Caamsaa 30 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Madaalliin hoggantoota olaanoo kan paartii Badhaadhinaa xumuurame.
Madaalliin hoggantoota olaanoo paartii Badhaadhinaa guyyoota lamaaf naannoo Somaalee Rizzoortii Shabaleetti gaggeeffamaa ture xumuuramuun isaa ibsame.
Madaalliin kun bakka sadarkaa itti aanaan preezidaantii paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa demokraasii obbo Adam Faaraah argamaniitti gaggeeffame.
Picture Source:ENA.et
Obbo Adam Faaraah ergaa fuula midiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin,waltajjii madaallii hoggantoota olaanoo paartii Badhaadhinaa kana irratti raawwiin karoora paartii Badhaadhinaa hanga guyyaa filanoo waliigalaa 7tti ture gadi fageenyaan qoratameeti jira.
Hujii filannoon booda hojjatamuu qabu irrattiis hoggantoonni olaanoon paartichaa hubannoo waloo qabachuu danda’aniiti jiran.
Obbo Adam ergaa dabarsan kanaan milkaa’ina seena qabeessa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti argameef gumaacha boordiin filannoo biyyooleessaa,paartiileen siyaasaa,qaamooleen nageenyaa,taajjabdootaa fi ummanni biyyaa taasisaniif galatoomfataniiti jiran.