Waxabajjii 22 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Naannoo Harariitti sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa jalqabame.
Saganticha kan jalqabsiisan prezidantii naannichaa obbo Ordiin Badrii fi itti aantuu preezidantii naannichaa adde Roozaa Umari.
Prezidaant Ordin sagantaa kana hoggaa jalqabasiisan akka jedhaniitti,dhaloota boodaatiif biyya magariisa taate dhaalchisuuf sagantaan ashaaraa magariisaa gumaachi inni qabu olaanaa dha.

Naannoo Harariitti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin biqiltuuleen mukaa Miliyoona 1.7 gayan ni dhaabaman jedhame.
Itti Aantuun pireezidaantii mootummaa naannichaati fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa adde Roozaa Umar akka ibsaniitti,sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiitiin naannoo Harariitti biqiltuulee mukaa Miliyoona 1.7 ldhaabuuf karoorfamee hujiitti galameeti jira.
Biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaatiin barana dhaabamuuf karoorfaman keessaa dhibbeentaan 70 ni biqiltuuwwan nyaataaf ooluu dandayan tahuu isaanii adde Roozaan ibsanii jiran.
Kuniis sochii wabii nyaataa mirkaneessuuf jalqabame milkeessuuf akka dandeessisu dubbatan.
Biqiltuuwwan hafan ammoo mukkeen bosonaatii fi soorata beelladaatiif kan oolan tahuu adde Roozaan himanii jiran.
Mukkeen kanaan dura dhaabaman qonnaan bultoota hirkatummaa roobaa jalaa baasuun oomishaa fi omishtummaan akka dabalu gochuu isaaniitiis adde Roozaa Umar ibsanii jiran.