Caamsaa 27 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Somaaliyaa Moqaadishootti loltoota mootummaa fi mormitoota jidduutti waljijjiirraan dhukaasaa taasifame.
Magaalaan guddittiin Somaaliyaa Moqaadishoon muddama keessa akka jirtu gabaasni ‘BBC’ ni mul’isa.
Biyyattii keessatti filannoon gaggeeffamuu dhabee turuun isaa waliitti bu’insa kanaaf sababa akka tahe himamaa jira.
Picture Source:The Somali Digest.
Preezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mohammad barri aangoo isaanii Caamsaa 7 bara 2018 akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti xumuurama.
Barri aangoo isaanii kun waggaa tokkoof dheereeffameefi ture.
Kaleessaa jalqabee ammoo magaalaa Moqaadishoo keessatti sagaleen dhukaasaa dhagayamaati jira.
Preezidaant Hassan Sheek Mohammadi fi morkatoonni isaanii waliin marihachuu jalqabaniis mariin isaanii hin milkoofne.
Preezidaant Hassan Sheek Mohammud sirna filannoo preezidaantummaa diriirsuuf carraaqqii gochaa turan.
Sirni filannoo biyyattii kessatti baratamee ture ammoo, sirna dureewwan gosaa bakka bu’oota isaanii filachuun mootummaa itti hundeessan ture.