Adooleessa 17 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Godina Harargee dhihaatti bara baajataa xumurame 2018titti lammiilee kuma 100 fi kuma 18 caalaniif carraan hojii adda addaa uumamuu waajjirri Carraa Hojii uumuu godinichaa beeksise.
Dursaan garee qophii karooraa fi hordoffii waajjira carraa hujii uumuu godinichaa Obbo Ashannafii Dabbabaa tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka ibsanitti,bara baajataa 2018 titti lammiileen kuma 100 fi kuma 18 fi 500 waldaalee gara garaa jalatti gurmaawanii carraa hujii dhaabbii fi yeroo argatanii jiru.
Leenjii dabalatee tajaajila liqii fi lafa hujii oomishaatiif oolu mijjeessuun lammiilee kanneenif deeggarsi taasifamuu obbo Ashannaafiin ibsani jiran.

Lammiileen carraa hujii argatan kunneen waldaalee kuma 8 caalan jalatti gurmaa’uun hujiiwwan qonnaa fi horsiisa beelladaa faa irratti bobbahuu isaanii obbo Ashannaafiin himanii jiran.
Godina Harargee dhihaatti bara bajataa 2018 keessa dargaggoota waldaadhaan gurmaa'anii horsiisa lukkuurratti irratti bobba'an keessaa tokko kan tahe Assaffaa Tasfaayee tajaajila oduu Itoophiyaatiif yaada kenneen,tajaajila liqii fi iddoo hujii mootummaan isaaniif mijjeesseetti gargaaramuudhaan Lukkuu killee 600 horsiisaa jira.
Yeoo amma kanattiis,oomisha lukkuu gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta'uu isaati kan dubbate.
Aanaa Bokee Magaalaa Bokee Xiqqaatti hiriyoota isaa waliin furdisa Looniiratti irratti kan bobba'e dargaggoo Habtaamuu Alamuu ammoo gama isaatin, liqii Birrii kuma 500 argachuun hujii furdisa loonii irratti akka bobbahan dubbata.
Hujii kanaaniis isaa fi hiriyoonni isaa fayyadamoo tahuu isaanii ibsee jira.
Dargaggoo Alamuu akka ibseetti,Sangoota hiriyoota isaa waliin tahuun furdisan manneen suguyyaa yookiin mannee foonii magaaloota Ciroo fi baddeessaatti argamaniif dhiyeessuun bu'aa qabeessa ta’aa jiru.