Caamsaa 26 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii Roobii yookiin Arbaa har’aa gaggeessuun biyyoota afur miseensa mana marii nageenyaa dhaabbatichaa gochuun ni filata.
Yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Awustriyaa,Poorchugaal,Trinidaadi fi Tobaagoo fi Zimbaabuwe miseensoota mana marii nageenyaa dhaabbatichaa gochuun ni filata jedhameeti eeggamaa jira.

Picture Source:Reuters.
Roytars akka gabaaseetti,biyyoonni eeraman kun akka bar-lakkoytuu Awurooppaatti Jaanuwaarii 1 bara 2027 irraa jalabanii miseensa mana marii nageenyaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tahuun waggoota lamaaf ni tajaajilu.
Biyyoota afuran eeraman kana malee teessoo yookiin barcuma shanaffaa Filippins yookiin Kirgizistaan keessaa eenyuutu qabachuu qabaa dhimma jedhu murteessuf yeroo sadaffaaf sagaleen kennamuun ni yaadatama.