ODUU: Hirmaannaa Itoophiyaan waltajjii BRICS 18ffaa irratti taasifteen milkooftee jirti.

Hirmaannaa Itoophiyaan waltajjii BRICS 18ffaa irratti taasifteen milkooftee jirti.

"Ol ka’insi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa Labsa" jedha ibsi tajaajilli komunikeeshinii mootummaa federaalaa baase.

Itiyoophiyaan bara haarawatti faayidaa biyyaalessaa isiitiif dursa kennuun sagalee Afrikaanotaa kan dhugaa ta’uu eegalteeti jirti.

Haalli ji’oo- poolitiksii addunyaa wal xaxaa fi jijijjiiramaa dha.

Itoophiyaan ammoo haala kana keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu dandeessee jirti.

Itiyoophiyaan,Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa kan biyya Hindii, magaalaa Niwuu Deelhiitti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu isii qabatamaan agarsiiftee akka jirtuu dha; ibsi tajaajilli komunikeeshinii mootummaa kan beeksise.

Dabalataan,Itoophiyaan dhagayamummaa waltajjiiwwan idil addunyaa irratti qabduus  qabatamaan mirkaneessiteeti jirti.

 Abdikarim Saed Salah on X: "Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed highlights  food security, Africa-BRICS cooperation, technology and stronger India ties  at the 18th BRICS Summit in New Delhi. #Ethiopia #BRICS #India #Russia #

Yaa’ii ‘BRICS’ mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsaa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kana irratti, Itiyoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu tahan waliin hariiroo gama hedduun qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu akka dandeesses ibsi tajaajilichi baase kun ni mul’isa.

Waltajjiin ‘BRICS’ kan tibbana gaggeeffame kun, Itoophiyaan sirna addunyaa haqa qabeessaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabduus ifatti kan mul’ise ture.

Itiyoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo calaqqisteen,biyyoonni osoo rakkooleen hin uumamin dursanii dandeettii dandamachuuf qaban cimsachuun akka irra jiraatu akeekkachiifteeti jirti.

Kanaan wal qabatee, Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa qamadii alaatirraa guutuu guutuutti bilisa of baasuu isii beeksifteeti jirti.

Biyyoota miseensa gurmuu BRICS tahan jidduutti, akka qaama oomishuuttiis ta’e, akka qaama dhiheessuutti wal jijjiirraan oomisha midhaanii akka jiraatu jedhamee yaada gorsaaf dhihaate Itoophiyaan kan deeggartu tahuu mirkaneessiteeti jirti.

Dhaloonni hubannoo nam-tolchee inni itti aanu akka ijaaramuuf Afrikaan tumsa gochuuf qophii akka taatees Itoophiyaan ibsuun isii hin oolamne. 

Kuniis,qorannoo saayinsaawaa gaggeessuu, beekkumsa kompitaraa, dandeettii fi dhaabbiilee hujii kana hogganuu danda’an barbaada.

Yunivarsitiin Ida’amuu hubannoo nam-tolchee Itoophiyaa hawwii kana dhugoomsuuf yaadamee ijaaramaa kan jiru ta’uus, Itoophiyaan beeksiftee akka jirtuudha; kan ibsame. 

 EBC WORLD on X: "𝐓𝐡𝐞 𝐒𝐞𝐜𝐨𝐧𝐝 𝐚𝐧𝐝 𝐋𝐚𝐬𝐭 𝐃𝐚𝐲 𝐒𝐞𝐬𝐬𝐢𝐨𝐧  𝐨𝐟 𝐭𝐡𝐞 𝟏𝟖𝐭𝐡 𝐁𝐑𝐈𝐂𝐒 𝐋𝐞𝐚𝐝𝐞𝐫𝐬' 𝐒𝐮𝐦𝐦𝐢𝐭 It is recalled  that Prime Minister Abiy Ahmed (PhD) attended the opening session of the  18th

Ijaarsa hubannoo nam-tolchee Afrikaa haala foyyaa’aa taheen hubachuu fi tajaajiluu danda’u ijaaruuf dhaabbiilee gara garaa fi gurmuu akka BRICS kanafaa wajjiin hojjachuu barbaadduus Itoophiyaan beeksifteeti jirti.

Bu’uuraalee misooma dijitaalaa ijaaraa akka jirtu kan beeksifte Itoophiyaan,Waraqaa eenyummaa dijitaalaa fayyaadamuu, daataa wal jijjiiruu fi Sirna kafaltii dijitaalaatiis babal’isaa deemuu akka dandeessee waltajjicha irratti himteeti jirti.

Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa kuniis, ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa qabuufi dinagdee dijitaalaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Itiyoophiyaan ibsiteeti jirti.

Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaala,teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenyota kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkanumattiis, qabeenya dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteeti jirti.

Itoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa heddummeeffachuuf qophii ta’uu isiitiis mirkaneessitee akka jirtuudha kan ibsame.

Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu isaa Itoophiyaan himteeti jirti.

Dhiheessii anniisaa biyyoota ollaa wajjiin qooddachuun itti fayyadamuun, akkasumattis, Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun isii, walitti hidhamiinsa ardii fi idil-addunyaa keessatti, Itiyoophiyaan gahee guddaa akka qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteeti jirti.

Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa fi iftooma kan qabu fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabuus,Itoophiyaan yaadachiifteeti jirti.

Biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqa-qabeessa taa’e kan bu’aa qabatamaa fiduu danada’u qabaachuu akka qabanillee Itoophiyaan hubachiifteeti jirti.

 Prosperity Party - ብልፅግና on X: "On the margins of the 18th BRICS Summit,  Prime Minister Abiy Ahmed (PhD) held high-level diplomatic discussions with  leaders from Russia, the UAE, and Vietnam to

Itoophiyaan yaa’ii BRICS 18ffaa kana irratti hirmaannaa dammaqaa taasisteen, milakaa’inni argatte hedduu dha.

Fakkeenyaaf:Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatuuf deeggarsa argatteeti jirti.

Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessattiis teessoo dabalataa akka argattuuf deeggarsa argattee jirti.

Akkasumattis,Yaa’iin Jijjiirama Haala Qilleensaa idil addunyaa‘COP-32’n Finfinneetti akka gaggeeffamuuf deeggarsa argatteetti.

Kana malees,Waajjirri Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Finfinneetti akka banamuuf yaanni dhiheessite fudhatama argatee akka jiruu dha kan ibsame.

 Dhimmoota dursi kennamuufi qabu gara waliigalteetti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaanni Itoophiyaan dhiyeessitees fudhatama bal’aa argateeti jira. 

Itoophiyaan yaa’ii BRICS 18ffaan cinatti hariiroo dippiloomaasii biyyoota gara garaa wajjiin qabdu cimsuuf hujii bal’aa hojjatteeti jirti.

Fakkeenyaaf: mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tumsa michummaa cimsuu keessatti milkaa’inni guddaan kan itti galmaa’e ture.

Pirezidaantii Raashiyaa Vlaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalayaatti cimsuun haala itti danda’amu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameeti jira. 

 PM Abiy Ahmed meets with Russia's President, Vladimir Putin on sidelines of  Russia-Africa summit - Amhara Media corporation

Mariin kun, dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnoota, teeknooloojii, akkasumattis, aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoon waloo kan itti mirkanaaweedha. 

Dabalataanis, qophii yaa’ii jijjiirama qilleensaa idil addunyaa ‘COP-32’ fi galmoota misoomaa irratti tumsa heddummeffachuuf waliigaltee uumuun danda’ameeti jira.

Mummicha Ministiraa  Hindii Naareendiraa Moodii waliin, humna ittisaa cimsuuf, dabarsa teeknooloojii taasisuuf, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameeti jira. 

PM @narendramodi met Prime Minister Dr. Abiy Ahmed Ali, on the sidelines of the  18th BRICS Summit in New Delhi. Both leaders discussed avenues to further  strengthen the India-Ethiopia Strategic Partnership across 

Hariiroo seenaa bara dheeraa qabu, kan Itoophiyaa fi Hindii, gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’amees ibsameeti jira.

Akkanumattiis,Mummicha Ministiraa Maaleeshiyaa Anwaar Ibraahiim waliiniis mummichi ministraa keenya kabajamoo Doktar Abiy Ahmad marihataniiti jiran.

Mariin hoggantoonni lameen taasisaniis, dhimmoota invastimantii, turizimii,anniisaa haaromfamaa fi damee oomishaatiin muuxannoo qaban wal jijjiiruu irratti kan xiyyeeffatee dha.

Wisma Putra on X: "° Prime Minister held a bilateral meeting with Prime  Minister of Ethiopia, H.E. Dr. Abiy Ahmed Ali, in New Delhi. 1/3" / X 

Marii kanaaniis carraan guddaan misooma biyya keessaa deeggaru, akka banamu taasifameeti jira.

Dhaalaa Gonfoo Mootummaa Abu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan waliiniis dhimmoota tumsaa kan gama hedduu irratti mariin gaggeeffamee akka jiru ibsameeti jira.

 مكتب أبوظبي الإعلامي on X: "Khaled bin Mohamed bin Zayed, Crown Prince of  Abu Dhabi, has met Dr Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia, on the  sidelines on the 18th BRICS Summit

Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeeshkiyaan waliin ammoo, haala tasgabbii fi nageenya naannawa Galaana Diimaa ilaalchisuun mariahatameeti jira.

 FDRE Office of Prime Minister

Akkasumattis dhimmoota waljijjiirraa daldalaa, dinagdee fi misoomaa  faayidaa waloo irratti hundaa’e caalmayatti babal’isuuf haala waliin hojjechuun itti danda’amu irratti waliigaltee irra gayameeti jira.

Post a Comment

Previous Post Next Post