ODUU: Galma gahinsi qabsoo Oromoo bilisummaa siyaasaa irraa gama bilisummaa diinagdeetti ceehuu irratti akka hundaa’u preezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiissaa ibsan.

Waxabajjii 12 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Galma gahinsi qabsoo Oromoo bilisummaa siyaasaa irraa gama bilisummaa diinagdeetti ceehuu irratti akka hundaa’u preezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiissaa ibsan.

Ergaan guutuun preezidaant Shimalliis Abdiissaan dabrsan akka itti aanu kanatti dhihaatee jira.

“Milkaa’inni galmoota qabsoo Oromoo bilisummaa siyaasaa irraa gara bilisummaa dinagdeetti ce’uu irratti hundaa’a.

Kunis ummata omishaan ofdanda’e,badhaadhina irraa qooda argatuufi egeree isaa ofiin murteeffatu ijaaruu gaafata.

Gama kanaan, gaaffiin murteessaan tokko yeroo dheeraaf deebii eeggachaa ture‘Baadiyyaan maal ta’uu qaba?’kan jedhu.

Naannoon keenya baadiyyaa irratti hundaa’uun jiraata. Humni omishtummaa keenya baadiyyaadha.

Qabeenyi keenya baadiyyaadha.

Nyaanni keenya baadiyyaadha. Dargaggoonni keenya baadiyyaadha.

Haata’u malee, murteessummaa olaanaa qabaatus, mirga murteessuu magaalaan walqixa ta’e qabaataa hinturre.

Baadiyyaan omishullee, sonni omisha sanaa garuu bakka biraatti kuufamaa ture.

Baadiyyaan dhama’ullee, fayyadamaan garuu iddoo biraa ture.

Kanaaf baroota dheeraaf baadiyyaan giddugala misoomaa osoo hintaane daangaa misoomaa ta’ee ture.

 Shimelis Abdisa - Shimelis Abdisa added a new photo.

Bu’aan bartee kanaa ifaadha. Hoji dhabdummaafi godaansa baadiyyaa irraa gara magaalaatti taasifamu hammeesse.

Dargaggoonni keenya milkaa’ina barbaacha qe’ee isaanii irraa fagaatuuf dirqaman; yeroo baay’ee carraan jireenyaa isaanii baqannaa irratti kan hirkate.

Qabeenyi umamaa guutummaatti gara humna dinagdeetti jijjiiramuu hindandeenye.

Qaawni misooma magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru baldhachaa dhufe. Kanaaf ce’umsi Oromiyaa dhugoomuu yooqabaate, ce’umsi baadiyyaa dursee dhugoomuu qaba.

Akka hoggansa jijjiiramaatti, gaaffii armaan oliitiif deebii yaadama kana hordofu ifatti keenyerra.

Deebiin keenya baadiyyaan bakka irraa baqatamu osoo hintaane bu’uura misoomni irraa ijaaramu ta’uu qaba kan jedhuudha.

Kanas sagantaa maqaa ‘Haaroomee’ jedhuun mogga’een hijiirra oolchaa jirra.

Haaromeen wiirtuulee ce’umsa baadiyyaa gandoota naannoo keenyaa mara keessatti pilaaniidhaan hundeessaa jirrudha.

Kanaaf, Haaromeen pirojektii ijaarsaa qofa osoo hintaane, jijjiirama yaadama misoomaafi ce’umsa baadiyyaa irratti hundaa’eedha.

Kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti. Ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha. Ammayyummaa jechuun gamoo dhaabuu qofa miti.

 Shimelis Abdisa - Shimelis Abdisa added a new photo.

Ammayyummaa jechuun bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaasummaa, dhaabbilee faayinaansiifi haqaa, gabaa, akkasumas wiirtuulee oomishtummaafi hojii balbala qoteefi horsiisee bulaatiin gahuudha.

Haaromee hundeessinu marti tajaajila mootummaa, daandii, bishaan, anniisaa – (sarara eletirikaa, ‘solar’, ‘biogas’), manneen barnootaa, buufata fayyaa, mana qorichaa, baaknii, buufata poolosii, mana murtii, giggugala gabaa, man-kuusaa, lafa banaa hawaasaa – (iddoo tapha daa’immanii, walgahii, haara-galfii, magariisa) giddugala gabaa, manneen daldalaa, buufata boba’aa, manneen amantaa, lafa dhaabbii maashinoota qonnaafi geejjibaa (parking), teknoolojiifi carraa hojii hammataniiru.

Mooraan manneen tokkoon tokkoonis, lafa magariisa, misooma boroo, horsiisa lukkuufi loon aannanii hammateera.

Kana gochuun, dargaggeessi keenya milkaa’ina barbaacha qe’ee isaa irraa akka hingodaanne, bakkumatti jirutti haala milkaa’ina dandeessisu mijeessaa jirra.

Haaromeen bu’uuraalee misoomaa ijaaruu qofallee miti. Hariiroo baadiyyaa, magaalaafi mootummaa gidduu yeroo dheeraaf ture bifa haaraan deebisanii bocuudha.

Baadiyyaa ceesisuun qonna qofa ceesisuu miti.Dargaggeessa ceesisuudha.Dubartii ceesisuudha. Dinagdee ceesisuudha.Hawaasa baadiyyaa ceesisuudha. Hariiroo mootummaafi ummata baadiyyaa gidduu jiru ceesisuudha.

Akkasumas baadiyyaa akka madda omisha dheedhii qofaatti ilaalamuu keessaa baasuun gara giddugala oomishtummaa, kurfeessa omishaalee qonnaa, ogummaafi kalaqaa akkasumas badhaadhinaatti ceesisuudha.

Qonnaan bulaan keenya biyyee haadhuu, horsiisee bulaan keenya ammoo tiksuu qofatti hafuu hinqabu.

Omishtoota, kurfeessitoota, daldaltoota, hoji uumtota, kalaqeessitootafi invastaroota ta’uu qabu.

Cancalli daballii sonaa baadiyyaatti diriiruu qaba. Kana malee ce’umsa dinagdee baadiyyaa waaraan dhufuu hindanda’u.

Kanaaf, Haaromeedhaan dhimmoota kanniin sirreessaa jirra.

Imala kana keessatti magaalaafi baadiyyaan walmorkattoota miti. Walirraa adda bahanii misoomuu hindanda’an.

Hariiroon isaanii hariiroo walitti hidhamiinsa oomishtummaa, gabaa, invastimantiifi teknoolojiiti.

Akkuma magaalaan baadiyyaa malee guddachuu hindandeenye, baadiyyaanis magaalaa malee ammayyaa’uu hindanda’u.

Inni tokko guddina isa biraatiif haal-duree; inni tokko milkaa’ina isa biraatiif bu’uura.

Kanaaf milkaa’inni galmoota qabsoo sabaa, magaalaafi baadiyyaa walirraa adda bahaniin osoo hintaane, walitti hidhamiinsa isaanii irratti hundaa’a.

Kanaaf, Haaromeen sagantaa misoomaa qofa miti; tarsiimoo galmoota sabaa: ce’umsa Oromiyaa ittiin milkeessinuudha.

Kaayyoon keenya baadiyyaa lafa irraa baqatamu osoo hintaane bakka turamu, itti omishamu, itti kurfeeffamu,itti daldalamu, itti kalaqamu, itti badhaadhamuufi itti egeree ijaarratanitti jijjiiruudha. 

 Shimelis Abdisa - Shimelis Abdisa added a new photo.

Qaawa misoomaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru cufuudha.

Humna oomishtummaa hawaasa keenyaa guutummaatti hojiirra oolchuudha.

Barootaaf, baadiyyaan lafa dhalatoonni irraa godaanan ture.

Har’a garuu bakka itti turan, itti omishan, itti badhaadhaniifi egeree isaanii itti ijaarratan taasisaa jirra.

Galmoonni qabsoo Oromoo magaalota qofaan hinmilkaa’an. 

Baadiyyaan yoo jijjiirame Oromiyaan ni jijjiirama.

Baadiyyaan yoo ce’e,Oromiyaan ni ceeti.

Kanaaf ‘Haaromeen’ sagantaa misoomaa qofa miti; galmoota qabsoo sabaa milkeessuu keessatti hojii murteessaadha.”

Post a Comment

Previous Post Next Post