Waxabajjii 10 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Manni marii bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii wixinee foyya’insa baajataa irratti marihachuun raggaasise.
Manni marichaa raawwii bara baajataa 2018 bu’uura godhachuun wixinee kana raggaasise.
Wixineen foyya’insa baajataa biiroo maallaqa naannichaatiin dhihaate qarshii Miliyoona 300 fi Miliyoona 1 fi kuma 600 fi kuma 93 fi 178 hoggaa tahu manni marii naannichaa raggaasiseeti jira.
Foyya’insi baajataa raggaasifame kun pirojaktoota faayidaa diinagdee fi hawaasummaa olaanaa tahe qaban irratti hanqina baajataa guutuuf akka oolu ibsamee jira.
Odeeffannoon kan biiroo dhimmoota komunikeeshinii naannichaati.
Tags
ODUU