Waxabajjii 9 bara 2018 Akka bar-lakkooytuu Itoophiyaatti.
Gaaffii fi yaada qaban karaa nagayaatiin dhiheessuun qarooma akka tahe komishinariin olaanaan komishinii marii biyyooleessa Itoophiyaa Proofesar Masfin Ar’aayaa ibsan.

Komishiniin marii biyyooleessaa hidhattoota duraan hidhatanii naannoo Oromiyaa keessa socho’aa turan kanneen ergasii waamicha mootummaa kabajanii karaa nagayaa filachuun hawaasa isaaniitti makaman waliin magaalaa Adaamaatti marihateeti jira.
Waltajjii marii kana irratti kan argaman komishinariin olaanaan komishinii marii biyyooleessaa Proofesar Masfin Ar’aayaa haasawa taasisaniin,hidhattoonni duraanii kun karaa nagayaa filatanii hawaasa isaaniitti waan deebi’aniif galatoomfataniiti jiran.
Proofesar Masfin gaaffii fi garaagarummaa qaban karaa nagayaatiin dhiheessuun qarooma akka tahe ibsan.