Caamsaa 27 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Donaald Tiraamp Neetaaniyaahuudhaan maraataa jedhanii waamuu isaanii mirkaneessan.
Preezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haasawa bilbilaan mummicha ministraa Israa’el Beenyaamiin Netaaniyaahuu waliin taasisan irratti Netaaniyaahuu maraataa jedhanii waamuu isaanii mirkaneessanii jiru.
Picture Source:Lasicilia.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp lola Israa’el Hezbollaa sababsattee Libaanos keessatti geggeessaa jirtu ilaalchisuun bilbilaan yammuu Neetaaniyaahuu wajjiin haasawan jecha“maraataa”jedhu kana dubbatan.
Haasoyni Donaald Traampi fi Beenyaamiin Neetaaniyaahuun bilbilaan taasisan kun arrabsoon kan guutame akka tahe gabaafamee jira.
Akka Rooytars gabaaseetti,Donaald Tiraamp “maraataa”jedhanii akka isaan arrabsan Beeniyaamiin Neetaaniyaahuun ni beeku.
Ameerikaan Iraan waliin lolli akka dhaabbatuuf mari’achuuf yaalii gochaa akka turte ni beekkama.