Caamsaa 30 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Gareen kubbaa miilaa Iraan dorgommii waancaa addunyaatiif gara Ameerikaa akka hin seenne dhoorkamuu isaa Iraan beeksifte.
Waashingtan gareen kubbaa miilaa Iraan waancaa addunyaa bara kanaa irratti akka hirmaatuuf hayyamuu isii beeksifteeti turte.
Haa tahu malee,Waashingtan hayyama kennuu isii beeksiftee daqiiqaa muraasa booda,Iraan ibsa baafteen Ameerikaan garee kubbaa miilaa Iraan viizaa dhorkachuu isii ifa goote.
Picture Source:Reuters.
Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara kanaa Ameerikaa,Meeksikoo fi Kaanaadaatu keessummeessa.
Dorgommichi akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti Waxabajjii 4 bara 2018 irraa jalqabee kan gaggeeffamu taha.
Gareen kubbaa miilaa Iraan wal morkii gulaallii waancaa addunyaa dabruu isaa kan mirkaneeffate waraanni Ameerikaa,Israa’eli fi Iraan jalqabamuu isaatiin duratti ture.
Biiroon dhimma nageenya biyya keessaa kan Ameerikaa ammoo,uggura garee kubbaa miilaa Iraan irra kaayame kana ilaalchisee hanga ammaatti wonti jedhe hin jiru.
Gabaasni kan ‘BBC’ti.