Waxabajjii 2 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Bu’aawwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii tattaaffii ummataa fi hoggansaatiin argaman itti fufsiisuun barbaachisaa akka tahe ibsame.
Waajjirri paartii Badhaadhinaa damee naannoo Hararii hujiilee kana booda hojjatamuu qaban ilaalchisee hoggantoota olaanoo naannichaa waliin mariahateeti jira.
Waltajjii marii kana irratti itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa akka jedhaniitti,naannoo Harariitti tattaaffii ummataa fi hoggansaatiin hujii hanga ammaatti hojjatameen bu’aawwan jajjabeessaan hedduun galmaawanii jiran.
Bu’awwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii hanga ammaatti naannichatti galmaawan kana ammoo daran itti fufsiisuun barbaachisaa akka tahe obbo Geetuun hubachiisanii jiran.
Kana dhugoomsuuf ammoo hoggansi sadarkaan jiru miira tajaajiltummaatiin hawaasa tajaajiluutu irraa eeggama jedhan.
Keessattuu,dargaggootaaf carraa hujii uumuun,rakkoo qaala’insaa tasgabbeessuuni fi olaantummaa seeraa mirkaneessuun hojiilee ijoo xiyyeeffannaan itti kennamu tahuu obbo Geetuu Wayyeessaa ibsanii jiran.
Gabaasni kan tajaajila oduu Itoophiyaati.