ODUU: Naannoo Oromiyaatti sagantaan ashaaraa magariisaa bara 2018 tii jalqabme.

Waxabajjii 22 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.

Naannoo Oromiyaatti sagantaan ashaaraa magariisaa bara 2018 tii jalqabme.

Sagantaa ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaatti har’a jalqabame kanaan biqiltuulee mukaa Biliyoona 5.3 dhaabuuf karoorfamee jira.

Guyyaa har’aa kana godinaalee Harargee dhihaa,Arsii dhihaa,Shawaa dhihaa,Jimma,Wallagga bahaa,Booranaa fi kanneen biraattis sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabamee jira.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree ‘Abdii haa dhaabnu’ jedhuun gaggeeffamuu jalqabe.

 

Sagantaa ashaaraa magariisaa kana irratti hoggntoota naannoo fi federaalaa olaanoo dabalatee kutaaleen hawaasaa hedduun hirmaachaa jiru.

Waggoota saddeettan dabran keessatti naannoo Oromiyaatti biqiltuuleen mukaa Biliyoona 28 gahan dhaabamanii kunuunfamaa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Sagantaa ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyooleessaatti baranaaf karoorfameen ammoo biqiltuuleen mukaa Biliyoona 8 caalan ni dhaabaman jedhameeti eeggama.

Post a Comment

Previous Post Next Post