Waxabajjii 13 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Naannoo Oromiyaatti ganna baranaa kana dargaggoonni Miliyoona 7 fi kuma 200 caalan hujii tajaajila lammummaa irratti ni hirmaatu jedhame.
Dargaggoonni naannichaa kun gosawwan hujii 14 irratti bobbahuun hujii tola oltummaatiin hawaasa isaanii akka tajaajilan gochuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroon dhimma dargaggoo fi ispoortii naannoo Oromiyaa beeksisee jira.
Ganna baranaa kanatti argaggoonni naannichaa gosoota hujii akka sagantaa ashaaraa magariisaa,hujii qonnaa,manneen harka qalleeyyii suphuu fi kkf’n irratti ni hirmaatu.
Biiroo dhimma dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaatti qindeessaan hujii tajaajila lammummaa yookiin hujii tola oltummaa obbo Amiinoo Amaan akka ibsaniitti,naannoo Oromiyaatti tajaajilli lammummaa hujiiwwan tola oltummaa gara garaa hirmaannaa dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa gara garaatiin hojjatamu aadaa tahaa dhufeeti jira.
Akka obbo Amiinoon jedhaniitti hujiin tajaajila lammummaa kun ji’oota gannaa fi bonattiis karaa idileedhaan gaggeeffamuu eegalee jira.
Hujiiwwan tola oltummaa tajaajila lammummaatiin hojjataman,fayyadamtummaa hawaasaa mirkaneessuun gamatti waliiti dhufeenya hawaasaa qajeelchuu,nageenya waareessuu fi dargaggoonni beekkumsaa fi muuxannoo gara garaa akka horatan gochuuf akka dandeessisu obbo Amiinoon tajaajila oduu Itoophiyaatiif himaniiti jiran.