ODUU: Yaa'ii marii biyyooleessaa Adooleessa 8 bara 2018 gaggeeffame irratti ergaa mummichi ministraa Dr Abiy Ahmad dabrsan:

Yaa'ii marii biyyooleessaa Adooleessa 8 bara 2018 gaggeeffame irratti ergaa mummichi ministraa Dr Abiy Ahmad dabrsan:

Seenaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa kan tahe mariin biyyooleessaa eegalamee jira.

Yaa'ii marii biyyooleessaa Adooleessa 8 bara 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffame irratti hirmaattoonni hawaasa biyyaa bakka bu'uun marihatan kumni 4 irratti argamanii jiru.

Mummichi ministraa kabajamoo Dr Abiy Ahmad waltajjii seena qabeessa kana irratti argamuun ergaa guddaa dabarsan. 

Haasawa mummichi ministraa Dr Abiy Ahmad mariin biyyooleessaa yammuu jalqabamu taasisan akka armaan gaii kanatti dubbistootaaf dhiheessinee jirra.

 Ethiopia Begins National Consultations Today The opening ceremony of the National  Dialogue Conference has commenced in the presence of Prime Minister Abiy  Ahmed (PhD). #Ethiopia

"...Bahaa fi dhiha,kaabaa fi kibba irraa ummta Itoophiyaa bakka buutanii idoo kanatti kan argamtan hirmaattoonni marii kanaa,akkanumattiis lammiilee Itoophiyaa waltajjii kanaan ala teessanii waa’e waltajjii kanaa hordoftan hundi keessanuu….. 

Yaa’iin kun salphatti kan irra hin deebi’amne,seenaa Itoophiyaa keessatti bal’ina isaatiinii fi yeroo inni fudhateen akkaan guddaa kan tahe,kaayyoo guddaa kan qabuu fi hujii guddaa kan raawwatu,Afrikaanootaaf waa hedduudhaan fakkeenya kan tahu,waltajjii marii hundaahuu hammate waan taheef,as irratti argamee ergaa ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ilaallatu akkaan dabrsuuf carraa naaf kennuu keessaniif guddiseetiin isiin galatoomfachuu barbaada. 

Kabajamtoota keessommootaa fi hirmaattoota waltajjii kanaa…. 

Mudannoowwan tokko tokko dibeetaa fi erbee yookiin kal'oo zuugame fuuldura isiin dhaaban. Dibeetaa fi erbee zuugame fuldura isiin dhaabuu qofa osoo hin taane,waan barbaaddanii fi waan niyattan akka barreessitaniif dibeetaa fi erbee zuugame san isiiniitti kennan. 

Waltajjiin har’a irratti argamne kuniis,namoota onnee qabaniif mudannoo seenaa fi faayidaa carraa argachuu itti fufsiisuu namoot abarbaadaniif ammoo,dibeetaa fi erbee zuugame saniin seenaa biyya baraaru,seenaa biyya ijaaruu fi seenaa bara baraan yaadatamu barreessuuf carraa kan kennuu dha. 

Kanneen carraa kanatti hin fayyadamneef,carraan akkanaa kun  irra deddeebi’e argamu akka hin dandeenye kanneen hin hubanneef ammoo, dibeetaa fi erbeen seenaa kun, waan biyya fayyadu caalaa waan biyya miidhu,waan biyya ijaaru caalaa waan biyya diigu,waan biyya misoomsu caalaa waan biyya hiyyoomsu,waan waa bal’isaa caalaa waan waa dhiphisu barreessaniiti dabru. 

Seenaan sun har’a nuu kanaan akka irra hin deebi’amneef,hundi keenyaahu miira itti gaafatamummaa olaanaadhaan,kabajaa guddaadhaan hujii kan galmaan gayuutu nurraa eeggama. 

Nuufi warri nu dura turan,dhimmoota silaa galmaan gayuu qaban garuu kan osoo galmaan hin gayiin hafan,ijoolleen isaaniitiis osoo galmaan hin genye akka hin hafneetti,miira itti gaafatamummaa guddaadhaan akka hojjattaniifin irra deebi’ee kabajaadhaan isiin gaafachuu barbaada. 

Hujiiwwan Wiliyaam Sheekispiir hojjate hedduu keessaa, inni tokko “jiruu fi jirenya ilmaan namaa keessa dambaliituu jiraa…namni dambalii san yeroo isaa isa sirrii beekee itti fayyadamuu dandaye,galaanni sun carraa wulii deebi’ee hin argamneetti isa baasuu danda’aa…” jedha. 

Gidiraan hundi gidiraa qofa osoo hin taane,keessoo isaatti carraa qabaa jechuu isaati. 

Rakkoon hundi rakkoo qofa osoo hin taane keessoo isaatti furmaata qabaa jechuu isaati. 

Itoophiyaa keessatti rakkoolee hedduu dabrsineeti jirra.

Gidiraawwan hedduus dabrsineeti jirra.

Haa tahu malee,gidiraa kan gama carraatti jijjiiruu yoo dandeenye,qormaata kana gama furmaata waaraatti ceesisuu yoo dandeenye ijoolleen keenya nu caalaa nageenya foyyaa’aa,badhaadhina caalmaa qabuu fi haala jireenyaa foyyaa’aa tahe argatanii jiraachuu ni danda’u. 

Kanaafuu,ilmaan keenya waan isaaniif malu san argatanii jiruu bareedduu jiraachuu akka danda’aniif carraa gaarii amma argame kanatti fayyadamnee,yeroo rakkiisaa kana gama carraa gaariitti jijjiiruu warra dandeenyu akka taanuun hawwa. 

Hayyichi loltummaa Sanzuun “hanguma namni isaaniitti fayyadame takka, carraaleen heddummaachaa deeman” jedha.

Yeroo tokko tokko Carraan ni argama. Garuu carraa argame saniitti fayydamuu yoo dhabne ammoo, deebinee carraa san argachuun rakkiisaa taha.

Kanaafuu,hoggaa carraan argamu sirnaan,itti gaafatamummaadhaan,of kenninee kan itti fayyadamnu yoo tahe,carraan sun debi’ee deddeebi’ee gama keenya ni dhufa.

Fakkeenyaaf:waggoota muraasa dabraniif carraa argame hundattti fayyadamuudhaan riffoormii loltummaa fi siyaas-diinagdee Itoophiyaa hujii irra oolchuudhaaf,Itoophiyaan badhaadhinatti akka ceetu gochuudhaaf, akkanumattiis Itoophiyaan hanga seenaa isii geessu akka dhugoomtu gochuudhaaf carraaqqii taasifneen,carra-qabeeyyii waan turreef,carraa argameetti fayyadamuu waan dandeenyeef,Finfinnee kanaan dura bifti isii xuraawee mul’attu san, yoo xiqqaate, bifa isii haarayoomsuu dandeenyeeti jirra. 

Har’aas,daqiiqaan argannu tokko tokkoon isaa,sa’aatini argannu tokko tokkoon isaa,guyyaan argannu tokko tokkoon isaa, carraa guddaa tahuu isaa itti amannee itti fayyadamuudhaan.bu’uura badhaadhina Itoophiyaa lafa kaayuudhaaf dadhabne hifanne osoo hin jenne,kan tattaafannu tahuu keenya irra deebi’eetiin isiniif mirkaneessuu barbaada. 

 National Dialogue Must be Rooted in Ethiopian Culture, Constructive  Listening, Says PM Abiy Ahmed

Duuba…mariin kun maaliif barbaachisee? Mariin kun marii kanaan dura beeynu kan namoonni muraasni waliitti dhufanii wajjiin gad taa’anii marihatan san irraa haala adda taheen,kallattii hundarraa lammiileen kuma dhibbaan lakkaawaman,kan biyya keessa jiranii fi kan biyya alaa jiraniis,dhiiraa fi dhalaaniis,irratti hirmaatanii irratti marihatanii waggaa afur guutuu,bu’aa bahii hedduu keessa ceehuun maaliif barbaachisee?

Jennee yoo gaafanne,akkuma hundii keessanuu beektaniitti,Itoophiyaan biyya seenaa bara dheeraa qabduu dha. 

Itoophiyaan biyya dur irraa jalqabdee jiraachaa as geesse, biyya seenaa bara dheeraa qabdu tahuu isiitiif ragaa dhiheessuun yoo barbaachise,hambaalee qabatamaa tahanii fi hambaalee hafuuraa dabalatee,biyya dhalli namaa irraa argame tahuu isiitiif ragaan saayinsiidhaan deeggarame hedduutu lafa jira. 

Haa tahu malee, seenaa keenya kan bara dheeraa kana keessatti caphiinsa tokkootu jira,akaalifa tokkootu jira,kufaatii tokkootu jira.

Suniis,dhaadannoo afaaniitiin jalqabanii tarkaanfii humnaatiin xumuuruu dha. 

Siyaasaan keenya dhaadhannoo afaaniitiin jalqabee, tarkaanfii humnaatiin goolabama.

Kun ammoo caphiinsa guddaa dha.

Kanaafuu,caphinsi kun irra deebi’ee akka hinmudanneetti yeroo irraa maayyiitiif furmaata waaraa itti gochuun barbaachisaa dha. 

Seenaa Itoophiyaa keessa of duuba deebinee,waa’ee Sulxaaneetoota yookiin sirnoota mootummaa Yifaat irraa hanga Gibeetti, Wolaaytaa irraa hanga Kafaati, Walloo irraa hanga Shawaa Laastaa irraa hanga Tigraayitti,Affaar irraa hanga Somaaleetti jiran yoo qoranne,dhugaan hunda isaanii biratti argannu,dhaadannoo afaaniittin jalqabnii tarkaanfii humnaatiin goolabuu dha.

Tarkaanfiin humna qaama seenaa keenyaa akka tahee dha.

Caphiinsa akkanaa kana jijjiiruutu barbaachisa. 

Dhugaadha…., rakkooleen keessoo keenyaa,nutummaan jalqabnee kan nutummaan xumuurruu miti.

Manguddoonni Xambaarroo jecha tokko qaban. 

“Allaattiiwwan gaafa loon bitamu hin jirre hundaatu, gaafa loon qalamu gubbaa irra marsa” jedhanii dubbatu.

Itoophiyaa keessatti shakamiin wahii hoggaa dhagayamu,biyyoonni dafanii hirriiba irraa dammaqan,biyyoonni yeroo hunda waa’ee Itoophiyaa caqasan,kanneen yeroo mara miira diinummaa nuuf qaban ni jiran. 

Seenaa Itoophiyaa Gundatii hanga Guraatti, Adwaa irraa hanga Maaycawiitti,Kaarraa maarraa hanga Baadimmeetti jiru yoo qorattan,gaafa nuti seenaa kana hojjannu humnoonni riphisan hundi,gaafa nuti wal dura dhaabbannee waliitti deddeeffachuu eegallu,kanneen qaawa nuti banne saniin dafanii akka shibilliqaatti nu jidduu seenanii,hawwii fi fedhii teenya akka galmaan hin geenye nu godhantuu jira. 

Imala shibilliqii kanaan,seenaa yeroo fagoo dhiifnee, kanuma dhiheenya kanaa yoo fudhanne,taateen seenaa hulaa galaanaa nu dhabsiise isa kanaaf agarsiiftuu isa guddaa dha. 

Galaana Diimaa Itophiyaan baroota kumaatamaaf bulchaa turte,Galaana Diimaa abbummaa guutuu irratti qabaachaa turte,hulaa galaanaa baroota dheeraaf itti fayyadamaa turte,mootummaan hin filatamiin,mootummaan hin marihatiin,maal naaf dhaba yaada jedhuun guyyaa keessaa dabarsee kennuudhaan,Itoophiyaan hulaa galaanaa akka dhabdu gochuu isaatiif sababni inni guddaan,dadhabina keessoo keenyatti turee dha malee,humni fedhii fi dantaa biyyooleessa Itoophiyaa dura dhaabbachuu fi gufachiisuu danda’u jiraateeti miti, waan jiruufis miti. 

Yoomiyyuu taanaan faayidaa biyyooleessa keenyaa dabarsinee akka kenninu kan nu godhu,Hallaattiiwwan hoggaa nuti ijaarru hin jirreetu,gaafa nuti gamaa fi gamana dhaabbannee wal nyaachuu eegallu ammoo nu gubbaa marsan waan jiraniifi. 

Hallaattiin hoggaa waa qalamu ni dhufti. Hoggaa waa ijaaran ammoo hin jirtu.

Gaafa nuti hidhga guddicha Haarayoomsa Itoophiyaa ijaarru,nu bira hin jiran.Hoggaa nuti magaaloota keenya miidhagsinee bareechinuus nu bira hin jiran. 

Hoggaa nuti misooma gaggeessuu jalqabnu nu bira hin jiran.

Garuu,hoggaa nuti walii galuudhabnee dubbii hin taane waliitti deddeebisuu eegallu ammoo,eessaa akka dhufan namni beeku hin jiru. Eessaa akka dhufan osoo namuu hin argiin,isaanumaa jidduu seenee rasaasa as kennu,isaanumaa deeggarsa maallaqaa godhu,isaanumaa miidiyaa gara garaatiin olola hafarsuu argina. 

Duuba….ummanni Itoophiyaa kabajamaan kun wan tokko, sirriitti akka hubatuun barbaada. 

Keessoo keenyatti dhimmi fedheehuu yoo wal nu falmisiise, dhimmi fedheehu wal afaan akka deddeeffannu yoo nu taasise,waltajjii akkanaa kanaan waliin haasooynee waliin marihachuu waan dandeenyuuf,faayidaa humnoota birootiif jennee, faayidaa biyyooleessa keenya dabrsinee kennuun,warra seenaa keessatti sinnaara tahee mul’atu akka hin taaneef tokko tokkoon keenya tattaaffii gochuu qabna.

Hallaattiwwan samii Itoophiyaa gubbaa marmaaraniif ammoo dhaamsiniin qabu,loowwan nuutu filatee bitata kan jedhu. Abbaan godootiis nuhi kan jedhu. 

Waan nuti hin barbaanne kan nurraa hafe yoo tahe malee,Hallaattiin kamuu,godoo nuti qopheessine irraa foon kutii takka humnaan fudhachuu akka hin dandeenye,isaaniif mirkaneessuun barbaada.

Yoo ofii keenyaaf barbaanne ammoo fedhii keenyaan kanneen biraatiif qooduuf qophii dha. 

Fedhii fi hayyama keenyaan alatti ammoo,Itoophiyaan baroota kumaatamaaf jabaattee as geesse tun,Itoophiyaan haada jajjabaa hedduun waliitti hidhamtee ajjeeramte tun,olola amma hafarfamuun salphatti of dagattee faayidaa biyyooleessa isii dabrsitee ni kenniti jedhanii yaaduun of gowwoomsuu dha. 

Waan kana taheef,gamanumaa,seenaa Itoophiyaa karaa sirrii taheen gara gaggalchitanii, sirriitti bartanii,qalbii keessan ofiitti deebisuudhaan,faayidaa walootiif waliin akka hojjanuufiin waamicha koo dhiheessa. 

 Listening to All Sides Key to Success of Ethiopia's National Dialogue,”  Prime Minister Abiy Ahmed (PhD) – Addis Media Network -English

Duuba…rakkoo dila kana keessatti Itoophiyaan akkamitti cimtuu tahuu dandeessee?

Iccitiin cimina keenyaa maalii? Yoo jettan,duudhaalee manguddummaa,waliin haasawuu,dhiifama,Gumaa fi kkf’n kan saayinsiin salphatti qoratee of duuba deebisuu hin dandeenye qabaachuu keenya.

Ummanni keenya shaakala duudhaalee kanaa keessa ture. 

Ummanni keenya walitti bu’a. Haa tahu malee,waliin haasaweeti dhiifamaa fi Gumaadhaan furmaata itti godhata.

Aadaan waliin haasawuu fi dhiifama waliif gochuu kun Itoophiyaan akka sirantu godheeti jira. 

Mariin keenya kuniis aadaa keenya kan irratti kan irkatu yoo tahe,nu qofaaf osoo hin taane,bu’uura cimaa waggoota dheeraaf turu gad dhaabuu ni danda’a. 

Aadaa fi eenyummaa keenya irraa osoo gargar hin bahiin,eyyama keenyaan,fedhii fi miira jaalalaatin,miira itti gaafatamummaatiin marii kana kan gaggeessinu yoo tahe,ijoolleen keenya shakkii tokko malee Itoophiyaa badhaate of harkaan gayachuu ni danda’u. 

Aadaan keenya kun kallattiidhaan muka Odaa wajjiin kan waliitti hidhameedha.

Itoophiyaa fi odaan waliitti hidhaminsa cimaa tahe qaban.

Manguddummaaf Odaa jala teenya.

Gaa’ila dhaabuufi Odaa jalatti manguddummaa teenya.

Odaa jalatti barnoota amantii baranna.

Odaa jalatti abbootiin keenya hidda dhalootaa lakkaawwachuu nu barsiisan.

Odaa jalatti wal irraa barannaasi.

Odaa jalatti hara galfannaasi.

Waggootii muraasa dabraniif aadaan Odaa muruu babal’achaa dhufnaan,waliin marihachuun xiqqaachaa,wal morkiin naatu caala jedhu hammaachaa,tiyya qofaatuu tahuu qabaa yaadni jedhu babal’achaa,kaniin an fedhu qofaatuu tahuu qabaa yaadni jedhu hidda baafachaa dhufe.

Kun barmaata badaa dha.

Kanaafi,abdii haa dhaabnu,Odaa haa dhaabnu,Marii haa dhaabnu,Dhiifama haa dhaabnu,waliin dhaabbachuu haa siransisnu kan jennuuf.

Yoo kana goone qofa hundi keenyaahu fayyadamaa taana waan taheef.

Yoo kana goone qofa hundi keenyaahuu injifataa taana waan taheef. 

Manguddoonni Oromoo Makmaaksa tokko qaban.“Afaa gaarii irra afaan gaariituu caalaa” jedhu.

Namni dubbiin wahii isa keessa jirtu,sireen hanga fedheellee bareedaa tahu garuma gaggala malee rafuu hin danda’u.

Namni keessoon isaa nagaa qabu ammoo,madabaa irra tahuu, dhagaa irra tahuu boraafatee rafuu ni danda’a. 

Keessoon keenya nagaa akka tahuuf,hirriiba nagaa rafnee akka bulluuf,ilaalcha ana qofaaf,garee kan koo qofaaf,naannoo kan koo qofaaf jedhu keessaa baatanii,Itoophiyaaf jecha akka marihattaniin kabajaa guddaan wajji isiniitti dhaammachuu barbaada. 

Har’aaf jettanii hin marihatinaa. Boruuf jedhaati marihadhaa. Mataa keessaniif jettanii hin marihatinaa. Ijoollee keessaniif jedhaatii marihadhaa.

Amma kan marihannu waa’ee kaleessaati miti. 

Rakkoo kaleessaatiif furmaata kenninee boriif bu’uura bareedaa kaayuuf marihanna waan taheef,marihataan hundinuu,bakka bu’aan hundinuu ijoollee isaa tilmaama keessa galfachuun marihachuuf murteeffachuu qaba.

Yammuu kana goonu ammoo,gorsa manguddoota Affaar qoma keenyatti galfachuun tahuu qaba.

Affaaroonni “gam tokko teessee rakkoo gama kaaniin jiru hubachuu hin dandeessu waan taheef ka’iiti deemii… gareen inni kuun maal akka yaaduu fi gaaffii akkam akka qabu dhageeffadhu” jedhan.

“osoo deemtee garee kaan hin odeeffatiin osoo garee kaan hin dhageeffatiin furmaata waloo kennuu hin dandeessu” jedhanii dubbatan. 

Somaaloonni gaaffii qabu.Affaaroonni isaan dhageeffadhaa.

Tigraayoonni gaaffii qabu.Warri Wolaayitaa fi Sidaamaa isaan dhageeffadhaa.Daasanacha Alee gaaffii qabu.Oromootaa fi Amaaroonni isaan dhageeffadhaa.

Keessaafuu Oromootaa fi Amaaroonni Daasanach,Alee fi Koonsoo yoo dhageeffachuu baattan Itoophiyaa cimtuu dhugoomsuu hin dandeessan.

Isiin ummatoota lakkoofsa gurguddaa qabdanii dha.Kun humaatuu shakkii hin qabu.

Isaan xixiqqaa yoo kabaju baattan,yoo isaan dhageeffachuu baattan,lakkoofsuma qofa ilaaltanii fedhiin keenya qoftiin haa tahu yoojettan mariin kun milkaa’uu hin danda’u.

Mariin kun kan milkaa’u,Aleen hoggaa gaaffii gaafatu Gaamoo kan hin miine yoo tahe,Gaamoon gaaffii Alee fudhachuu qaba.

Aleen hoggaa gaaffii gaafatu gaaffiin isaa sun Goofaa kan miidhu yoo tahe,Aleen itti yaaduu qaba.

Kanaafuu, dhimmoota osoo eenyuuyyuu hin midhamne waliin fayyadamaa itti tahuu dandeenyu kaasnee,ana qofaaf jechuu dhiisnee,ganda kiyya qofaaf waan jedhu keessaa baanee Itoophiyaaf jechuu yoo dandeenye,mariin kun bu’a qabeessa ni taha. 

Ummanni Tigraay “gorsi nama tokkoo akka waan dachii jalatti awwaalameetii…gorsi nama lamaa ammoo,dachii keessaa ol baheeti mul’ataa….gorsi nama sadii garuu,akka shanyii filatamaatii… ni marga, ni lalisa.Kanaafuu heddummaadhaa marihadhaa” jedhanii dubbatu. 

Jechaa fi gorsa ummata Tigraay kana fudhannee,hoggaa Ameerikaanoonni nama 55 waamanii heera mootummaa waggaa 100 f tajaajilu tumatan, nutimmoo gorsa ummata Tigraay “nama tokkoo irra nama lamaatuu wayya,nama lama irraa ammoo nama sadiitu wayya” jedhu san qabannee nama kuma 4 waliitti qabneeti jirra. 

Heerri mootummaa Ameerikaa namoota 55niin tolfamuus,onnee guutuun waan fudhatanii jiraniif hujii waggoota dhibbaaf turu hojjataniiti jiran. 

Namoonni kumni afuran nuti waliitti qabne kuniis,Ameerikaanoota caalaa onnee guutuun marii kanatti amananii,itti of kennanii,akka ummata hundaaf tahuutti,akka Itoophiyaa mara walitti qabuu danda’uutti kan marihatan yoo tahe,yeroo itti aanu,heerri mootummaa nuti qabaannu,akka amma dura abarame saniitti qaamni dhufe hundi kan baqaysee darbu osoo hin taane,kuma kudhaniin warri lakkaawaman gad taa’anii marihatan malee abbaan barbaade jijjiiruu kan hin dandeenye taha jechuu dha. 

Nuti waggaa 4 guutuu marihanneeti jirra.Waggaa saddeetiif osoo irratti hin marihatiin jijjiiruun hin danda’amu jechuu dha.

 Thousands Gather In Addis Ababa For Long-Awaited National Dialogue | The  Reporter Ethiopia

Waan kana taheef,mariin gaggeessinu kun har’a qofaaf osoo hin tahiin boru biraas dabree kan fulla’u tahuu qaba.

Marii dhaloota fayyadu tahuu qaba. 

As irratti ergaa cimaa tokkoon qaba.Kuniis, Kanniisni gaagura isii darbite damma hin kennitu,damma kennuuf gaagura keessa turuutu barbaachisa. 

Waltajjiin marii lammiileen kumni 4 itti wal gayan kun,bu’aa gaarii argamsiisuu kan danda’u,galam walgajii kana keessatti hirmaattoonni hundinuu qalbii isaanii as deebisanii,waan gareen biraa kaasu sirriitti dhageeffachuu yoo danda’an qofa. 

Kanaan alatti galgala galgala asii bahee Feesbuukii ilaala taanaan, asii bahee gorsa namoota biraa fudhata taanaan,namoonni hubannoo hin qabne ergaa isaanii sammuu isaa irratti fi’aa oolan taanaan,akkuma Kanniisa damma kennuu hin dandeenye san taha jechuu dha.

Kanaafuu, gaagurri as jira. 

Onnee fi aqliin keenya as jiraatuus,isa Ameerikaa jiruus,isa Oomoo kibbaa jiruus,isa Baadimmaa jiruus,isa Gaambeellaa jiruus,isa Godee jiruus,isa Asaayitaa jiruus kan yaadu tahuu qaba.

Mariin asitti gaggeessinu kun,akka ifa Aduutti asii ka’ee guutuu Itoophiyaa kan ibsu yoo tahe hunda keenyaahuu ni fayyada. 

Namoonni yaada hedduu qaban,Namoonni fedhii hedduu qaban. Garuu waliin marihachuu fi wal dhageeffachuu hin jaallatan.Ajajuu barbaadan.

San waggoota dhibba dabraniif argineeti jirra.

Zamana Lij Iyyaasuu yoo ilaaltan,zamana mootii Hayila Sillaasee yoo ilaaltan,zamana Dargii yoo ilaaltan,zamana ADWUI yoo ilaaltan wal dhageeffachuuf, waltajjii marii kan akkanaa kana uumuu dadhabuu keenyaan,osoo isaan muraasni qoftiin waa murteessanuu,waan bara dheeraaf nu fayyadu tursiisuu hin dandeenye.

Waltajjiin marii kun ammoo,Rabbii birattiis,ilma namaa birattiis,itti gaafatamummaa guddaa kan qabu tahuu isaatiin,hegeree lammiiwwan miliyoona 100 fi miliyoona 30 caalanii kan bori irrattiis itti gaafatamummaa qaba waan taheef,carra qabeessa. 

Dibeetaa fi erbee seena kana osoo hin balleessine,bu’aa Itoophiyaaf gaarii tahe,Afrikaanootaaf barsiisaa tahe,hunda keenya waliitti qabu,nageenyaa fi misooma mirkaneessu,tokko tokkoo keessaniif gammachuu honga hin qabne kennu,Itoophiyaanoota hundaaf boqonnaa kennu akka argamsiiftaniif kabajaa guddaadhaaniin imaanaa isiniitti kennuu barbaada.

Itoophiyaan ni badhaati.

Har’aas akkuma kaleessaatti Afrikaaf fakkeenya ni taati.

Itoophiyaan dambaliin rakkoodhaa hin jiraatiin hin jettu.Dambalii rakkoodhaa gama injifannootti ni jijjirti.

Itoophiyaan akkaataa yaa’ii marii biyyooleessaa kanaan aadaa karaa nagaatiin aangoo waliitti dabarsuu ni siransisti.

Shanyiiwwan gaggaarii jalqabne ni facaafna,ni kunuunsina,muka goona.

Haa tahu malee,firii isaan kennan ammoo nuuf osoo hin taane dhaloonni akka itti faayda’u goona."

Post a Comment

Previous Post Next Post