Mariin biyyooleessaa bu’uura badhaadhina keenyaati.
Biytii teenya Itoophiyaan haadha qarooma durii akka taate seenaa irraa hubachuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee,rakkoolee jiran karaa qaroomeen mariidhaan furmaata itti gochuu mannaa,humnaa fi afaan qawweetiin hiikuuf yaaliwwan taasifamaa turan hedduu dha.
Yaaliwwan humnaan taasifamaa turan sun ammoo, biyti teenya boodatti hafummaa fi miskinummaa jalatti akka kuftu taasisan.

Inni tokko isa tokko humnaan kuffisuuf yaaliin taasifamaa ture,ummatoota biyya keenyaa jidduutti wal shakkiin akka uumamu gochuun ijaaramni mootummaa akka fudhatama hin arganne gochaa ture.
Biyya teenyatti aadaan akkanaa kun akka jijjiiramu gochuuf mootummaan jijjiiramaa kabajamoo mummicha ministiraa keenya Doktar Abiy Ahmadiin hogganamu kallattii furmaataa kaayeeti jira.
Haaluma kanaan,seenaa biyya teenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishiniin marii biyyooleessaa akka hundaa’u taasifamee jira.
Komishiniin marii biyyooleessaa labsiidhaan hundeeffame kun,siyaasaa kamirraahuu bilisa.
Hoggantoonni komishinicha hoggananiis karaa bilisa taheen eeruu fi eyyama ummataatiin filataman.
Komishinichi waggoota sadeen dabraniif dirqama biyyooleessaa labsiidhaan isatti kenname milkeessuuf sochii bal’aa godhee jira.
Rakkooleen ijoon biyya teenyaa maal maalii? rakkooleen kunihoo akkamitti haa hikkaman? Yaada jedhu irratti lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran wajji marihatee, ajandaalee marii biyyooleessaatiif tahan fooyachaati kan bahe.
Komishiniin kun ajandaalee mariif fooyaman irratti ummanni Itoophiyaa sadarkumaan akka irratti marihatuuf haala ni mijjeessa.
Waltajjiiwwan marii biyyooleessaa kana irrattiis ummanni biyyaa ajandaalee mariif dhihaatan irratti karaa bilisa taheen ni marihata.
Dhimmoonni marii biyyooleessaatiin hawaasni biyyaa irratti marihatee irratti waliigale, kan waloo tahanii,fudhatama argatanii akka itti fufan taasifama.
Dhimmoota hawaasni irratti walii galuu dhabe ammoo,waloodhaan furmaanni waloo kan itti kennamu taha.
Mariin biyyooleessaa biyya teenyatti taasifamu bakka yaadawwan gara garaa waltajjii tokko irratti dhihaatanii mariidhaan itti gabbatan, yaadawwan gamaa fi gamana dhaabbatan waliitti siqanii kan itti wal hubatanii dha.
Mariin biyyoolessaa yaadonni waloo hawaasa biyyaa waliif galchan kan irraa argamaniidha.
Waltajjiin Marii biyyooleessaa dirree qaamooleen na galcha jedhan hundi yaada isaanii bilisaan dhiheeffatanii irratti marihataniidha.
Waltajjiin marii biyyooleessaa wal hubannaa fi waliigalteen kan itti uumamuu dha.
Mariin biyyooleessaa hawaasni biyyaa dhimmoota bu’uuraa irratti waliin haasawee, marihatee, waliigaltee irra gahuuf yaadaan kan itti wal falmuu dha.
Mariin biyyooleessaa adeemsa waliigaltee biyyooleessaa irra gahuuf dandeessisuudha.

Caphiinsa siyaasaa biyya teenya mudateef sababni inni guddaan,kanaan dura waltajjiin marii biyyooleessaa qaamooleen na ilaallata jedhan hundi yaada isaanii gamaa gamana irraa waliitti fidanii irratti marihatan jiraachuu dhabuu dha.
Seenaa biyya teenyaa keessatti,ummanni bal’aan dhimmoota ijoo ijaarama sirna mootummaa ilaallatan irratti waliin gad taa’ee, marihatee,waliigaltee irra gahuuf carraa hin arganne ture.
Kana irraan kan ka’e,hawaasa biyya keenyaa biratti dhimmoonni irratti waliif hin galamiin hedduutu jira.
Kun ammoo,biyyattii keessatti wal diddaan gara garaa,walitti bu’insi,finxaaleessummaan kkf’n akka uumamuuf sababii taheeti jira.
Sababni marii biyyooleessaa gaggeessuun barbaachiseef inni guddaaniis rakkoolee eeraman kana karaa waaraa taheen furuufi.
Waan kana taheef,mariin biyyooleessaa caphiinsa baroota dheeraaf ture kan suphuu dha.
Adeemsa marii biyyooleessaa kanaan,hawaasni biyya keenyaa,aadaa mariidhaan rakkoolee jiran furuu ni gabbifata.
Aadaan demokraasii dagaagaa deema.
Qabsoon afaan qawweetiin taasifamu hafee qabsoon yaadaa lellisaa deema.
Yaada qaban gabaa yaadaatti dhiheessanii gurgurachuun baratamaa deema.
Mariin biyyooleessaa,demokraasiin waliigaltee irratti hundaa’e akka dhugoomuuf bu’uura tahee tajaajila.
Fedhii siyaasaa ofii nama irratti fe’uuf jedhamee wal ajjeessuun ni hafa. Hawaasa olaantummaa yaadaatti amanu ijaaruuf karaa bana.
Kun ammoo biyya teenyatti nageenya amansiisaa fi fullaa’aa tahe mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaata.
Nageenyi biyya keenyaa amansiisaa yoo tahe ammoo,badhaadhina baroota dheeraaf hawwaa turre dhugoomsuu ni dandeenya jechuu dha.
Kanaafuu,milkaa’ina marii biyyooleessaatiif hundi keenya haa tumsinu jenna.
Qopheessaan - Abdusalaam Mahaammadi.