Waxabajjii 17 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Filannoon waliigalaa 7ffaa Itoophiyatti gaggeeffame sadarkaa idil addunyaatti dinqisiifannaa argachaa jira.
Amiirri Kuwaataar Olaanaan Sheek Tamiim Bin Hamad Al-Tahaanii, paartiin Badhaadhinaa mummicha ministraa Doktar Abiy Ahmadiin hogganamu filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu isaa sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii dabrsan.
Sheek Tamiim Bin-Hamad ergaa mummicha ministraa Doktar Abiy Ahmadiif dabarsan kanaan, yeroon itti aanu Doktar Abiyyii fi paartii Badhaadhinaatiif kan milkaa’inaa akka tahu hawwaniiti jiran.
Sheek Tamiim hariiroon Itoophiyaa fi Kuwaataar kan duraanii caalaa cimee akka itti fufu kan barbaadan tahuu ibsaniiti jiran.

Itiyoophiyaa fi Kuwaataar hariiroo dippilomaasii fi tumsa bara dheeraa dameewwan misoomaa adda addaatiin qabaachaa akka turan ni beekkama
Hariiroon biyyoota lameen jidduu jiru daran akka cimu gochuuf kan hojjatan tahuu Amirri Kuwaataar Sheek Tamiim Bin-Hamad irra deebiin mirkaneessaniiti jiran.
Pireezidaantiin Burundii Évariste Ndayishimiye fi Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa paartiin Badhaadhinaa muummicha ministraa Doktar Abiy Ahimadiin hogganamu filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifachuu isaatin baga gammaddan jedhan.
Ndayishimiyeen ergaa baga gammaddanii fuula Twiitara isaanii irratti qooddaniin, bu’aan filannoo kun amantaa ummanni Itiyoophiyaa hoggansa Mummicha Ministraa Doktar Abiy Ahmad irraa qabu kan agarsiise tahuu eeran.
Filannichi bifa kanaan gaggeeffamee xumuurauun isaa,biyyattii gara nagaa waaraa, tasgabbii, fi guddina dinagdee itti fufiinsa qabuutti qajeelchuuf akka dandeessisu amantaa qabanillee ibsanii jiran.

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Ndayishimiyeen akka jedhaniitti,Itoophiyaan seena qabeettii taate tun,gamtaa Afrikaa tan keessumsiiftu tahuun isii, Afrikaanoonni kaayyoo fi mul’ata waloo akka qabaatan gochuuf gumaachi inni qabu olaanaa dha.
Itoophiyaan tokkummaa cimaa qabduu fi badhaate jiraachuun galma gahiinsa galmoota misooma Afrikaatiif murteessaa akka tahees dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Ndayishimiyeen ibsaniiti jiran.
Gamtaan Afrikaa Itoophiyaan nagaa amansiisaa qabdu,tan badhaate fi tokkummaa cimaa qabdu akka dhugoomtuuf Itoophiyaa waliin hojjechuu kan itti fufu tahuu ibsanii jiru.
Raashiyaan Filannoon Waliigalaa 7ffaan tibbana Itoophiyatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuuramuu isaa dinqisiifatte.
Ergaan ministeerri dhimma alaa Raashiyaa filannoo waliigala 7ffaa Itoophiyatti gaggeeffame ilaalchisee dabrse akka jedhuutti,bu’aan filannichaa mootummaan Doktar Abiy Ahmadiin hogganmu deeggarsa ummata bal’aa qabaachuu isaati agarsiisa.
Mootummaan Doktar Abiy Ahmadiin hogganamu rifformii jidduu gala godhatee kan deemu tahuu isaatiin biyyatti keessatti roga maraan jijjiiramoota gurguddaa galmeessisaa akka jiru ministeerichi ibsee,kanaafis mootummaa Itoophiyaa galatoomfateeti jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa Doktar Abiy Ahmadiin hogganmu,dhaabbilee mootummaa cimsuun,nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguun, hawwii misoomaa biyyattii dhugoomsuun, biyyattii gama badhaadhinaatti ceesisuuf tattaaffii taasisaa jiruus mootummaan Raashiyaa dinqisiifateeti jira.
Raashiyaan bu’aa filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti yaada kenniteen, filannoon kun milkaa’inaan xumuramuun isaa, hoggansi amma jiru mootummaa cimsuuf, tasgabbii keessoo kabachiisuuf, kaayyoo misooma biyyaalessaa dhugoomsuuf tattaaffii taasisaa jiru irratti amantaa ummanni Itiyoophiyaa qabu kan agarsiise ta’uu ibseeti jira.
Filannoon Waliigalaa 7ffaaItoophiyatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuuramuu isaatiin Mootummaa fi Uummanni Itiyoophiyaa baga gammaddan jechuun Gurmuun Misooma Mootummoota Afrikaa bahaa IGAD ergaa dabarseeti jira.
Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaa kan irratti mul’ate,Itophiyaan dimokiraasii fi sirna heera mootummaa dhugoomsuuf hammam kutannoo cimaa akka qabdu kan agarsiise ta’uu ibseeti jira.
Filannichaan Muummichi Ministraa Doktar Abiy Ahimadi fi Paartiin Badhaadhinaa isaaniin durfamu,sagalee caalmaa argachuu isaaniitiin baga gammaddan jedhee jira.
Filannoon kun Itiyoophiyaan dhaabbilee dimokiraasii cimsuu fi bulchiinsa heera mootummaa kabachiisuuf tattaaffii itti fufiinsaan taasisaa jirtu kan hubachiisu ta’uu IGAD ibseeti jira.
Kanaan wal maddittiis,IGAD mootummaa Itiyoophiyaa waliin itti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseeti jira.
Muummichi ministraa Hindii Naareendiraa Moodiin muummichi ministraa Itiyoophiyaa Doktar Abiy Ahimad Alii fi paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo galmeessaniin baga gammaddan jedhanii jiru.
Naarendiraa Moodiin,Hindiin tumsa yeroo dheeraa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdu irra deebi’anii mirkaneessaniiti jiru.
Muummichi ministraa Hindii Moodiin ergaa fuula Twiitara isaanii irratti qoodaniin, bu’aan filannichaan argame “injifannoo murteessaa”dha, jechuun ibsan.

“Hindiin hariiroo seena qabeessaa fi hidda gad fageeffate,kan kallattii hedduun Itoophiyaa waliin qabdu baay’ee kunuunsiti,” kan jedhan Moodiin, daawwannaa kanaan dura biyyattiitti taasisan yaadachiisuun,tumsi biyyoota lamaanii daran jabaatee akka itti fufu amantaa qaban ibsanii jiru.
Ambaasaaddaroonni biyyoota gara garaa Finfinneetti argaman,filannoo waliigalaa 7ffaa tibbana Itoophiyatti gaggeeffameen paartiin Badhaadhinaa mummicha ministraa Doktar Abiyyiin hogganamu sagalee guddaan injifachuu isaa sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii dabarsan.
Ambaasaaddaroonni biyyoota Naayjeriyaa,Gaanaa,Sirilaankaa fi Poorchugaal filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartiin Badhaadhinaa injifachuu isaa sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiti jiru.
![]()
Ambaasaadaroonni biyyoota kanneenii ergaa dabrsaniin,Itiyoophiyaanonni filannoo waliigalaa 7ffaa karaa bilisa, haqa qabeessaa fi amansiisaa ta’een gaggeessuu keessaniif baga gammaddan jedhanii jiru.
Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaa tibbana Itoophiyatti gaggeeffame, hojmaata dimokiraatawaa cimaa tahee fi hirmaannaa ummataa bal’aa kan calaqqisiise ta’uu ibsanii jiru.
![]()
Ummanni Itoophiyaa adeemsa filannoo amansiisaa ta’e raawwachuu isaaniitiin kan galateeffatan ta’u Ambaasaadaroonni biyyoota eeraman kunnen ibsanii jiru.
Ityoophiyaan hirmaannaa filattotaa jajjabeessuuf teeknooloojiitti fayyadamuu isii ibsuun, hirmaannaan filattotaa olaanaa ta’uu isaa dinqisiifatanii jiran.
![]()
Afrikaa keessatti filannoon akkanaa kanaan dura argamee hin beeku jechuun adeemsa filannichaa dinqisiifatan.
ummatoonni Afrikaa kanneen birootis muuxannoo dimokiraasii Itiyoophiyaa irraa qooddachuu qaban jedhan.
![]()
Bu’aa filannichaan argamettiis Ityoophiyaanoonni baga gammaddan jedhanii jiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan bifa kanaan gaggeeffamee xumuuramuun isaa,Itoophiyatti guddina itti fufiinsa qabu galmeessuuf sochiin jalqabame daran bu’a qabeessa akka tahuuf gargaara jedhan.