ODUU: Naannoo Harariitti qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa kennamuu jalqabe.

Waxabajjii 26 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Naannoo Harariitti qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa kennamuu jalqabe.

Naannichatti barana barattoonni qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa fudhatan qabxii gaarii akka galmeessisaniif xiyyeeffannaan kennamee hojjatamaa turuu isaa hogganaan biiroo barnoota naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawoo himaniiti jiran.

 

Naannoo Harariitti barana barattoota kuma 2 fi 700 tti siqantuu qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa kana fudhatu.

qormaatichi buufataalee qormaataa kudhaniitti kennamaa jira.

 

 Barattoonni qormaata biyyooleessaa kana fudhatan hundi isaanii intarneetiin yookiin onlaayaniin qormaaticha akka fudhatan obbo Geetuun beeksisanii jiru.

Maddi odeeffannoo tajaajila oduu Itoophiyaati.

Post a Comment

Previous Post Next Post