IDIL ADDUNYAA: Ameerikaa fi Iraan ammaas dhukaasa wal jijjiiranii jiru.

Waxabajjii 20 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Ameerikaa fi Iraan ammaas dhukaasa wal jijjiiranii jiru.

Biyyoonni lameen akka bar-lakkooytuu Awurooppaa June 15 bara 2026tti waliigaltee nageenyaa marsaa jalqabaa waliif mallatteesaniiti turan.

Amma garuu Donaald Tiraampi fi Mas’uud Pezeshkiyaan “siitu waliigaltee cabse”waliin jechaa jiru.

Waliigalteen marsaa jalqabaa mallatteeffamee guyyaa itti aanu xurreen galaana Hormuuz guutuu guutuutti banamee ture.

Haa tahu malee,Israa’el Libaanoon irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu isii sababeeffachuun Iraan guyyaa itti aanu xurree galaana Hormuuz irra deebitee cufuu beeksifte.

Strait of Hormuz: US, Iran exchange missile fire as tension rises - Daily  Post Nigeria  

Akka Aljaziiran gabaaseetti yoo tahe,wal jijjiirraan dhukaasaa ammaan tana biyyoonni lameen taasisan kun,ka’umsi isaa, xurree galaana Hormuuz to’achuuf wal’aansoo biyyoota lameen jidduutti taasifamaa jirudha.

Ajajni humna waraana Ameerikaa kan jiddu galeessaa akka beeksiseetti,Jimmata kaleessaa humni waraana Ameerikaa wiirtuuwwan raadaaraa fi kuusaawwan Diroonii Iraan kanneen qarqara galaanaa Iraan kibbaatti argaman irratti haleellaa raawwateeti jira.

Sababiin humni waraana Ameerikaa haleellaa kana raawwateef ammoo, haleellaa humni waraana Iraan Kamisa dheengaddaa doonii daldalaa xurree Hormuuz gubbaa imalaa turte irratti raawwateef deebii kennuuf jedheeti.

Kamisa dheengaddaa, dooniin daldalaa alaaba Singaappoor fannifattee xurree galaana Hurmuuz gubbaa  dabraa turte,misaa’ilaan haleelamtee  jirti.

Iraan ammoo haleellaa doonii tana irratti raawwatame ilaalchisee,wonti ifatti beeksifte hin jiru.

Preezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp gama isaaniitiin haleellaa doonii Singaappoor irratti raawwatame kanaan “haleellaa gowwaa kan waliigaltee nageenyaa cabsu” jedhaniiti qeeqan.

Yeroo dooniin Singaappoor haleelamteetti,humni waraana Ameerikaa ammoo Drooniwwan sadii kan isatti wacaafaman akka of irraa fashaleesse Donaald Traamp beeksisanii jiru.

Haleellaawwan kuniis haleellaawwan karaa qindaa’aa taheen raawwataman tahuu Donaald Tiraamp ibsanii jiru.

Akka humni waraana Ameerikaa jedheetti yoo tahe,Iraan mirga bilisaan galaana gubbatti socho’uu sarbaa jirti.

Iraan akeekkachiisa tokkoollee osoo hin kennine haleellaan Dooniiwwan socho’an irratti raawwatu sochii daldala idil addunyaa gufachiisaa akka jiru humni waraana Ameerikaa ibsee jira.

 Iran seizes ships in Strait of Hormuz after US calls off renewed attacks |  Reuters

Itti dabaluudhaaniis,humni waraana Ameerikaa Dooniiwwan daldalaa xurree galaana Hormuuz gubbaa nagayaan akka dabran gochuuf deeggarsa barbaachisaa kennuu akka itti fufu beeksisee jira.

Iraan ammoo gama isiitiin,kutaa biyyattii Hormozhaan jedhamtu keessatti kallattii gara kibbaatiin haleellaan akka isii irratti raawwatame beeksiftee jirti.

Tajaajilli Oduu Iraan kan Mehir jedhamu akka gabaaseetti,buufata doonii baha Hormoozhaanitti argamu irratti haleellaan raawwatamuus,midhaan dhaqqabe ammoo hin jiru.

Humni eegduu warraaqsa Iraan gama isaatiin ibsa baaseen,haleellaa humni waraana Ameerikaa Iraan irratti raawwate kanaaf deebii kenneeti jira.

Garuu,haleellaa deebiif jedhee kenne kana ilaalchisuun ibsi bal’inaan kenname hin jiru.

Tajaajilli oduu Iraan IRNA jedhamu akka gabaaseetti,humni eegduu warraaqsa Iraan,Ameerikaan haleellaa Iraan irratti irra dedditee raawwachaa jirtu kana yoo dhiisuu baatte,deebii cimaa kennuuf akka dirqamu akeekkachiiseeti jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post