Haasawa mummichi ministraa RDFI Doktar Abiy Ahmad walgahii BRICS 18ffaa irratti taasisan:
“Muummicha ministiraa Naareendiraa Moodii,
Kabajamtoota hoggantoota biyyootaa fi mootummaa.
Jalqaba irratti, hoggansa Muummichi ministraa Naareendiraa Moodii fi mootummaan isaanii kennaniif akkanumattiis hazasawa jila keenyaan wajji kallattiidhaan taasisaniif guddisee isaan galatoomfachuun barbaada.
Dhimmoonni“Dandeettii dandamachuu, kalaqa, tumsaa fi itti fufiinsa” jedhan,dhimmoota wal simanii dha.
Yeroo ammaa kana dhimmoonni kun barbaachisoodha.
Rakkoon tokko yammuu dhufu kophaa isaa hin dhufu.
Rakkoon naannoo tokkotti uumamu dafee naannoolee biraa irratti dhiibbaa uumuu danda’a.
Kanaafuu,rakkoon mudachuu isaatiin duratti dursinee humna rakkoo sana dandamachuuf nu gargaaru ijaarrachuu qabna.
Humni dandamachuu kuniis qaama nuti bulchinu tahuutu irra jiraata.
Itoophiyaadhaaf kana jechuun ammoo,sirnoota muddama keessa taatee hojjachuuf isii dandeessisan cimsuu akka jechuuti.
Itoophiyaan yeroo ammaa kana,hirkattummaa Qamadii alaa bittee galfattuu irraa gargar baatee midhaan nyaataatiin gama of danda’uutti ceeteeti jirti.
Waan kana taheef,biyyoota miseensa gurmuu BRICS jidduutti, akka qaama oomishuuttii fi akka qaama dhiheesuutti wal jijjiirraan oomisha midhaanii akka jiraatu jedhamee yaada gorsaaf dhihaate ni deeggarra.
Gama fayyaatiinis yoo ta’e, weerarrri ‘covid-19’ barumsa wal fakkaatu nuuf kenneeti jira.
Qophaa’ummaan oomisha barbaada.
Itoophiyaan oomishaalee faarmaatikaalii isii babal’isuu irratti argamti.
Qajeeltoon wal fakkaataa ta’e teknolijiifis ni hojjata.
Bu’uuraalee misooma dijitaalaa ijaaraati jirra.
Waraqaa eenyummaa dijitaalaa fayyaadamuu fi daataa wal jijjiiruu dandeenyeeti jirra.
Sirna kafaltii dijitaalaatiis babal’isaati argamna.
Sirna itti fayyadama daataa keenyaa nageenya isaa tikfachuu akka dandeenyuutti seera baasnee hujii irra akka oolu gooneeti jirra.
Hujiin gama hubannoo nam-tolcheetiin hojjachaa jirru ammoo ceehumsi kun daran bu’a qabeessa akka ta’u taasisa.
Haa tahu malee, hubannoon nam-tolchee dhaloota itti aanu dhala namaa sadarkaa olaanaatti kan tajaajilu tahuu qaba.
Kan jechuun,hubanoon nam-tolchee keenya afaanoota hedduu kan fayyadamu,kutaalee hawaasaa baayyeef dhaqqabamaa kan tahee fi beekkumsa ilmi namaa barbaadu bal’inaan kan gumaachu tahuutu irra jiraata.
Afrikaan dhaloonni hubannoo nam-tolchee inni itti aanu akka ijaaramuuf tumsa gochuu qabdi.
Kuniis,qorannoo saayinsaawaa gaggeessuu, beekkumsa kompitaraa, dandeettii fi dhaabbiilee hujii kana hogganuu danda’an barbaada.
Yunivarsitiin Ida’amuu hubannoo nam-tolchee Itoophiyaa hawwii kana dhugoomsuuf yaadamee ijaaramaa kan jiruu dha.
Ijaarsa hubannoo nam-tolchee Afrikaa haala foyyaa’aa taheen hubachuu fi tajaajiluu danda’u ijaaruuf dhaabbiilee gara garaa fi gurmuu akka BRICS kanafaa wajjiin hojjachuu barbaanna.
Sirni bulchiinsa hubannoo nam-tolchee naamusaa fi namooma jiddu gala godhate akka jiraatu barbaanna.
Haa ta’u malee,bulchiinsi gaariin gama kanaan barbaadamu, dandeettiin wajji kan wal simu tahuu qaba.
Kabajamtoota keessummoota….
Ciminni BRICS gumaacha tokko tokkoon biyyoota miseesaa taasisan irratti hundaa’a.
Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u albuudoota.
Ceehumsi anniisaa,maanufaakcharingiin foyyaa’aa tahe fi diingdeen dijitaalaa hundi isaanii, isaan irratti hundaa’u.
Afrikaan ammoo qabeenyawwan kana baayyee isaanii ni qabdi.
Akka gurmuu BRICS iittiis yoo ta’e,kaappitaala ni qabna,teknolojiii fi gabaas ni qabna.
Qabeenyawwan kun bu’aa guddaa akka argamsiisaniif isaan kana waliitti fiduu fi sona barbaachisaa ta’e itti dabaluun carraa jiru kanatti fayyadamuutu barbaachisa.
Itoophiyaan gama damee misooma albuudaa. anniisaa haarayoomfamaa fi b’uuraalee industirii guddatoo tahaniitiin tumsa heddummeeffachuuf qophii dha.
Dabalataan,Itoophiyaan addunyaas tan qunnamsiiftu ni taati.
Daandiin qillensa Itoophiyaa Afrikaan addunyaan wajji akka wal qunnamtu gochaa jira.
Elektrikiin keenya diingdee biyyoota ollaati tajaajilaa jira.
Finfinneen ammoo teessoo Gamtaa Afrikaati.
Isaan kun,plaat formiiwwan tumsa heddummeeffachuuf nu gargaaranii dha.
Itoophiyaan gurmuu BRICS iifi Gamtaa Afrikaa jidduutti wal mariin jabaan akka jiraatu barbaaddii.
Sababni isaatiis,ajandaan gurmuu BRICS ajandaalee 2063 waliin akka walsimu gochuuf ni dandeessisa waan ta’eefi.
Kabajamtoota keessummoota….
Ammaan tana,gara sirna faayinaansii idil addunyaattiin fuula koo deebisuu barbaade.
Itoophiyaan muuxannoo yeroo dhihoo irraa kaateeti dubbatti.
Nuti riffoormii diingdee man-dhalee isa guddaa ta’e hujii irra oolchinee jirra.
Liqii alaa akkamitti akka deebisnuus karaa qabsiifnee jirra.
Diingdee dhiibbaa jala jiru kamiyyuufuu, yeroon maallaqa.
Ejjennoon gama kanaan jiru ammoo,ariifataa,iftooma kan qabuu fi yeroo isaa kan eeggate tahuu qaba kan jedhu dha.
Akkanumattiis,dhaabbiilee maallaqaa kan idil addunyaa keessatti bakka bu’ummaan jiru, bu’aa foyyaa’aatti kan nu geessu ta’uutu irra jiraata.
Hammattoo BRICS keessatti kafaltiiwwan daangaa ceehan salphisuu,bahii xiqqeessuu, haalawwan daldala deeggaran keessatti itti fayyadama maallaqa biyya keessaa bal’isaa deemuun ni dandeenya.
Kabajamtoota keessummoota…..
Rakkoo jijjiirama qilleensaa dura dhaabbachuuf hujiin hojjatamuu fi ceehumsi diingdee waliitti hidhata qabu.
Gama sagantaa shaaraa Magariisaa keenyaatiin biqiltuulee mukaa Biliyoona 56 dhaabneeti jirra.
Waggoota 8ttan dabran keessatti anniisaa haryoomfamaa fi tajaajila geejjiba elektirikii babal’isaati as geenye.
Dabalataan,qonna qormaatawwan gara garaa dandamatu,misooma magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa irrattiis invast gochaa jirra.
Itoophiyaan bara faranjootaa 2027 tti, yaa’ii jijjiirama qilleensa idil addunyaa ‘cop-32’tan keessumsiftu tahuu isiitiin gammachuu guddaatuu itti dhagayama.
Itti gaafatamummaa kana nuti akka amanamummaa arganneetti ilaalla.
Dabalataan,itti gaafatamummaan nutti kenname kun akka waliigaltee dhiheessii fi abdii ta’ee akka ilaalamu barbaanna.
Kana jechuun, madaquu irratti tarkanfii cimaa fudhachuutu barbaachisa.
Biyyoota faayinaansii jijjiirama qilleensaa barbaadaniif ammoo,furmaata qabatamaa ta’eetu barbaachisa.
Kuniis ba’aa mugoota liqaa irraa karaa bilisa ta’een diinagdee isaanii cimsuuf kan isaan gargaaru ta’uu qaba.
Akkanumattiis,teknolojiin wal’aansaa si’ataa ta’ee fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’e akka babal’atuuf ni hojjanna.
Biyyoonni miseensa gurmuu BRICS ta’an,biyyoota diinagdee gurguddaa ijaarrachaa jiran,biyyoota anniisaa oomishani fi biyyoota rakkoo jijjiirama qilleensaatiin suduudaan miidhamaa jiraniidha.
Biyyoonni kun minjaala tokko irratti wal ga’uun isaanii kun ammoo,gumaacha gama isaanii akka taasisaniif haala mijjaawaa dha uuma.
Amma,yaanniniin BRICS if dhiheessu yoo jiraate,daandii gara Finfinneetti geessu irratti imala taasifamu fi walgahii‘COP-32’ gidduutti adeemsa jiru qabatamaa gochuuf hujii hojjatamu qindeessuun, dhimmoota dursi kennamuufi qabu irratti waliigalteen taasifamuu qaba kan jedhu dha.
Kabajamtoota keessummoota……
Addunyaan fulduraaf iiti deemaa jirru, biyyoota garagarummaa keessummeessuu danda’anii fi waliin gama fulduraa tarkaanfachuu danda’an barbaada.
Biyyoonni kaayyoo waliinii galmaan gahuuf irra caalatti wal fakkeenya qabaachuun isaan hin barbaachisu.
Duudhaaleen BRICS,waan waliin milkeessuu dandeenyu irratti hundaa’an.
Itoophiyaan michuummaa kanaaf qophii taateeti dhufti.
Bara faranjootaa 2027 ttis, “hundi keessan baga nagayaan gama Finfinnee dhuftan” isiniin jechuuf hawwiidhaan eeggachaa jirra.
Galtoomaa.”