ISPOORTII: Dorgommiin waancaa kubbaa miilaa addunyaa kan bara faranjootaa 2026 jalqabamuuf sa’aatii muraasa qofaatu hafee jira.

Waxabajjii 4 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti. 

Dorgommiin waancaa kubbaa miilaa addunyaa kan bara faranjootaa 2026 jalqabamuuf sa’aatii muraasa qofaatu hafee jira. 

Wal morkiin guyyoota 39 f turu, kan taphattoonni 1248 irratti hirmaatan kun biyyoota sadii keessatti dirreelee kubbaa miilaa magaaloota 16 keessatti argaman irratti gaggeeffama. 

Dorgommiin seenaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti guddaa jedhamee himamaa jiru kun,har’a galgala sa’aatii 4:00 irratti jalqabama. 

 

Dorgommii waancaa addunyaa 23ffaa kana irratti gareewwan biyyooleessaa biyyoota 48 titu hirmaata.

Gareeleen kubbaa miilaa biyyoota 48 irraa waliitti dhufan kunneen, akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti har’a Waxabajjii 4 bara 2018 irraa jalqabanii guyyoota 39 f wal morkii taasisu. 

Gareeleen kubaa miilaa 48 n kun ramaddii 12 jalatti ramadamuun isaanii ni yaadatama. 

FIFA World Cup 2026 

Har’a galgala sa’aatii 4:00tti wal morkii Meeksikoo fi Afrikaan kibbaa taasisaniin dorgommiin waancaa addunyaa 23ffaan eegalama. 

Seenaa dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti Meeksikoon yeroo 18 f hirmaatti. 

Afrikaan kibbaa ammoo yeroo 4ffaaf hirmmaatti. 

wonti nama ajaa’ibsiisu ammoo,Meeksikoo fi Afrikaan kibbaa kanaan dura dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara faranjootaa 2010tti gaggeeffame irrattis tapha baniinsaa waliin taphataniiti turan. 

 Official promotional banner on FansOrbit for Javi Bridge's announced free 2026 World Cup mobile calendar with Apple, Google, Android, and Outlook logos.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa 23ffaa biyyoota sadiitu waliin tahee keessumsiisa. 

Isaaniis U.S.A, Kaanaadaa fi Meeksikoo dha.

Wal morkiiwwan dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa 23ffaa irratti gaggeeffaman dogoggora irraa bilisa gochuun haqa qabeessummaa mirkaneessuun akka danda’amuutti,kubbaa ammayyaa teknolojiidhaan deeggaramee fi humna baatrii fayyadamuutu hujii irra oola jedhameeti jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post