Waxabajjii 3 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Filannoon waliigalaa 7ffaan tibbana Itoophiyatti gaggeeffame ergaa gurguddaa dabarse.
Filannoon waliigalaa 7ffaan dhihoo kana Itoophiyatti gaggeeffame guutuu hawaasa addunyaatiif ergaa guddaa kan dabarsee dha.
Ummanni Itoophiyaa yoomiyyuu caalaa ijaarama sirna mootummaa bu’uura cimaa irra dhaabuuf murannoo cimaa akka qabu qabatamaan kan itti agarsiisee dha.
Akkanumattiis,filannoon waliigalaa 7ffaan kun,ummanni Itoophiyaa ummata sirna demokraasii dhugoomsuuf fedhii guddaa qabu tahuu isaa kan itti mul’isee dha.

Picture Source:ebc.et
Ibsa Suuraa:Hoggantoonni olaanoon yammuu sagalee kennatan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan Itoophiyaan gaggeessite kun filannoowwan kanaan dura biyyattiitti gaggeeffaman irraa wantoota adda isa tasisantuu jira.
Fakkeenyaaf: paartiileen siyaasaa 40 caalantu filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti dorgommiif dhihaate.
Paartiileen siyaasaa kuniis,miidiyaalee gara garaa irratti carraan kennameefi yaada isaanii ummataaf akka dhiheessan godhamee jira.
Dhaabbanni keenya korporeshiniin broodkaastingii Itoophiyaa qoftinuu waltajjiiwwan paartiileen siyaasaa irratti wal falman 15 qopheessee ummataaf dhiheesse.
Falmiin paartiilee siyaasaa kuniis afaan Amaaraa,Afaan Oromoo,Afaan Somaalee fi Affaariin ummataaf dhihaatan.
Boordiin filannoo biyyooleessa Itoophiyaatiis gama isaatiin waltajjii paartiileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dorgoman irratti wal falman 19 qopheessee midiaalee biyyooleessaa fi kan naannooleetiin akka tamsa’an gochaa ture.
Kanaaniis ummanni Itoophiyaa kaayyoo fi sagantaa siyaasaa paartiileen gara garaa qaban sirriitti adda baasee hubachuuf, akkanumattiis paartii fulduraaf yoo biyyattii gaggeesse bu’aa ni buusa jedhee itti amanu sirriitti adda baafachuuf carraa bal’aa argatee jira.
Picture Source:Xinhua.
Ibsa Suuraa: lammiileen filannoo waliigalaa 7ffaa irratti yammuu sagalee kennan.
Kun ammoo,tooftaan qabsoo Itoophiyaanoonni barbaadan yookiin itti amanan qabsoo afaan qawweetiin taasifamu osoo hin taane,qabsoo yaadaan taasifamu akka tahe agarsiisa.
Filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti ummanni filachuuf galmaa’ee kaardii fudhate Miliyoona 54 kan caalu dha.
Seenaa filannoo biyya kanaa keessatti filattoonni hammana gahan galmaawanii yammuu sagalee kennatan yeroo jalqabaaf tahuu isaati.
Kuniis lammiileen Itoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaa ijaaramni sirna mootummaa hirmaannaa isaaniitiin alatti akka dhugoomuu hin dandeenye kan itti hubatan tahuu isaati.
Hirmaannaan lammiileen Itoophiyaa filannicha irratti taasisanis kan hedduu dinqisiifatamuu dha.

Lammiileen Itoophiyaa sagalee isaanii kennuuf galmaawanii kaardii filattootaa fudhatan bariisaa sa’aatii 11:00 irraa jalqabanii hanga halkan sa’aatii 6:00 tti naamusaan hiriiranii akkaataan sagalee isaanii itti kennan hedduu nama ajaa’ibsiisa.
Kuniis miirri abbaa biyyuummaa yoomiyyuu caalaa dagaagee akka jiru fi biyya teenyatti dirreen demokraasii bal’atee akka jiru namatti mul’isa.
Hunda caalaa ammoo,Itoophiyaa keessatti adeemsi afaan qawweetiin dhiiga dhangalaasanii aangoo siyaasaa itti qabatan boqonnaan isaa cufamee akka jiru filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti ummanni Itoophiyaa guutuu addunyaatiif ergaa guddaa dabarsuu danda’ee jira
Kana jechuun gama biraatiin,ammaa jalabee Itoophiyaa keessatti maddi aangoo siyaasaa afaan qawwee osoo hin taane sagalee ummataa korojoo filannoo keessaa argamu qofa akka tahe akeekee jira.
Filannichi teknolojiidhaan deeggaramee gaggeeffamuun isaatiis filannowwan kanaan duraatirraa adda isa taasisa.
Nuti gaazexeessitoonni ‘EBC Damee Harar’ gaafa Caamsaa 24 bara 2018 jechuuniis,guyyaa filannoon waliigalaa 7ffaan Itoophiyatti gaggeeffamu buufataalee filannoo hedduu irra deemnee haala adeemsa filannichaa ilaalleeti jirra.
Dhugaa dubbachuuf yoo tahe,hawaasni biyyaa miira gammachuutiin guutamanii,dhiibbaa tokko malee karaa bilisaa fi demokraatawaa taheen sagalee isaanii kennachaa oolan.
Lammiileen dubbisne hundi isaanii wonti nuuf mirkaneessan yoo jiraate,filannoon waliigalaa 7ffaan kun haqa qabeessa,bilisaa fi demokraatawaa tahuu isaati.
Lammiileen filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti sagalee isaanii kennatanii bahan kan nutu gaazexeessitoonni dubbisne hundi “Akka sirnoota dabran saniitti as ajjadhu….achi ajjadhu…namni namaan jedhu hin jiru…qaama sirriitti nu hogganuu ni danda’a jennee itti amanneef dhiibbaa tokko malee karaa bilisa taheen sagalee keenya kennuu dandeenyeeti jirra” nuun jedhan.
Picture Source:Xinhua.
Ibsa Suuraa:lammiilee sagalee kennuuf hiriiraan dhaabbatan.
Taajjabdoonni partiilee siyaasaa bakka bu’anii filannicha taajjabaa oolan,taajjabdoonni dhaabbiilee sivikii filannicha taajjabaa turani fi kanneen biraatiis filannoon waliigalaa 7ffaan naga-qabeessa,bilisaa fi demookraatawaa tahuu isaa ragaa bahan.
Akkaataan raawwachiistoonni filannoo hawaasa itti keessummeessaa turaniis dansaa akka tahe,buufataalee filannoo hedduutti ija keenyaan arginee jirra.
Ayyooleen,manguddoonni,qaama midhamtoonni,dargaggootaa fi shamarran, kutaaleen hawaasaa gara garaa loogii tokko malee dabaree isaanii eeggatanii naamusa olaanaadhaan filannicha irratti hirmaatanii jiru.

Jili taajjabdootaa kan Gamtaa Afrikaa fi Gurmuu misoomaa biyyoota Afrikaa bahaa kan‘IGAD’adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 Itoophiyatti gaggeeffame naannoolee biyyattii gara garaa keessa socho’uun taajjabanii jiru.
Jilawwan taajjabdootaa kuniis filannoon waliigalaa 7ffaan Itoophiyaan gaggeessite Itoophiyaanoonni hundi kan itti injifatan tahuu ragaa bahanii jiran.

Picture Source:ebc.et
Ibsa Suuraa:Jila taajjabdoota Gamtaa Afrikaa kan hogganan preezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaa.
Jila taajjabdoota Gamtaa Afrikaa kan hogganan preezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaan akka jedhaniitti,filannoo waliigalaa 7ffaa Itoophiyatti gaggeeffame irratti,adeemsi kenninsa sagalee seera biyyattii fi hammattoo seera idil-addunyaa kan bu’uureeffate dha.
Raawwachiiftonni filannoo,qaamoleen nageenyaa fi dhaabbiileen oduu himaa sabaa itti gaafatamummaa isaanitti kenname akka gaariitti ba'achuu isaanii Uhuruu Keniyaattaa mirkaneessanii jiru.

Picture Source:ebc.et
Ibsa Suuraa:Itti aantuu pirezidantii Yugaandaa kan duraaniiti fi hoggantuu garee taajjabdoota filannoo Gurmuu misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa kan ‘IGAD’Doktar Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee.
Itti aantuun pirezidantii Yugaandaa kan duraaniiti fi hoggantun garee taajjabdoota filannoo Gurmuu misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa kan ‘IGAD’Doktar Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee gama isaaniitiin ibsa kennaniin,adeemsi kenninsa sagalee iftooma kan qabuu fi filattootaaf baay'ee mijjaawaa akka ture dubbatan.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuu isaanitiis hoggantoonni jila taajjabdootaa kun himanii jiru.

Picture Source:ebc.et
Ibsa Suuraa:Hoggantoota boordii filannoo biyyooleessa Itoophiyaa kan ammaa.
Filannoon waliigalaa 7ffaan rakkoo tokko malee nagayaan xumuurame.
Bu’aan filannichaatiis boordii filannoo biyyooleessaatiin ibsamuu jalqabee jira.
Kun milkaa’ina guddaa dha.