

Iccitiin dhalattoonni sabaa fi sab-lammoota gara garaa waloomaan ayyaanicha akka akabajatan taaisise, duudhaan jaalalaa fi obbolummaa Mowliida keessa jiraachuu isaati jedhan.  

“Sheekoota Abbaayeetiif jaalalaatu kennameef” kan jedhan obbo Mahaammad Ahmad Mummee “Nutiis jaalala kana isaan irraa qooddachuuf asiitti argamne” jedhanii dubbatan.

Magaalaa Awwadaay irraa kan dhufan adde Saamiyaa Sheek Abduramaan Husseen gama isaaniitiin Nabiyyuu Mahammad fakkeenya nagaa,araaraa fi waloomaa ta’uu ibsaniiru.

Adde Saamiyaan hawaasni biyyaa Nabiyyuu Mahaammad irraa duudhaalee kana barachuun harka wal qabatee badhaadhina biyyaatiif waloomaan hojjachuutu irraa eeggama jedhanii jiru.

Post a Comment

Previous Post Next Post