ODUU: Dureessa irraa finxee addunyaa kanaa kan tahe Eloon Mask yeroo ammaa kana addunyaa irratti mata duree ijoo taheeti jira.

Waxabajjii 13 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Dureessa irraa finxee addunyaa kanaa kan tahe Eloon Mask yeroo ammaa kana addunyaa irratti mata duree ijoo taheeti jira.

Odeeffannoon ‘Astro4Space’ irraa arganne akka mul’isuutti Eloon Mask yeroo ammaa kana addunyaa irraa dureessa sadarkaa jalqabaa irratti argamu tahee jira.

Eloon Mask milkaa’ina kana irra gahuuf bu’aa bahii hedduu keessa akka dabre maddi odeeffannoo kun ni ibsa.

Elon Musk suffers worst wealth drop, loses $35 billion as Tesla investors  get jittery - Nairametrics

Eloon Mask maallaqa xiqqoo qabatee gara Ameerikaa kaabaa deemuun barumsa isaa barachaa ture.

Barumsa isaatiin wal maddiitti hujiiwwan gara garaa hojjachaati ture.

Sababni barumsaan wal maddiitti hujiiwwan adda addaa hojjachaa tureef ammoo,liqii sababii barumsaatiin isa irratti tuulame kafaluuf jedheeti.

Maddi odeeffannoo kun akka eereetti yoo tahe, Eloon Mask gaafa barataa ture san,liqiin hanga Dolaara kuma 100 isa irra jira ture.

Elon Musk Puts His AI Company's Employees Under Surveillance 

Garuu, Eloon Mask jabaatee hojjachuun teknolojiiwwan akka ‘payPal’, ’SpaceX’, ‘Tesla’, ‘Neuralink’, ‘xAI’ fi ‘The Boring Company’ fafakkaatan hundeessee hogganaa olaanaa dhaabbiilee teknolojii kanaa tahuu danda’ee jira.

Teknolojiiwwan Eloon Mask kalaqee addunyaaf gumaache kun,industriiwwan sirna kafaltii dijitaalaatiin akka waliitti hidhaman gochuu irratti gumaacha olaanaa godhee jira.

Dabalataan,kalqamuu konkolaattoota eletirkaan hojjataniitiif balabala saaqeeti jira.

 Avec le décollage de SpaceX en bourse, Elon Musk devient le premier homme à  passer le cap des mille milliards | France Inter

Akkanumattiis,teknolojii hubannoo nam-tolcheef boqonnaa haarawa saaquu,nama danda’e.

Yeroo dhihoo as ammoo,haawaa abuuruu irratti xiyyeeffatee hojjachaa jira.

Eloon Mask kalaqawwan akkanaa kanaan har’a addunyaa irratti Triliyenara jalqabaa tahee jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post