Hagayya 27 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Guyyoota Qaammee shanan fuuldura keenya jiran moggaasa gara garaatiin kabajamanii oolu.
Biyti teenya Itoophiyaan qabeenyawwan gama aadaatiin qabdu keessaa inni tokko guyyoota ji’a Qaammee yookiin Xawalwaalleeti.
Itoophiyaan biyya dhahaa guyyaa mataa isii qabdu hoggaa taatu guyyoonni Qammee shanan yookiin jahan waggaa dhuma irratti dhufan kun akka ji’a 13ffaatti ilaalamu.
Bara 2018 kan xumuuramaa jiru kuniis guyyoota Qaammee 5 qaba.
Guyyoota Qaammee shanan fuldura keenya jiran kanaafis sadarkaa biyyoolessaatti moggaasni adda addaa kennameefi jira.
Di’eettaan ministira tajaajila komunikeeshinii federaalaa obbo Kabbadaa Dessisaan moggaasa guyyoota Qaammee baranaatiif kenname ilaalchisuun midiyaaleef ibsa kennanii jiru.

Qaammee 1: Guyyaa Oomishtummaa
Guyyaan kun guyyaa Itoophiyaan milkaa’inoota gurguddaa itti galmeessifte tahuun yaadatamee oola.
Qaammee 2: Guyyaa Olka'iinsaa
Guyyaan kun guyyaa Itoophiyaan imala ol ka’insaa itti eegaltwe tahuun yaadatamee oola.
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Guyyaan kun guyyaa gootoonni cichoomaan diinoota dura dhaabbatanii birmadummaa fi bilisummaa isaanii itti kabajsiifatan akkanumattiis gootoonni haaraan kan itti uumaman tahuun yaadatamee oola.
Guyyaa kanatti ganama bariisaa sa’aatii 12:00 irratti sagantaan alaabaa fannisuu ni raawwatama.
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Guyyaan kun guyyaa tokkummaan sab-daneessummaa keenya itti yaadatamee ooluu dha.
Guyyaan eerame kun taateewwan aadaa marii gabbisan kan adda addaatiin kabajama.
Guyyaa kanatti tajaajilli fayyaa kan bilisaa lammiilee kuma 100 fi kuma 50 f ni kennama.
Hujiiwwan tola ooltummaa kan adda addaatiis ni raawwatamu.
Qaammee 5: Guyyaa Egeree
Guyyaan eerame kun mata duree ‘Guyyaa boruu’ jedhuun kabajamee oola.
Sagantaalee misooma dijitaalaa fi hubannoo nam-tolchee irratti xiyyeeffatan adda addaatiin guyyaan kn kabajamee oola.