ODUU: Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyooleessaa bara kanaatif qophiin taasifamuu hogganaan biiroo barnoota naannichaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan.

Waxabajjii 2 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyooleessaa bara kanaatif qophiin taasifamuu hogganaan biiroo barnoota naannichaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan.

Doktar Tolaa Bariisoon akka ibsaniitti,barana naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 200 fi kuma 2 caalan qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’anii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun,naannoo Oromiyaatti barana barattoonni kuma 500 fi kuma 47 ol tahan qormaata naannoo kutaa 6ffaa ni fudhatan jedhan.

 Ethio FM Interview with Dr. Tola Bariso

Barattoonni kuma 400 fi kuma 30 ol tahan ammoo,qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa’uu isaaniiti doktar Tolaa Bariisoon kan ibsan.

Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8 hanga 10 bara 2018 kan kennamu ta’uu fi qormaanni kutaa 8ffaa ammoo Waxabajjii 11 fi 12 bara 2018 kan kennamu ta’uu doktar Tolaan himaniiti jiran.

Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa ammoo irra caalatti kompitaraan deeggaramee karaa onlaayaniitiin akka kennamu kan ibsan doktar Tolaa Bariisoon kanaafis meeshaalee barbaachisaa tahan dhiheessuudhaan haala mijjaawaa uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa akka jiru ibsaniiti jiran.

Post a Comment

Previous Post Next Post