ODUU: Mummichi ministraa RDFI Doktar Abiy Ahmad sagantaa hujii tola oltummaa kan ganna baranaa jalqabsiisan.

Waxabajjii 12 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Mummichi ministraa RDFI Doktar Abiy Ahmad sagantaa hujii tola oltummaa kan ganna baranaa jalqabsiisan.

Mummichi ministraa Doktar Abiy Ahmad naannoo Oromiyaa godina Shawaa kibba dhihaa aanaa Goorootti argamuun sagantaa hujii tola oltummaa kan ganna baranaa jalqabsiisanii jiran.

 Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaatti duula tajaajila tola  ooltummaa Gannaa eegalchiisan Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)-  Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa  Goorootti duula tajaajila tola

Doktar Abiy ergaa midiyaa hawaasummaa isaanii  irratti dabarsaniin,waqtiin gannaa hoggaa gayu lammiilee keenyaaf tola ooluun gootummaa keenya agarsiisuu qabna jedhan.

Doktar Abiy sagantaa hujii tola oltummaa ganna baranaa kan jalqabsiisan,godina Shawaa kibba dhihaa aanaa Goorootti bu’uura manneen moodeelii 20 misooma kooridarii baadiyyaatiin ijaaramuuf karoorfaman kaa’uudhaani.

Doktar Abiy ergaa dabrsaniin ol ka’insa biyya teenyaa mirkaneessuu kan dandeenyu tokkoon keenya tokkoo keenyaaf yoo harka diriirsine qofa jedhan.

Post a Comment

Previous Post Next Post