Ergaa mummichi ministraa Dr Abiy Ahmad waltajjii "Itoophiyaanis ni raawwatti" jedhu irratti ergaa dabarsan guutuu isaa:
Mummichi ministraa RDFI kabajamoo Dr Abiy Ahmad Alii guyyoota muraasa dura waltajjii “Itoophiyaaniis ni raawwatti” jedhu irratti argamuun ergaa cimaa dabrasaniiti jiran.
Barreeffama kanaan haasawa mummichi ministraa Dr Abiy Ahmad dhiheessan kana isiniif dubbisiisuu barbaanne.
"Hawaasni ofitti amantummaa qabu tokko eessa akka jiruu fi garam deemuu akka qabu ni beeka.
Gama fuulduraatti utaaluu jechuun maal jechuu akka tahe ibsuudhaaniin jalqaba.
Itoophiyaadhaaf gama fulduraatti utaaluu jechuun, gahuu miti,faana irra deemuus miti, garuu gama fulduraatti furga’uu dha.
Nuti akkasitti hubanna.
Haalawwan kanammoo kanaan dura itti jiraanneeti jirra.
Itoophiyaan biyya ummta Miliyoona 100 fi Miliyoona 30 ol qabduu dha.
Seenaa keessatti,qaroomni bara durii,birmadummaa biyyaa kabajsiisuuf dandeessisee jira.

Biyti tun yeroo adda addaatti sadarkaa gadii irratti osoo eeggamtuu,biyya sadarkaa guddaa irra gahuu dandeessee dha.
Biyti tun, biyya tumsaa fi hirmaannaa ummata isiitiin hidha guddicha Haarayoomsa Itoophiyaa ijaaruu dandeessee dha.
Nuti riffoormiiwwan gara garaa hujii irra oolchaa jirra.
Rifformiwwan kun ammoo,guddina ariifachiisaa galmeessisuu qofaaf jedhamanii kan bocamanii miti.
Riffoormiiwwan kun,dhaloota borutiif bu’uura cimaa ijaaruuy yaadamanii kan qophaa’anii dha.
Hujiin kun jiddu gala kan godhatu maatiiwwan nageenyaa fi tasgabbii barbaadan,dargaggoota hegeree isaanii ijaaraa jirani fi lammiilee kabajaa gonfachuuf carraaqanii dha.
Kanaan dura baroota hedduuf Itoophiyaan ibsamaa kan turte,dandeettii yookiin pooteenshiyaala qabduun osoo hin taane, rakkoolee isiin qabaachaa turteeni.
Ammaan tanammoo,seenaa addaatuu hojjatamaa jira.
Dirree diinagdee keenyaa irrattiis,dhaabbiilee keenya keessattiis,hawaasa keenya keessattiis, bu’aan tattaaffii wal irraa hin cinneeti fi bu’aan filannoowwan garagaraa maal akka fakkaatu arguu eegalleeti jirra.
Kabajamtoota keessummoota…..
Qaalawinsii gatii ammaan tana dhibbeentaa 30 irraa gad bu’eeti jira.
Waggaa keessa jirru kanatti ammoo,qaalawinsii gatii gama dijitii qeenxeetti gad bu’eeti jira.
Daldalli al ergii keenyaatiis haala seenaa keessatti mul’atee hin beeyneen guddina galmeessiseeti jira.
Diinagdeen keenya bara baajtaa 2018 kanatti guddina dhibbeentaa 10.2 ni galmeessisa jedhamee raagameeti jira.
Kanaanis Itoophiyaan Ardii Afrikaa keessaa biyya diingdee guddaa ijaaraa jirtu tahu dandeesseeti jirti.
Bu’aawwan eeraman kun akkanumatti carraadhaan kan argamanii miti.
Bu’aawwan galmaawan kun, filannoowwan qabnu keessaa isa nu fayyadu gadi fageenyaan xiinxallee, keessaa foyachuu waan dandeenyeef kan argamanii dha.
Filannoowwan jiran keessaa isa nu fayyadu foyachuun ammoo waan salphaa miti.
Gatiin itti kafalameeti filannoon kun argame.
Haa tahu malee,lakkooysi qoftiin seenaa guutuu himuu hin dandayu.
Riffoormii hujii irra oolchaa as geenye tokko tokkoo isaa duuba,hawaasa jiruu fi jireenyi isaa foyyaa’eetu jira.
As irratti,dubartii daldala xiqqaa irratti bobbaate takka fakkeenya godhachuun ni dandayama.
Dubartiin tun,waggoota hamma tokkoof daldala xiqqaa irratti bobbaatee hojjachaa turte haa jennu.
Dubartiin tun waggoota hamma tokkoof sirna faayinaansii idileetiin ala turte.
Akkaawuntii herregaa kan mana baankiitiis hin qabdu.
Bahii fi galii isiitiis galmee herreegaa irratti sirnaan qabattee hin beektu.
Sirni daldalaa dulloomaaniis isii tana argeetuu hin beeku.
Gaafa isiin eenyummeessaa dijitaalaa fudhttee sirna kafaltii dijitaalaa fayyadamuu eegalteetti,sirna faayinaansii isii gurmeeffachuu fi ijaaruu jalqabdi.
Galmeen faayinaansii isii gaafa gurmaawee qabameetti abdiidha horatti.
Abdiin isiin horatte ammoo carraa faayinaansiiti isiif bana.
Ammoo isiin hin jijjiiramne. Isiin isuma. Garuu wonti jijjiirame yoo jiraate sirnaa fi hojmaata jechuu dha.
Har’a,Itoophiyanoonni miliyoonaan lakkaawaman carraa duraan isaan bira gayuu dhabee ture argataniiti jiran.
Kuniis jijjiirama jiru akkamitti madaaluu akka qabnu nu garsiisa.
Kuniis,dhaabbiilee nuti ijaarreeni fi jijjiirama jiruu fi jireenya lammiilee irratti mul’ateen jijjiirama jiru madaalla jechuu dha.
Kabajamtoota keessummoota keenya…..
Haalli keessa jirru, rakkoo wahii tokkoof furmaata goone jennee qoma dhiibuuf yookiin u’uutaaluuf kan nu dandeessisuu miti.
Hoggaa ijaaruu tasgabbeessuun,hoggaa dhiheessinu haarayoomsuun, .
waan itti aanuuf qophaa’aa deemuun, waan hin hojjanne sirreessuun amala keenya.
Kun ammoo,yaadama Ida’aamuu irraa madda.
Hafuura dhugaan harka wal qabachuu isa kana.
Ida’amuun guddinni cimaan kan argamu carraaqqiin waloo yoo taasifameedha jedheeti amana.
Riifoormii dinagdee fi eegumsa hawaasummaa, jijjiirama dijitaalaa fi dandeettii dhala namaa, walitti hidhamiinsa biyyaalessaa fi kaka’umsa naannoo ….. isaan kun ajandaalee wal dorgomanii miti.
Ajandaaleen kun yoo waliin tarkaanfatan qofa hawaasa biyyaa cimaa tahee ijaaruu dandayan.
Kabajamtoota keessummoota…..
Ijaarsi sabaa itti gaafatamummaa walooti barbaada waan ta'eef har'a asitti walitti qabamne.
Mootummaan kophaa isaa waa gochuu hin danda'u.
Gabaanis kophaa isaa waa gochuu hin danda'u.
Hawaasnilleen kophaa isaa waa gochuu hin danda’u.
Guddinni hirmaannaa hunda keenyaati gaafata.
Nutiis walgahii kanaan, jijjiirama argame kana mil’uu adda addaatiin qorachuuf ijibbaanna.
Riifoormiiwwan tasgabbii dinagdee maakroo cimsaa jiran, gahee magaaloonni oomisha guddisuu keessatti qaban, gumaacha sirni dijitaalaa qabu, jijjiirama damee qonnaa fi albuudaa irratti argame, akkasumattis barbaachisummaa bu’uuraalee misoomaa fi faayidaa ummataaf argamsiisan kaasuun barbaachisaa taha.
Dhimmoota eeraman kana kaasuun faayidaa dha qaba.Jijjiiramni taatee miti. Jijjiiramni adeemsa keessa waan dhufuu dha. Waan kana taheef jijjiiramni Muuxannoo dabre irraa barachuu,ciminaan of kennanii hojjachuu fi gad of qabuu gaafata.

An fuldura keessan dhaabadhee hojiin sun xumuramee jira jedhee yaada hin dhiyeessu. Hin ta'u.
Qala'iinsi gatii waggootaaf ol'aanaa ture humna bittaa maatii irratti dhiibbaa uumeeti jira.
Faayidaan riffoormiin keenya argamsiise hanga ammaatti haala ta’uu qabuun lammii hunda bira hin geenye.
Dhugaa kana fudhachuu dandayuu qabna. Sababni kana goonuuf,hawasni amanamummaadhaan rakkoolee jiran dura dhaabbatee furuuf gama fulduraatti akka tarkaafatu gochuufi.
Hojii keenya keessaa inni guddaan tokko, dhaloonni nu boodaan dhufu jijjiiramaaf akka of qopheessu gochuu dha.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuutu nurra jiraata.
carraan barbaachisaan akka argamu gochuutu nurra jiraata.
Dhaabbiileen nuti ijaarru dandeettiin isaanii akka dagaagu gochuu qabna.
Safartuun milkaa’ina keenyaa inni dhugaa, bu’aa haaromsa kanaati taha.
Gaaffiileen jiran ammoo, dhaabbilee dorgomaa tahan ijaaruu ni danda’uu?
Humna oomishaa ykn dhaloota hujii irratti bobbahuu dandayu kan baayyinni isaa dabalaa jiruuf carraa uumuu ni danda’uu?
Dhugumatti badhaadhina naannoo, hawaasaa fi dhaloota bira ga’uu mirkaneessuu ni danda’uu? Kan jedhanii dha.
Deebiin gaaffilee kanaa, jijjiiramni kun turuu danda'uu fi dhiisuu isaa kan agarsiisu ta'a.
Itoophiyaan gara haasawa kanaatti ofitti amanamummaa fi iftoominaan itti dhufti.
Marii wal kabajuu irratti hundaa'e barbaanna.
Hunda caalaa ogummaa guddaa fi kaayyoo waliinii qabannee,tumsa gara fuulduraatti tarkaanfachuuf nu dandeessisu barbaanna.
Hawaasni addunyaa jijjiirama Itoophiyaa ilaalaa jira.
Gariin hamileedhaan gariin ammoo shakkiidhaan as ilaalaa jira.
Garuu fedhii fi kaayyoon keenya inni guddaan ummata keenya tajaajiluu dha.
Carraa ummanni keenya qabu kan dur caalaa ballisuuf hojjanna.
Kana dhugoomsuuf ammoo dhaabbilee ciccimoo baraa baratti ceehuu dandayan ijaaruun dirqama taha.
Dhaloonni kamiyyuu hojii ijaarsa sabaa akka hin xumurre hundi keenyaahu ni beekna.
Dhaloonni dhufaa dabraan kamuu, waan jiru kunuunsuuf ,waan hin hojjenne sirreessuuf, bu’uura warri kaan kaayanii dabran cimsuuf dirqama guddaa qabu.
Kun hojii nu dura jirudha. Isa kana Afaan Amaaraatiin “ maansaraaraat” jennaan. Ityoophiyaan gara fuulduraatti utaaluu jechuudha.
Kallattiin keenya ifa. Murannoon keenyaas cimaadha. Wanti amma nuti hojjennu jijjiiramni keenya hangam fagoo akka deemu murteessa.
Kaayyoo kana kaayyoo waliinii goonee naamusaa fi hamilee cimaadhaan galmaan gahuuf kan tattaafannu yoo tahe,Itoophiyaa jabduu taate dhaloota nu boodaatif dhaalchisuu ni dandeenya jedheetin amana.
Kana gochuun ammoo, dirqama hunda keenya irra jiruu dha."