IDIL ADDUNYAA: Humni waraana Ameerikaa Iraan irratti halellaa raawwachuu akka itti fufu beeksise.

Adooleessa 2 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Humni waraana Ameerikaa Iraan irratti halellaa raawwachuu akka itti fufu beeksise.

Humni waraana Ameerikaa Iraan irratti halellaa raawwachuu kan jalqabe dooniiwwan sadii kanneen xurree galaana Hormuuz gubbaa imalaa turan humna waraana Iraaniin halelamuun erga dhagayame booda.

Humni waraana Ameerikaa qiyaafannoowwan 80 caalan kan Iraan keessatti argaman irratti halellaa raawachuu isaa beeksisee jira.

Dooniiwwan xixiqqaan humni waraana Iraan itti tajaajilamu 60 gayaniis humna waraana Ameerikaatiin halelamuu ‘BBC’n gabaasee jira.

 á‰ áŠ áˆœáˆªáŠ« ጥቃት የተመታ የባሕር ዳርቻ

Iraan ammoo gama isiitiin,qiyaafannoowwan Ameerikaa 85 gayan irratti halellaa raawwachuu beeksiftee jirti.

Qiyaafannoowwan Ameerikaa humna waraana Iraaniiin halelaman kun biyyoota Arabaa kan akka Kuweet,Baahreeni fi kanneen biroo keessatti  argaman tahuun gabaafamee jira.

Prezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiaamp ammoo gama isaaniitiin,waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan jidduutti taasifame ture as irratti akka raawwate dubbatan.

Ameerikaan kana booda Iraaniin wajji marii hin gaggeessitu jedhan Donaald Tirmaap.

Ummanni Iraan miliyoonootaan lakkaawaman ammoo, sirna awwaalchaa hogganaa olaanaa biyyattii duraanii kan Ayaatoolaa Ali Haminii raawwachuu irratti argamu.

 á‰ áˆ›áˆ»á‹µ አደባባይ የተሰበሰቡ ሰዎች

Humni waraana Ameerikaa galgala har’aa kanaas irra deebi’ee Iraan haleluuf qophaa’e akka jiru beeksisee jira.

Ministrri dhimma alaa Iraan Abbaas Araachii ammoo gama isaaniitiin,Ameerikaan halellaa Iraan irratti raawwattu kan itti fuftu yoo tahe,Iraan of irraa qolachuuf dirqamti jedhan.

Post a Comment

Previous Post Next Post