Adooleessa 19 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Naannoo Harariitti tajaajilli lammuummaa haala duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufuun isaa ibsame.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsa kennaniin, tajaajilli tola ooltummaa gannaa maallaqa, humnaa fi beekumsa hawaasichaa qindeessuun dandeettii ofiin carraa misoomuu kan uumu ta’uu isaa ibsaniiti jiru.
Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee asitti tajaajilli tola ooltummaa kun rakkoo hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan.
Hujiin tajaajila lammummaa naannichatti eegalame kun barattoota quxxisuu barnoota gannaa barsiisuu, biqiltuu dhaabuu,tajaajila wal’aansa bilisaa kennuu, dhiiga arjoomuu,deeggarsa meeshaalee barnootaa walitti qabuu, namoota harka qal’eeyyiif mana ijaaruu fi haaromsuu fi hojiiwwan birootis kan dabalatu tahuu isaa obbo Geetuun himaniiti jiran.
Sagantaa tajaajila lammummaa ganna baranaa kanaan kutaalee hawaasaa kuma 344 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru ibsanii jiran.
Tajaajilli tola ooltummaa waliif yaaduu fi aadaa wal deggersaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabuus dubbataniiti jiran.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa eegalame toorawwan xiyyeeffannoo adda bahan bu'ura gochuun jijjiirama qabatamaa fiduu akka danda'utti raawwii isaatif hordoffii fi deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhan.