IDIL ADDUNYAA: Gurmuun misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa ‘IGAD’walitti bu’insi Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti uumame mariidhaan akka furamuuf waamicha dhiheesse.

Caamsaa 27 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti. 

Gurmuun misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa ‘IGAD’walitti bu’insi Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti uumame mariidhaan akka furamuuf waamicha dhiheesse. 

Tajaajilli oduu Itoophiiyaa akka gabaaseetti,‘IGAD’ walitti bu’insa Moqaadishoo keessatti humnoota mootummaa fi mormitoota jidduutti uumame balaaleeffatee jira.

[Intergovernmental Authority on Development] 

Gareewwan hundi muddamsuu biyyattii keessatti uumame akka tasgabbeessani fi garaagarummaa isaan jidduu jiru marii hirmaachisaa taheen karaa nagaatiin furmaata akka itti barbaadaniif gurmuun misoomaa mootummoota Afrikaa bahaa ‘IGAD’waamicha dhiheessee jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post