IDIL ADDUNYAA:Ministrri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Hindiitti daawwannaa gochuuf qophaa’uun isaanii dhaga’ame.

Caamsaa 15 bara 2018 Akka Bar-lakkooftuu Itoophiyaatti.

Ministrri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Hindiitti daawwannaa gochuuf qophaa’uun isaanii dhaga’ame.

Ruubiyoon Hindii,Niw Deelhiitti daawwannaa dippilomaasii guyyoota afurii gochuuf qophii irra akka jira midiyaaleen idil addunyaa gabaasanii jiru.

Gabaasni BBCn baase akka mul’isuutti Maarkoo Ruubiyoon daawwannaa Niw Deelhitti taasisuuf deeman kanaan,mummicha ministraa Hindii Naareendraa Moodii fi qondaaltoota biyyattii waliin ni marihatan jedhamee eeggama.

Keessattuu dhimma dhiheessa boba’aa ilaalchisee Ruubiyoon Naareendraa Moodii waliin ni marihatan jedhamee eeggama.

 Sen. Marco Rubio Confirmed as Secretary of State

                        Picture Source:ExcutiveGov.

Ruubiyoon Niw Deelhiitti erga daawwannaa taasisan booda itti aansanii kutaalee biyya Hindii Kolkaataa,Jaanpurii fi Agraatti daawwannaa hujii ni taasisan jedhamee jira.

Ameerikaa fi Israa’el waliin tahanii waraanni Iraan irratti banan xurreen Hormuuz akka cufamu gochuun isaa ni beekkama.

Xurreen galaana Hormuuz cufamuun isaa ammoo dhiheessi boba’aa addunyaa rakkoo keessa akka galu godheeti jira.

Ameerikaa fi Iraan gama qaama sadaffaatiin mariidhaan waliigaltee irra gahuuf yaalaniis hanga ammaatti karaa guutuu taheen hin milkoofne.

Post a Comment

Previous Post Next Post