Caamsaa 15 bara 2018 Akka Bar-lakkooftuu Itoophiyaatti.
Mummichi ministraa RDFI Doktar Abiy Ahmad warshaa Seeraamikii Graandiyur eebbisan.
Picture Source: EBC.et
Warshaan baasii birrii Biliyoona 2 oliin magaalaa Mojootti ijaarame kun,oomisha Seeraamikii ulaagaawwan idiil-addunyaa guutan oomishee ni dhiheessa jedhamee jira.
Warshaan har’a eebbifamee tajaajila jalqabe kun mi’oota dheedhii isa barbaachisan keessaa dhibbeentaa 80 kan gahu naannoodhuma isaa irraa argata.
Picture Source: EBC.et
Warshaan kun ijaaramee tajaajila jalqabuun isaa adeemsa misooma industrii Itoophiyaa keessatti boqonnaa haarawa ni saaqa jedhamee abdatama.
Tags
ODUU