Waxabajjii 8 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Piroojaktiin dirree qubsuma xayyaara idil addunyaa Bishooftuu Afrikaa keessatti pirojaktii dorgomaa hin qabne tahuu isaa mummichi ministiraa Doktar Abiy Ahmad ibsan.
Doktar Abiy Ahmad adeemsa ijaarsa Piroojaktiin dirree qubsuma xayyaara idil addunyaa Bishooftuu daawwatanii jiran.
Doktar Abiy piroojaktii kana kan daawwattan hoggantoota olaanoo mootummaa waliin tahaniiti.
Hujii kana irraa wonti hubatamuu qabu inni guddaan,pirojaktiin kun karoorfamuu isaatii fi maallaqni piroojktiin kun ittiin raawwatamuun argamuu isaa qofa osoo hin taane ga’umsa hoggansaati fi dandeettii raawwachiiftummaa keenyaa tahuu qaba jedhan mummichi ministra Doktar Abiy Ahmad.
Yeroo ammaa hojjattoonni kuma 8 ol tahan ijaarsa piroojktii kanaa gaggeessaa akka jiran dubbatan.
![]()
Maashinoonni gurguddaani fi konkolaattoonni kuma 3 hanga kuma 4 gahan raadiyasii kiloo meetira 30 keessa socho’aa hujii ijaarsaa kana gaggeessaa akka jiran Doktar Abiy himanii jiran.
Dabalataan ijaarsi pirojaktiichaa teknolojiidhaan karaa deeggarameen akka hordofamaa jiruus ibsaniiti jiran.