Adooleessa 19 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala walooma cimsuun kabajamuu isaa hirmaattonni ayyaanichaa ibsan.
Ayyaanichi nagayaan xumuuramee jira.
Ayyaanni Qullubbii Gabre’eelii waggaatti yeroo lama jechuuniis gaafa Mudde 19 fi Adoolessa 19 kabajama.
Sirna kabaja ayyaanichaa irrattiis hordoftoonni amantichaa kan biyya keessaa fi alaa kuma dhibbaan lakkaa’amanii fi turistoonni biyyoota adda addaa ni hirmaatan.
Ayyaana kanarratti argamuuf kan dhufan hordoftootni amantichaa yaada tajaajila oduu Itoophiyaatiif kennaniin ayyaanichi karaa duudhaa amantii isaa eeggateen, waloomaan kabajamuu isaati kan ibsan,
Namoota ayyaanicha irratti argaman keessaa takka kan taate aadde Tigisti Baqqalaa akka ibsiteetti ayyaanicha karaa duudhaa amantii isaa eeggateen hawaasni kallattii hundarraa waliitti dhufe waloomaan kabajatanii jiru.
Ayyaanichi karaa duudhaa fi safuu Itiyoophiyaa agarsiisuun waloomaa fi nagayaan kabajamuu isaa kan dubbate immoo dargaggoo Masfin Adduunyaati.
Keessattuu hawaasni naannichaa hirmaattota ayyaanichaatif simannaa gaarii taasisuu isaaniiti kan dubbate.
Ayyaanicharratti yeroo jalqabaaf dhufuusaa kan dubbate hirmaataan ayyaanaichaa kan biraa Tafarii Mollaa ammoo, ayyaanichi sirna amantiitiin alatti tokkummaa Itiyoophiyaanootaa kan cimsu ta'uu isaati kan dubbate.
Daandiirrattis ta'ee bakka ayyaanichii itti kabajameetti rakkoon tokkolleen akka isaan hin qunnamne kan dubbatan obbo Kabbadaa Imishaawu ammoo gama isaaniitiin, ayyaanicha nagaan kabajuu isaanii dubbataniiti jiran.
Itti gaafatamaa kutaa ittisa yakkaa qajeelcha poolisii godina Harargee Bahaa Itti aanaa Komaandaraa Jibriil Adam gama isaaniitiin, ayyaanichi rakkoo tokko malee bifa miidhagaafi nagayaan kabajameeti jira jedhan.
Kanaafis,humnoonni nageenyaa naannoolee ollaaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi miseensonni milishaa qindaa'uun hojiin qindoominaan hojjatan gumaacha olaanaa gochuu isaa dubbataniiti jiran.
Ayyaanicharratti balaan tiraafikaa fi yakki tokkolleen akka hin raawwatamiin itti aanaa Komandara Jibriil Adam kan ibsan hoggaa ta'u, hawaasni naannichaatis qaamolee nageenyaa wajjin qindaa'uun hojiin hojjetan jajjabeessaa ta'uu ibsaniiti jiran.