IDIIL ADDUNYAA: Faransaayi fi Ispeen keessatti namoonni kuma 200 caalan ibbida barbadaa dheessuun qe’ee isaanii irraa baqatan.

Adooleessa 18 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Faransaayi fi Ispeen keessatti namoonni kuma 200 caalan ibbida barbadaa dheessuun qe’ee isaanii irraa baqatan.

Ibiddi barbadaa Faransaayi fi Ispeenitti qabate namoonni kuma 200 fi kuma 20 caalan qe’ee isaanii dhiisanii akka baqatan taasise jira.

 የስፔን ሰደድ እሳት

Faransaay keessa naannoo Bordewiks jedhamu irraa namoonni kuma 60 gahan qe’ee isaanii gadhiisanii bahuu ‘BBC’tu gabaase.

Preezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon ammoo naannoolee biyyattii ibiddi barbadaa itti hammaatetti raayyaan ittisa biyyattii akka bobbahu ajajanii jiru.

Hanga ammaatti,naannoolee Girwoondee fi Laandars jedhaman qofa irraa namoonni kuma 200 caalan naannoo jireenya isaanii gadhiisanii akka bahan taasifamee jira.

Ispeen naannoo Maadridiitti ibiddi qabatee akka jiruus gabaasaaleen bahaa jiran ni mul’isu.

በስፔን ከተከሰተው ሰደድ እሳት የምትሸሽ ሴት 

Ibidi barbadaa Ispeen naannoo Maadriitti qabate kana dhaamsuuf hojjattoonni ittisabalaa ibiddaa carraaqqii gochaa jiru.

Mootummaan Ispeen yeroo ammaa kanatti labsii yeroo ariifachiisaa baasee akka jiru gabaafamee jira.

Ispeeniti namoonni kuma 25 gahan naannoo jireenya isaanii gadhiisanii akka bahan hoggaa godhamu,namoonni kuma 40 gahan ammoo mana keessaa akka gad hin baane ajajamanii jiru. 

ከ220,000 በላይ ሰዎች ለቅቀው ወጥተዋል። 

Ispeen keessatti ibiddi barbadaa kallattii dhihaatiin iddoo sadiitti akka mudate himamee jira.

Preezidaantiin naannoo Maadriid Izaabeel Diyeez Ayusoo akka jedhaniitti, balaan ibiddaa mudate kun kan yeroo kamiyyuu caalaa hammaataa dha.

Owwi qilleensaa dabaluuni fi qilleensii cimaan jiraachuun balaa ibiddaa kana akka hammeessellee preezidaantichi ibsanii jiru.

Hojjattoonni ittisa balaa ibiddaa Ispeen akka jedhaniitti yoo tahe,ibiddii barbadaa kun bosona lafa hektaara kuma 19 caalu irratti argamu fi manneen jireenyaa 80 barbadeessee jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post