Waxabajjii 13 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Hujii irra oolmaan sagantaa ashaaraa magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuuf hujii hojjatamu gama milkeessuutiin gumaacha olaanaa gochaa akka jiru biiroon qonna,bishaan,albuudaa fi inarjii bulchiinsa Dirree Dhawaa ibse.
Itti aantuun hogganaa biiroon qonna,bishaan,albuudaa fi inarjii bulchiinsa Dirree Dhawaa adde Misraa Abdallaa akka ibsaniitti hujiin waggoota muraasa dabraniif gama sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjatame,hujii wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjatamu milkeessuu irratti jijjiirama tarsiimaawaa fidaa jira.
Naannoon bulchiinsa Dirree Dhawaa haala qilleensa baramaa cin-tokkeen isaa gammoojjii tahuu isaatiin hanqina roobaa,hongee fi balaa dhiqama biyyeetiif saaxilamaa akka tahe adde Misraa Abdallaa himaniiti jiran.

Balaawwan uumamaa kana ittisuuf biiroon isaanii waggootii dabrananiif sagantaa ashaaraa magariisaa hujiiwwan qonnaa fi bishaanii waliin qindeessuun hujii irra akka oolu gochaa turuu adde Misraa ibsaniiti jiran.
Akka adde Misraan jedhaniitti,biqiltuuleen mukaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin waggootii dabran keessatti dhaabaman oomishaa fi oomishattummaan hawaasaa akka dabalu gochaati jiran.

Dabalataan,galiin hawaasa baadiyyaa akka foyya’u fi hawaasni nyaata madaalawaa akka argatuuf haala mijjaawaa uumee jiraachuu adde Misraa Abdallaa dubbatanii jiran.
Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin ammoo bulchiinsa Dirree Dhawaatti biqiltuulee mukaa Miliyoona 5 caalan dhaabuuf unkurri biqiltuu wiirtuulee 24 keessatti akka qophaa’u taasifameeti jira jedhan.
Biqiltuulee mukaa dhaabbiif qophaa’an kana keessaa dhibbeentaan 40 ni mukkeen bosonaa fi Leymaana kan jedhan adde Misraan,biqiltuuleen hafan ammoo kanneen nyaataaf oolan tahuu dubbatan.
Biqiltuuleen mukaa ammaan tana dhaabbiif qophaa’an kun,haala qilleensa baramaa naannoo waliin kan wal siman tahuu isaaniitiis adde Misraan tajaajila oduu Itoophiyaatiif himaniiti jiran.