Shirri kamiyyuu Itoophiyaa badhaadhina irraa of duuba hin deebisu.
Bar kurneewwan dura gaafa Ertiraan Itoophiyaan wajji bulaa turte buufata doonii Asabi fi Mitsiwwaa Itoophiyaatuu abbummaadhaan qabaachaa ture.
Saniin duraas yoo tahe,baroota hedduuf buufataaleen doonii Asabi fi Mitsiwwaan qabeenya Itoophiyaa akka turan ragaaleen mirkaneessan hedduudhaatu lafa jira.
Haa tahu malee,shira siyaasaa waggoota 30 dura Shaabiyaa fi Wayyaaneen dalaganiin,Ertiraan buufataalee doonii Asabi fi Mitsiwwaadhaas fudhattee Itoophiyaa irraa akka muramtu taasifame.
Sababa kanaan Itoophiyaan waggoota kumaatamaaf galaana Diimaan wajji waliitti hidhaminsa cimaa qabaachaa turte,akkuma taphaatti hulaan galaanaa isiitti cufamee hafte.
Gaafa Ertiraan Itoophiyaa irraa cittu san, dogoggorri dalagame inni guddaan,fedhii ummata Ertiraa malee fedhiin ummata Itoophiyaa maal akka tahe qaamni qorate tokkoolleen hin jiru.
Qabeenyi Itoophiyaa fi Ertiraan waliin qabaachaa turan kan karaa haqa qabeessa taheen addaan isaaniif qoodamees hin jiru.
Inumaatuu gaafa Ertiraan kophaa muramtee baatu san, qabeenya Itoophiyaa hedduu haqa malee saamtee akka deemtuuf haalli isiif mijjeeffamee ture.

Picture Source:Aljazeera.
Biyti teenya Itoophiyaani fi Galaanni Diimaan hariiroo bara kumaatamaa qabaachaa akka turan seenaa irraa hubachuun ni danda’ama.
Seenaa keessatti Itoophiyaa fi galaanni diimaan gargar bahanii hin beekan.
Haa tahu malee,shira dur irraa jalqabee biyti Misraa biyya teenya irratti hojjachaa turteen Itoophiyaan abbummaa galaana diimaa irratti qabaachaa turte dhabuu mudatte.
Shira Misraatiin bara 1986 tti Ertraan Itoophiyaa irraa akka muramtu taasifamte.
Ertiraan Itoophiyaa irraa akka muramtu gochuu keessatti ammoo gahee guddaa qabaachaa kan turte Misra yookiin Ijipti.
Yeroo saniitti,sababni Ertiraan Itoophiyaa irraa muramtee kophaa akka baatu taasifameef bilisummaa Ertiraatiif yaadameeti miti.
Itoophiyaan hulaa galaanaa akka dhabdu gochuufi.
Akkanumattiis,Itoophiyaan hiyyummaa jalaa akka hin baane gochuufi.
Shira kana qindeessuu fi raawwachuu irratti gahee adda durummaa tan qabdu ammoo Misra yookiin Ijipti.
Misra dur irraa jalqabdee Itoophiyaa irratti dabaa fi shira gara garaa hojjachaatuma as geesse.
Kaayyoon Misraa inni guddaan Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabduutti akka hin fayyadamne gochuudha.
Dabalataan, Itoophiyaan amataa gadaa miskinummaa fi dukkana keessatti hidhamtee akka jiraattu gochuu dha.
Seenaa keessatti gochaawwan badii Itoophiyaa irratti aaggataman hunda isaanii duuba Misraatu jira.

Picture Source:Globalpost.com
Toora bara 1940 mootaa, Ertiraan Itoophiyaa jalatti haa bultu jedhee kan dirqisiise Mootii Hayla sillaaseedha jedhameeti, odeeffamaa kan bahe.
Garuu,Ertiraan qaama Itoophiyaa taatee akka bultu kan murteesse Mootii Hayila Sillaasee osoo hin taane ‘League of Nation’ ii ture.
Yeroo saniitti,sababni Ertiraan Itoophiyaa jalatti akka bultu godhameef, Ertiraan kophaa isii biyya of dandeesse taate jiraachuu hin dandeessu jedhamee waan amanameefi.
Liig of Neeshiniin murtii kana dabarsuu isaatiin durattiis, Ertiraan maquma itti fuute malee, biyya of dandeessee dhaabbatte akka hin turiin ragaaleen seenaa hedduun ni ibsan.
Akka ragaaleen gara garaa jedhaniitti bara 1940 dura naannoon amma Ertiraa jedhamee waamamu kun, ‘Bahaara Nagaash’ jedhamee maqaa nama dhuunfaatiin waamama ture.
Bahaara Nagaasha jechuun,nama lafa qal’insatti qarqara galaana diimaatti argamu abbummaadhaan qabaachaa ture akka tahe ni himama.
Duuba Ertiraa jedhee kan maqaa itti moggaase lafa Bahaara Nagaash bulchaa ture san kan koloneyfatee ture, Xaaliyaani.
Haa tahu malee,duruma irraahuu Itoophiyaa cabsuuf halakanii guyyaa dhidhiitachaa kan turte Misra,Shaabiyaan Kaayroo keessatti akka dhalatu goote.
Shaabiyaaniis erga dhalate booda, inniniis ulfaawee garee Wayyaanee dhale.
Garee lameen kanaatuu harka wal keessa naqatee,ummata Itoophiyaa hulaa galaanaa dhabsiisee,hadiyyootti hambise.

Picture Source:Dihai news
Misra Itoophiyaaf ilaalcha gaarii hin qabdu.
Waan kana ta'eef,cuuciin gareelee shoorarkeessitootaa isii biratti killee keessaa yaafaman,goblaa Misraa jalatti guddatanii hoggaa jabaataa,ajaja Misraatiin nageenya Itoophiyaa akka booreessaniif gama Itoophiyaa bobbaafaman.
Kanaaf fakkeenya eeruun yoo barbaachise,garee akka Alshabaab faa eeruun ni danda’ama.
Gareelee akka Alshabaab kana ijaartee,leenjiftee,hidhachiiftee Itoophiyaa irratti tan bobbaastu Misra tahuu isiitiif ragaan qabatamaan hedduutu lafa jira.
Walumaa galattuu, Misra qaamoolee nageenyaa fi badhaadhina Itoophiyaa hin feene kamuu wajjiin qindoomina uumtee Itoophiyaa gufachiisuuf akka hojjattu ummanni Itoophiyaa beekuu qaba.
Hariiroon tibbana Misraa fi Ertiraa jidduutti eegalamees kanaaf agarsiiftuu isa guddaa dha.
Picture Source:Somalia Guardian.
Misra, Itoophiyaa shoorarkeessuuf,Itoophiyaa kuffisuuf dhagaan isiin hin fonqolchine hin jiru.
Akka saree maraatteeti olii gad fiigaa waan isii hin ilaallanne hunda keessa lixuu heddummeessiteeti jirti.
Fakkeenyaaf: Misra, waggaa tokko dura loltoota isii kuma 10 gayan meeshaa waraanaa gurguddaa wajjiin Somaaliyaa keessa bobbaasuuf yaalii gootee akka turte ni yaadatama.
Sababni kana gooteef ammoo, nageenya Somaaliyaatiif Itoophiyaa caalaa dhimmamte osoo hin taane,Itoophiyaa shoorarkeessuuf jetteeti.
Dhiheenya kana ammaas,biyyoota qarqara galaana diimaa irratti argaman hanga tokko, tumsa yaammattee of maddii hiriirsuun Itoophiyaa mooggatti dhiibuuf yaaliin taasifte nama kofalchiisa ture.
Kana biraas dabartee, galaana diimaa gubbatti biyyoota Arabaa tokko tokko of cinaa buuftee shaakala waraanaa hanga gootu takka geessee jirti.
Misra kana hunda godhuun isii Itoophiyaa shoorarkeessitee girgireessuufi.
Garuu,yaaliin isii hundi akkuma isii jalaa fashalaaweetti jira.
Hundaa ol kan ‘ajaa’iba!’ Nama jechisiisu ammoo, buufata doonii Taajuraa kan Jibuutiin qabdu “anaatuu abbaa itti tahee misoomsa” jettee olola hafarsuu isiiti.
Silaa fedhiin isii,laagaa Itoophiyaa ciiq! gootee qabuun itti guraaruuf ture. Tahuufi dide malee.
Misra kana qofattiis hin dhaabbanne.
“Buufata doonii Asabiis anaatu misoomsa” jettee akka saree maraatteetti olii gad fiigaati baate.
Misra kana hunda yaaduun isii hangam Itoophiyaaf diina akka taate agarsiisa.
Keessattuu,hidhni gudichi Haarayoomsa Itoophiyaa kan Itoophiyaanoonni xiqqaa guddaan irratti tumsanii milkeessan Misraaf dhukkubbii mataa hamaa taheeti jira.
Itoophiyaan hidha guddicha kana akka bakkan hin geenye gochuuf dhagaan Misa hin fonqolchiin hin jiru ture.
Himannaan Misra Itoophiyaa irratti hin dhiheessiniis hin jiru ture.
Misra ijaarsa proojaktii hidha guddicha Haarayoomsa Itoophiyaa gufachiisuuf sanada waliigaltee bara kolonii hunda gurrattee, akka saree maraateetti hulaa mootummoota addunyaa irra deemaa akka turte ni beekkama.
“Yoo Itoophiyaaf Dolaara takka liqii kennitan du’eetumaan bada!!…” jettee sharxachuun, Itoophiyaan liqii fi deeggarsa maallaqaa tokkoollee akka hin arganneef hulaa hunda itti cufsiisaa turte.
Itoophiyaanoonni ammoo, waloomaan dhaabbatanii projaktii akkaan guddaa kana galmaan gahuu danda’aniiti jiru.

Picture Source:Serrari group.
Biyti teenya Itoophiyaan biyyoota naannawa gaanfa Afrikaatti argaman keessaa takka hoggaa taatu,biyyoota Afrikaa diinagdee gurguddaa ijaarrachaa jiran keessatti ramadamti.
Yeroo ammaa kanatti ammaas, biyyattiin hujiiwwan misoomaa gurguddaa, gara badhaadhinaatti ceehuuf isii dandeessisan hojjachaa akka jirtu namayyuufu ifa.
Ceehumsi biyyattiin gara badhaadhinaatti gochaa jirtu kun ammoo,murannoo fi bilchiina hoggansi jijjiiramaa ammaan tana biyattii hogganaa jiru qabuun akkanumattiis, hirmaannaa fi tumsa ummata bal’aatiin dhugoomaa jira.
Bu’aawwan misoomaa, waggoota saddeettan dabran keessatti hoggansa mootummaa Ida’amuutiin galmaawan,akka waliigalaatti hoggaa ilaalaman,biyti teenya bara 2025 tti Afrikaa guutuuf fakkeenya Badhaaadhinaa tahuuf manaama qabattee jirtu milkeessuu akka dandeessu kan namatti mul’isuu dha.
Haa tahu malee, waggoota 30 oliif Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isiitiin bahii gurguddaaf saaxilamteeti as geesse.
Garuu, Itoophiyaan haalli taa’umsa isii hoggaa ilaalamu, biyya galaanaan marfamtee dha.
Sarara daldala addunyaa isa guddaa kan tahe galaanni diimaanii fi garbi Hindii guddaan, Itoophiyaa marsanii jiraataniillee, waggoota 30 oliif biyti teenya tun, hulaa galaanaa dhabdee rakkachaati kan as geesse.
Silaa fageenyi Itoophiyaan galaana diimaa irraa qabdu kiloo meetira 60 hin caalu ture.
Haa tahu malee, biytii guddoon tun bishaan bahaaraa jala teysee,hulaa galaanaa dhabaaf bahii akkaan guddaa baasuuf dirqamtee jirti.
Bahiin kun osoo misooma biyya keenyaatiif oolee faayidaa guddaa qaba ture.
Akka ragaaleen gara garaa mul’isaniitti yoo tahe, Itoophiyaan ummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol qabdi.
Itoophiiyaan yeroo ammaa kana biyya guddina diinagdee olaanaa galmeessisaa jirtu tahuu isii hawaasni addunyaa ragaa bahaa jira.
Hulaan galaanaa ammoo,badhaadhina Itoophiyaa karaa fulla’aa taheen mirkaneessuuf murteessaadha.
Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa baafachuuf dhiheessaa jirtu, fayyadamummaa waloo biyyoota ollaatiis kan mirkaneessudha.