IDIL ADDUNYAA: Iraan Ameerikaa wajjiin wal jijjiirraa dhukaasaa erga taasifte booda,xuree galaana Hormuuz guutuu guutuutti cufuuf sharxatteeti jirti.

Caamsaa 29 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti. 

Iraan Ameerikaa wajjiin wal jijjiirraa dhukaasaa erga taasifte booda,xuree galaana Hormuuz guutuu guutuutti cufuuf sharxatteeti jirti. 

Gaarreenfannaan Ameerikaa fi Iraan jidduutti uumame akkuma itti fufeetti jira. 

 USA vs Iran. Fists with flags. Battle of two countries on sky. Tension between the United States and Iran. USA vs Iran conflict. Iranian and American flags with a war concept.

Gabaasni ‘BBC’n baase akka mul’isuutti,Iraan biyyoota yookiin qaamoolee boba’aa fi gaazii erguu irratti bobbahan hundarratti xurree galaana Hormuuz guutuu guutuutti cufuuf dhaadatteeti jirti.

Ameerikaan gocha isii kan shiraan guutame irraa adabattee yoo taa’uu baatte,tarkaanfii fudhatamuuf Ameerikaatu itti gaafatamummaa fudhata jetti,Iraan. 

Ajajani jiddu galeessa waraana Ameerikaa ammoo gama isaatiin,dirooniiwwan afur kan Iraan gama galaana Hormuuz wacaafte samii gubbatti dhawee akka kuffise beeksisee jira. 

Iraan ammoo,haluu bahuuf jettee gandoota qubsuma waraana Ameerikaa lama kan Kuweetitti argaman irratti misaa’ila Baalistikii dhukaaftee jirti.

Ganda qubsuma waraana Ameerikaa Baahreyin keessatti argamu irrattiis Iraan haleellaa akka raawwatte gabaafamee jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post