Caamsaa 26 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Filannoon waliigalaa 7ffaan naga qabeessa, bilisaa fi demokraatawaa tahuu isaa jiraattoonni naannoo Hararii ibsan.
Jiraattoonni Naannoo Hararii mootummaa waggoota shanan fulduraatiif isaan hogganu filchuuf Isniina gaafa Caamsaa 24 bara 2018 ganama za’aa 12:00 irraa jalqabanii hanga halkan za’aa 6:00tti naannoolee filannoo 3 fi buufataalee filannoo 296tti sagalee isaanii kennachaati kan oolan.
Magaalaa Harar buufataalee filannoo aanaa Shankooritti namoonni filannoo marsaa 7ffaa irratti sagalee kennachuuf galmaawan bariisaa za’aa 11:00 irraa jalqabaniiti buufataalee filannoo duraan itti galmaawaniitti hiriira kan qabatan.
Obbo Asaffaa Birmajii ammoo isaanii buufata filannoo mana barnoota Yeshimabeetitti hundeefameetti sagalee kennatanii gad bahaa jiran wal agarree dubbifne.
Obbo Asaffaan yaada nuuf kennaniin,Filannichi xaaxaa hedduu kan hin qabnee fi karaa salphaa taheen kan filatanii galan tahuudha nutti himan.
Fedhii kiyyaan abbaa naaf tahu filachuu dandayeetiin jira jedhan obbo Asaffaan.
Obbo Geetiyyee Zallaqaa Magaalaa Harar araddaa 10 keessa jiraatan.
Isaaniis filannoo waliigala 7ffaa ilaalchisuun yaada nuuf kennaniin Filannoon waliigalaa 7ffaan kun hedduu bareedaadha jedhan.
Filannichi yoomiyyuu caalaa naga-qabeessa,baayyee namatti tola jedhaniiti kan dubbatan.
Qaama fulduraaf nuuf ajajama, fedhii keenya nuuf guutuu ni dandaya, sirritti nu tajaajila jedhanii itti amananiif karaa bilisa taheen sagalee isaanii kennatanii akka bahan nutti himan.
Taajjabdoota paartii lee gara garaa bakka bu’uun filannicha taajjabaa jiran keessaahis isaan tokko tokko dubbisuun keenyaas hin oolamne.
Buufata filannoo Yeshimabeetitti paartii Badhaadhinaa bakka bu’anaii filannichaa taajjabaa kan oolan obbo Mahaammad Abraahim Mussaa yaada nuuf kennaniin, akkaataan filannoon amma duraa itti gaggeeffamaa turee fi akkaataan filannoon marsaa 7ffaa kun itti gaggeeffamaa jiru dachii fi samii dha jedhan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan lammiileen dhiibbaa tokkoon maleetti qaama naaf taha jedhanii itti amanan bilisaan filachuu kan itti danda’an akka tahe obbo Mahaammad Abraahim ibsanii jiru.
Aanaa Shankoor Buufata filannoo mana maxxansaa Hararitti hundeffameetti isaanii sagalee kennachuuf dabaree eeggatu agarree kan dubbifne adde Kadijaa Daawudi fi obbo Abdii Abraahim yaada nuuf kennaniin filannoon waliigalaa 7ffaan bilisa,haqa qabeessaa fi demokraatawaadha nuun jedhan.
Maqdas Laggasaa ammoo,komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa irraa filannicha taajjabuuf ramadamtee dhufte.
Aanaa Shankoor Buufata filannoo mana maxxansaa Hararitti hundeffameetti argamtee isii adeemsa filannichaa taajjabaa jirtu agarreeti dubbifne.
Akka Maqdas Laggasaa jettuutti, adeemsi filannichaa hedduu bareedaa dha.
Lammiileen dhiibbaa tokko malee bilisaan bahanii qaama naaf taha jedhanii itti amananiif sagalee isaanii kennaa jiraachuu nutti himte.
Qaama midhamtootaa fi manguddootallee haala gaariidhaan siamtanii keessumsiisaa jiran jetteeti nuuf ibsite.
Caamsaa 24 bara 2018 lammiileen Itoophiyaa Miliyoona 54 caalan mootummaa waggoota shanan fulduraatiif isaan hogganu karaa bilisaa fi demokraatawaa taheen filachaati kan oolan.
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Isniina dabre biyya teenyatti gaggeeffame irratti paartiileen siyaasaa 40 ol tahan dorgoamanii akka jiran boordiin filannoo biyyooleessa Itoophiyaa ibsuun ni yaadatama.



