ODUU: Itoophiyaanoonni sirna demokraasii dhugoomsuuf kutannoo cimaa qabaachuu isaanii qabatamaan kan argan tahuu miseensoonni jila taajjabdootaa kan Gamtaa Afrikaa fi Gurmuu misoomaa biyyoota Afrikaa bahaa ibsan.

Caamsaa 26 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Itoophiyaanoonni sirna demokraasii dhugoomsuuf kutannoo cimaa qabaachuu isaanii qabatamaan kan argan tahuu miseensoonni jila taajjabdootaa kan Gamtaa Afrikaa fi Gurmuu misoomaa biyyoota Afrikaa bahaa ibsan.

Jili taajjabdootaa kan Gamtaa Afrikaa fi Gurmuu misoomaa biyyoota Afrikaa bahaa‘IGAD’ filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 Itoophiyatti gaggeeffame naannoolee biyyattii gara garaa keessa socho’uun taajjabanii jiru.

Jila taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa kan hogganan preezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaa fi jila taajjabdoota Gurmuu misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa kan hogganan Doktar Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee waliin tahuun ibsa kennanii jiru.

Haaluma kanaan,jila taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa kan hogganan preezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaan akka jedhaniitti,  mootummaan Itiyoophiyaa sirna dimokiraasii ijaaruu cimsuuf hojii dinqisiisaa hojjatee jira.

 

                                Picture Source:ENA.et

Filannoo waliigalaa 7ffaa Itoophiyatti gaggeeffame irratti,adeemsi kenninsa sagalee seera biyyattii fi hammattoo seera idil-addunyaa kan bu’uureeffate tahuu Uhuruu Keniyaattaa himaniiti jiran.

Raawwachiiftonni filannoo,qaamoleen nageenyaa fi dhaabbiileen oduu himaa sabaa itti gaafatamummaa isaanitti kenname akka gaariitti ba'achuu isaaniitis Uhuruu Keniyaattaa mirkaneessanii jiran.

Itti aanaan pirezidantii Yugaandaa kan duraaniiti fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gurmuu misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa Doktar Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee gama isaaniitiin ibsa kennaniin,adeemsi sagalee kenninsaa iftoomina kan qabuu fi filattootaaf baay'ee mijjaawaa akka ture beeksisan.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa filannichaa keessatti itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba'achuus Doktar Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee ibsanii jiran.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf kutannoo qaban gochaan agarsiisuu isaanitiis hoggantoonni jila taajjabdootaa kun himanii jiru.

Miseensoonni jila taajjabdootaa kan Gamtaa Afrikaa fi Gurmuu misoomaa biyyoota Afrikaa bahaa‘IGAD’ naannolee Oromiyaa, Amaaraa,Sidaamaa,Somaalee,Hararii fi magaalota Dirree Dawaa fi Finfinnee keessatti bobbahuun adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itoophiyatti gaggeeffame taajjabuu isaanii Tajaajila Oduu Itoophiyaatu gabaase.

1 Comments

Previous Post Next Post