Waxabajjii 1 bara 2018 Akka Bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Manni marii bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii wixineewwan labsii afur irratti marihachuun raggaasise.
Manni marii naannichaa jalqaba irratti kan marihate,wixinee labsii Ejansii sab-qunnamtii Hararii jedhu maqaa "Hararii Biroodkaasting Netwoork " jedhuun deebisee hundeessuuf qophaa'e irratti.
Wixineen labsii kun dhaabbanni sab qunnamtii naannichaa hujii qulqullina qabu hojjachuun tajaajila foyyaa’aa kennuuf ni dandeessisa jedhamee waan itti amanameef manni mariichaa wixinee kan raggaasiseeti jira.
Wixineen inni lmmaffaan manni marichaa irratti marihate ammoo,wixinee labsii mana marii qindeessaa fi tumsa walta’iinsa godaansa seeraan alaa hundeessuuf bahe irratti.
Wixineen labsii kuniis yakka namaan daldaluu fi seeraan ala namoota daangaa biyyaa ceesisuu ittisuuf ni dandeessisa jedhamee waan itti amanameef manni marichaa raggaasiseeti jira.
Manni marii naannichaa ajandaa sadaffaatiin wixinee labsii Inshuraansii fayyaa hawaasa fooyyessuuf qophaa’e irratti mari’ate.
Wixineen labsii kuniis haala kenninsa tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa foyyeessuuf kan dandeessisu tahe waan argameef akka raggaasifamuuf manni mrichaa yaada murtii dabarseeti jira.
Dhumarrattiis manni marii naannichaa wixinee labsii koomishinii tuuriizimii hundeessuuf bahe irratti mari’atee jira.
Wixineen labsii kuniis,qabeenya tuizmii naannichi qabu faayidaa diingdee barbaadameef oolchuuf kan daandeessisu waan taheef sagalee guutuun raggaasisee akka jiru tajaajila oduu Itoophiyaatu gabaase.